Walaayittaa Dichaan Zaamaalek waancaa konfedereeshiniin ala godhe

Waancaa konfedereeshinii Afrikaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Waancaa konfedereeshinii Afrikaa

Kilabin Gibxii maqaa guddaa qabu, Zaamaalek, tapha deebii dhaqaa galaa waancaa konfedereeshinii Afrikaatti darbuuf kaleessa qe'eetti kilabii Itoophiyaa Walaayittaa Dichaa morkate injifatame.

Shaampiyoonaan Afrikaa si'a shani Zaamaalek kilabii yeroo duraaf walmorkii kubbaa miilaa Afrikaa dorgomuutin rukuttaa adabbii xumuraan 4fi 3'n kan mo'ame.

Walaayittaa Dichaan tapha dhaqaa galaa waancaa konfedereeshiniif darbeera. Kanaanis, kilabii waancaa chaampiyeensliigii Afrikaa 32 keessaa kufe tokko waliin walitti dhufa.

Tapha duraan Dichaan qe'eetti Zaamaalek 2fi 1'n injifate ture. Dilbata kaleessaan immoo Zaamaalek gara Gibxii dhaqee morkate 2fi 1'n injifatame.

Ida'ama galchiin sadii walqixa waan ta'anif gara rukuttaa adabbii xumuraatti adeeman. Taphatoonni Zaamaalek qe'eetti yaaddoo deeggartoota fuula duratti kubbaa karra eegaatti rukutan keessaa lama dhabuun 4fi 3'n mo'aman.

Kuni Walaayittaa Dichaaf injifannoo guddaadha. Kilaboota Itoophiyaa gara Kaaba Afrikaatti dhaquun yeroo dheeraaf olaantummaa dhabanif waan haaraadha.

Faallaatin garuu, Zaamaalek kan morkataan isaa Al Ahlii torban darbe waancaa liigii Gibxii irra-aaneef naasuu uumeera.