Morookoon qopheessituu Waancaa Afrikaa- Ayivoorii Koostiif tola ooltee salphina oolchite

Wiixati dheengaddaa (Amajjii 22, 2024) biyya lixa Afrikaaf guyyaa gaarii hin turre. Waancaa Afrikaa 2023 kan qopheessite Ayivoorii Koost qe'eesheetti salphatte.

Deeggartootashee kumaa kitila fuulduratti gareen Ikuwaatooriyaal Giinii goolii afur itti roobse, isheen homaa hin galchine.

Mufannaa, abdii kutannaa, burjaajii keessa kan turte Ayivoorii Koost, gulantaa itti aanutti ce'uuf carraa dhiphoo qabduun hamilee horachuullee hin dandeenye.

Akka waan kufaatiisaaniif leenjisaan sababa ta'ee, Jiin-Luyiis Gaasset ofirraa gaggeessan.

Erga leenjisaan kun gaggeeffamee booda gareen biyyaalessaa Ayivoorii Koost yeroodhaaf nama Imerse Feeyin jedhamuun hoogganama.

Seenaa Ayivoorii Koost keessatti taphni tibbanaa kun injifatamu hamaa biyyattii mudate yoo ta'u, bara 1984 asitti biyyi dorgommii AFCON qopheessite tapha gareewwan lama wajjin taphatte injifatamuun kan jalqabaati.

'Arboota' jechuun kan of waaman gareen biyyaalessaa Ayivoorii Koost tapha ramaddii keessaa darbuun gareewwan dorgomtoota 16 keessa seenuuf abdii xiqqoo qaban mirkaneeffataniiru.

Guyyoota lamaan darbaniif itti ba'asaanii arguu dharra'aa turan, dhumarratti taphi Morookoo fi Zaambiyaa kaleessa galgalaa isaan fure.

Morookoon goolii 1 fi 0 dhaan Zaambiyaa injifachuun oolmaa guddaa Ayivoorii Koostiif oolte, salphina keessaa baaste.

Zaambiyaan garee filatamoo sadarkaa sadaffaan xumuran taatee darbuuf qabxii guutuu fi goolii baayyee guurrachuutu irra ture.

Garuu homaa osoo hin argatin ba'uunshee qopheessituu dorgommii kanaaf carraa baneera.

Goolii tokkittiin Hakiim Ziyach galche waan sadi murteesse: Morookoon gara gulantaa itti aanutti ramaddicha keessaa tokkoffaan akka dabartu mirkaneesse, Zaambiyaan biyyatti deebise, Ayivoorii Koost ammoo dorgommicha keessa tursiise.

Taphoota ramaddii isa dhumaa kaleessa galgala gaggeeffaman afur keessaa kan goolii keessummeesse kan Morookoo fi Zaambiyaa qofa.

Ramaddii F keessaa qabxii torba argachuun jalqabarra ta'anii kan darban gareen Leencota Atlaas tapha mo'atanii darbuutii Afrkaa Kibbaa waliin Kibxata dhufu waliif ba'u.

Carraa dhiphoodhaan gitintiraa gareewwan 16 keessa kan seente Ayivoorii Koost, biyya waancaa isa darbe mo'attee fi dorgommii kanas hanga yoonaa mo'achaa as geesse, Senegaal waliin ramadamte.

Gareen Arbootaa carraa gareen Waalid Regreegii isaaniif baneef galateeffataa, garee waancaaf sodaatamu waliin wal'aansoo qabuutti hidhannoo jabeeffataa jiru.

Garuu Senegaal kuffisanii darbuun ammas qormaata biraadha.

Garee 16 keessa galan keessaa taphi Naayijeeriyaa fi Kaameeruun akkaan eegama, ramaddii B keessaa qabxii torbaan tokkoffaa taatee kan dabarte Keep Verdeen Moritaaniyaa waliin taphatti.

Taphoota kaaniin Angoolaafi Namiibiyaan, Ikuwaatooriyaal Giiniinfi Giiniin, Masriinfi DR Koongoon, Maaliifi Burkina Faasoon waliin ramadamniiru.