Waraanni Iraan Itoophiyaa dabalatee Afrikaaf 'balaa hamaa' fidaa jiru maali?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Waraanni Giddugala Bahaa hammeesse Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaaf ''balaa hamaa fidee dhufaa jira'' jechuun gabaasni haaraa bahe mul'ise.

Biyyi Gaanfa Afrikaa Itoophiyaan Iraanirraa fageenya kilomeetira kumaan lakkaa'amun fagaattus daafii waraana kanarraa hin oolle.

Keessumaa guyyoonni itti aanan Ayyaana Du'aa Ka'uu sirna ho'aan kabajamu waan ta'eef silaa sochiin geejibaafi daldalaa cima ture.

Ta'us, sababa hanqina boba'aan mi'a gabaa baasuu, al ergiif sochoosuufi alaa biyyatti deebisuun qoramaata ta'aa jira.

Ministirri Muummee Abiy boba'aa ''qusadhaa'' yoo jedhan boba'aa biyya jiru sirnaan fayyadamuuf aangawoonni qajeelfama namuu hordofuu qabu ifa godhaniiru.

Sababa hanqina boba'aan konkolaattonni boba'aa argachuuf guyyootaaf toora seenanii eegaa akka jiran magaalota Itoophiyaa adda addaatii BBC'n odeeffateera.

"Wanti hindabalin tokkoyyuu hinjiru. Jiraachuuf dhiisuun namaayyuu baay'ee yaaddoo keessa jira" jedhan jiraataan BBC'n dubbise tokko.

"Saamunaan birrii 50 ture amma birrii 80 galeera, sukkaarri kiiloon tokko birrii 160 ture amma naannoo birrii 220'n gurguramaa jira" jedhu jiraataan Mandiirraa BBC'n dubbisemmoo.

Waraana torbanootaaf adeemee booda Kibxata halkan keessa US fi Iraan torban lamaaf dhukaasa dhaabuuf waliigaluu ibsaniiru.

Gamtaan Afrikaafi Baankiin Misooma Afrikaa gabaasa baasaniin waraana Iraaniin [amma garuu waliigalteen dhukaasa dhaabuu torban lamaa Iraanifi US gidduutti taasifameera] ardii Afrikaa keessatti jireenya akka qaalessuufi guddinaaf danqaa akka uumu AFP'n gabaaseera.

Gabaasichi akka jedhutti, Giddugalli Bahaa al ergii Afrikaa keessaa 10.9% akkasumas hamma alaa galchan keessaammoo 15.8% ni ta'a.

Boba'aan dabaluu, gatiin soorataa dabaluu, baasiin dooniin geejibsiisan dabaluufi gatiin inshuraansii dabaluun akkasumas dhimmi sharafa alaa jireenya akka qaalessu eegama jedheera.

Guddinni dinagdee biyyoota Afrikaa baay'ee isa bara Kovid turerraa gadi akka ta'u eegama jedhama.

Waraanni kuni yoo dheeratemmoo balaan isaa hamaadha jedhameera.

Walitti bu'iinsi yoo dheerate galteen boba'aafi xaa'oo hanqina godhatee rakkoo hammeessaatti sodaatameera.

Keessumaa yeroo midhaan facaasaatti xaa'oon yoo gahuu dhabe rakkisaa ta'uu mala jedha gabaasichi.

Gabaasni Baankii Misoomaa Afrikaarraa argame akka agarsiisutti, hanga ammaattuu maallaqi biyyoota Afrikaa 29 gatiin isaa cabeera.

Kunis, mi'a alaa galchuu rakkisaa taasisa, kuufama maallaqa alaas xiqqeessa, akkasumas idaa ofirraa kaffaluus itti cimsa jedha gabaasichi.

Akka gabaasa AFP'tti biyyoota baay'ees ta'u baatu biyyoonni Afrikaa muraasni yeroo waraana kanaa waa bufatu.

Fakkeenyaaf Naayijeeriyaan al ergii boba'aan akkasumas Mozaambikiin gaazii uumamaa calalame gurgurtuun buufatu.

Sababa yaaddoo gama Galaana Diimaa jiruun dooniiwwan karaa Afrikaa Kibbaarra marmaaruunis kanneen akka Afrikaa Kibbaa, Namibiyaa, Mozaambik fi Moorishiyeesif carraadha.

Gabaasichi akka jedhutti, sababa waraana kanaan Keeniyaan wiirtuu lojistikii Baha Afrikaa taateetti.

Daandiin Qilleensa Itoophiyaammoo ardii Afrikaa, Eeshiyaa, fi Awurooppaa gidduu ''riqicha atattamaa samiirraa'' ta'e tajaajilaa jiraachuu eere gabaasichi.

Haa ta'u malee, galiin kuni miidhaa qaala'insa jireenyaa, rakkoo bajataa fi wabii midhaan nyaataatti fiduun hin qixxaatu jedha.

Isarrattimmoo baasii dhaabbilee deeggarsaa akka hubuufi maallaqa deeggarsaa dhaabbilee kanaa dhimma biraatti ni qajeelchaatti sodaatameera.

Gama kaaniin, Dhaabbanni Maallaqa Addunyaallee (IMF) biyyoonni Baha Afrikaa biyyoota Galoo Galaanaa Galf waliin hariiroo jabaa waan qabaniif dinagdeen isaanii balaa cimaaf akka saaxilame ibseera.

Keessumaa maallaqni alaa argatan akka xiqqaatu, akkasumas rakkoon al ergiifi lojistikii akka isaan dhaqqabu gabaasni kuni ibsa.

Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa gabaasa baase keessatti dhiheessiin xaa'oo kan 1/3ffaan Ulaa Hormuuz keessa darbu danqamuun deebi'ee gatiin midhaanii dabalaatti akka sodaatamus eereera.

Waraanni Giddugala Bahaatti adeemaa jiru garuu Afrikaa qofa miti dinagdee idil-addunyaallee ni huba.

Keessumaa gatiin oomishaalee akka dabalu akkasumas dinagdeen akka tiratu taasisa jedha gabaasi Dhaabbata Maallaqa Addunyaa (IMF).