Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mucaan ganna 9 dhibee Iboolaan duute
Ministeerri Eegumsa fayyaa biyyattii dhibeen kun dhiha magaalaa Kasasee jedhamutti mucaa ganna sagaliirratti akka argame erga himanii booda lubbuun ishee darbe.
Awwalchaaf reeffa ishee gara biyya dhaloota ishee Koongootti erguuf haala mijeessaa akka jiranis himaniiru.
Mucaa durbaa ganna sagalii DR Koongoorra Yugaandaa wayita seenuuf kaatu sakatta'insa daangaarratti taasifameen qaama ishee keessatti dhibeen kun argamuun mirkaneeffame.
Dhiigni ishiis qorannoof kamisa kaleessaa ergame Iboolan dhiigashi keessatti argamuu mirkaneesse.
Mallattooleen jalqaba mul'atan dhukkubbii tasaa, dadhabbii cimaa, dhukkubbii qaamaa fi qoonqoo irratti mulatu.
Dhibeen kun marsaa itti aanutti wayita ce'u haqqee, baasaa,dhiigni qaama keessaa fi alatti dhangala'uu akka qaqqabsisutu himama.
Mucaan durbaa kun addaatti fo'amuun iddoo kunuunsi kennamufitti dabarfamtee turtus, lubbuun ishee darbeera.
Imaanu'eel Ayibebayoonaa BBC Newsday tti akka himanitti ,aanga'oonni biyyatti mucaan durbaa fi haati ishees DR Koongootti akka deebi'an mijeessaa akka jiran himanii turan.
Garuu sun osoo hin tahiin hafee lubbuun ishee dhibee kanaan darbe.
Yugaandaan giddugaleessa sakata'iinsa daangaa DR Koongoorratti hundeessuun weerara dhibichaa lubbuu namoota 2000 tti siqu bara darbe galaafatee to'achuu dandeessee.
Ji'a waxabajjii keessa namoota dhibichaan qabaman lamatu ture.
Lammiin Yugaandaa haadhaa warraa fi ijoolleesaa lama DR Koongootti wayita maatiisaa gaafachuuf dhaqee deebi'e dhibee kanaan of biraa du'aan dhabe.