Waraana Israa'el-Gaazaa: Namoota butamanii fi hidhaman deebisuuf gahee Fannoo Diimaa

Madda suuraa, Getty Images
Xiyyeeffannoo guddoon, Hamaas namoota nagaa bute gadhiisuurratti wayita ta'etti, warreen gaadhiifaman qaama isa bute harkaa fuudhanii qaama isa biraaf dabarsuutti gahee olaanaa kan bahe Koree Fannoo Diimaa Idila addunyaati (ICRC).
Viidiyoo namoota gadhiifamanii waraabame irratti hojjettootni Koree Fannoo Diimaa uffannaa addaa adii balaarraa isaan ittisu keewwatanii, mallattoosaanii isa beekamaa ta'e qabatanii hidhattoota fuulasanii golgalanirraa namoota butaman fuudhanii konkolaataasaanii keessa yoo galchan, deggarsa fayyaa jalqaba yoo kennaniifi daa'imman gadhiifaman yoo taphachiisan mul'ataniiru.
Dhaabbatni kun Onkololessa 7, guyyaa hidhattootni Hamaas haleellaa tasaa raawwatanii namoota hanga 240 ta'an butanii Gaazaatti deebi'anii kaasee namoota butaman kana ilaalchisee Hamaas waliin dubbachaa bahe.
Irra deddeebiin namootni kun akka gadhiifaman gaafachaa ture. Yoo xiqqaate miseensonnisaa warra qabaman daawwachuuf hayyama akka argatan gaafachaa ture.
Hanga ammaa namootni Hamaasiin butaman 58 gadhiifamaniiru, isaan keessa lammiileen Israa'el 40 fi kan Taayiland 12 ni argamu.
Dhaabbatichi gadhiifamuu namoota kanaaf marii godhameefi waliigaltee qaamolee lamaanii keessa hin jiru.
Garuummoo erga lameen wanta irratti waliigaluu malan irratti waliigalanii booda namoota gadhiifamaniif haala mijeessuu qe'eetti deebisuuf kaan keessattis gahee baheera.
Gama Israa'eliin dhaabbatichi hanga irraa eegamu hin baane jedhamuun qeeqni irratti dhiyaateera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhaabbatichi garuu ''ICRC'n dhiibee humnaan bakka namoonni butaman jiran hin deemu, bakka isaan jiranis hin beeeknu'' jedheera.
Qeeqni Israael garuu waajira wiirtuusaa Jenevaa godhatetti namni hedduun wanta Fannoon Diimaa gochuu danda'uu fi gochuu hin dandeenyerratti hanqinni hubannoo jira yaada jedhu uumeera.
Dhaabbatichi bu'uura waliigaltee Jeneevaan shoora isaa isa duruu beekamu; namoota butaman daawwachuuf gaaffii dhiyeessuu, qorichoota adda addaa dhiyeessuufi maatii achi buutee firasaa dhabeef oduu gaarii dhageessisuu itti fufeera.
Hojiileen kunniin qabatamatti Hamaas ykn Israa'el yoo hayyamuu baatan raawwatamuu hin danda'an. ICRCn qaama hidhannoo qabu miti, kanaaf amantaa warra wal-waraanan waliin qaburratti hundaa'uun namoota nagaa baraara.
Dhaabbatni kun akkuma namoota Hamaasiin butaman Gaazaa keessaa baasee harka mootummaa Israa'eliin gahe, akkasumammoo wal jijiirraa hidhamtootaa jarri irratti waliigalaniin Filisxeemota Israa'elirraa gadhiifaman fuudhee Westi Baankiin gaheera.
Haalli wal-jijjiirraan hidhamtootaa kun itti raawwatuufi dhiyeessiin jiru rakkisaa ta'us, ICRC haala dhiphisaa akka kanaa keessatti hojjechuu itti bareera. Bara darbe Yaman keessatti hidhamtootni 900 harka hidhattoota Huutii fi mootummaa biyyattii Saawdiin deeggaramu harkaa akka bahan godheera.
Duulli sun guyyoota lama fudhate. Dhaabbatichi xiyyaaraan bakka lolli gaggeefamu keessa deemee hidhamtoota kana fuudhee baheera.
Wayita sanitti daayireektarri Gidduugala Bahaa ICRC, Fabriiziyoo Karboonii wal-jijjiirraan hidhamtootaa kun rakkoo malee xumuramuutti aara galfachuu himaniiru.
Dhaabbatni kun bara waraanni addunya tokkoffaa fi lammaaffaan gaggeefamu keessa booji'amtoota waraanaa fi maatii quba walqabaachisuuf hojii hedduu hojjeteera.
erga waraana addunyaa tokkoffaatii jaarraa tokko booda amma dhaabbatichi tajaajilli kennu bal'ateera. Gama waraanaafi sochii hidhannootiinis wanti hedduun geedarameera.
Fannoon Diimaa garuu hin geeddaramne: oduu maatii waliirraa gargara badee waldhageessisa, yeroo danda'u ammoo kan waraanni gargar baase walitti fida.
Sochii dhaabbatichaa biyyoota kaanii

Madda suuraa, Reuters
Neelsan Mandeellaan sirna apaartaayidii jalatti wayita hidhaa turan Waldaan Fannoo Diimaa [ICRCn] odola Ruubanitti deddeebi'ee gaafateera.
Kaaba Ayerlaanditti waliigalteen nagaa fi aangoo qooddachuu hanga raawwatamutti miseensota paarlaamaa hidhamanii turan gaafachaa ture.
Bara 2014 Naayijeeriyaa keessatti hidhattootni Bookoo Haraam wayita barattota dubaraa dhibbaan lakkaawwaman butanii turan ICRCn waggaa lama booda shamarran hangi ta' e akka gadhifaman gargaareera.
Amma haala Gaazaa jiruun gaheen dhaabbatichaa haala mijeessuuf gargaaruudha yeroo jedhamu marii gadhiifamuusaanii keessa ni jira jechuu miti.
Gadhiifamuu isaaniif marii gaggeefame keesssatti gahee hin qabnu... waliigaltee qaamolee lamaaniin shamarran kana dabarsineerra'' jedhe dhaaabbitichi wayita shamarran Obook gadhiifaman.
Kaarboniin, hooggana olaanaa ICRC waliin torban kana gara jalqaba Kataaritti imalanii wayita turan ''ijoollee koo ilaalee, obboloota koo ilaalee osoo nu gidduu addi wayii dhalatee isaan qabamanii, anis isaan arguu hin danda'u ta'ee, hammaateemmoo osoon oduusaaniis hin dhagahu ta'eewaoo jedheen yaade'' jedhu.
''Kanaaf yeroo maatii gargar bahe walitti deebifnu, miira jiru ibsuun ni rakkisa, kaayyoon keenya kana'' jedhan.












