Loltoonni garee mindeeffamtoota Raashiyaa ‘Waagnar’ amma eessa jiruu?

Loltoota Waagnar dhiheenya awwaalcha dursaa saanii ajjeeffameetti

Madda suuraa, Getty Images

Dursaan garee mindeeffamtoota Waagnar, Yevgeny Priigozhiin erga du’ee waggaa tokko darbeera.

Gareen Waagnar kan loltootaa isaa guutuu Yukireen, Sooriyaa fi kutaalee Afrikaa keessatti bobbaasuudhaan eddoo ykn impaayera bal’ifatee ture ammatti maaltu akka mudate guutummaatti ifa miti.

BBC Russian erga fincilli yeroo gabaabaaf Moskoo irratti ka’e ture sanaa fi Priigozhin balaa xiyyaaraan lubbuunsaa darbeen booda maaltu akka mudate loltoota duraanii fi namoota garee Waagnar waliin dhihoo ta’an waliin dubbateera.

Fulbaana 2023 keessa dargaggeessi qaama guutuu fi bishaan ijasaa cuquliisa fakkaatu tokko bakka sakkata’insa buufata xiyyaara Idil-addunyaa Istaanbul keessa dhaabbattee ture.

Dargaggeessi kunis uffata aadaa Arabaa mataa ittiin haguuggatan fi jaakkeetii uffata mataa qabu (huudii) uffatee, gara Liibiyaa fi biyya Afrikaa biraatti ce’ee hojii haaraa barbaaduuf yaalaa ture.

Namni kunis kan garee mindeeffamtoota Waagnar baayyee cimaa tureefi Yeevgeny Priigozhin hundeeffamee fi hoogganamu waliin lolaa turedha.

Gareen kunis kubaaniyootaafi pirojektoota doolaara biiliyoona baasan Sooriyaa, Maalii, Jidduugala Rippablika Afriikaa, Sudaanii fi Liibiyaa keessatti sochoosa.

Tibba Raashiyaan Yukireen weerarteettis loltoonni garee kanaa gahee olaanaa bahaniiru.

Yeroo weerarri raawwatameettis, ministirri raayyaa UK loltoonni Waagnar 50,000tti tilmaamaman jiraachuu beeksiisee ture.

Haata’u malee, hidhamtoonni duraanii gara kuma 20tti siqan lola bulchiinsa Yukireen xiqqoo kan taate Baakmutiin to’achuudhaaf taasifameen du’usaanii odeeffannoon tajaajilli BBCn Afaan Raashiyaa argate ni mul’isa.

Loltoota Waagnar Yukireeniitti
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Priigozhin ministirri ittisa Raashiyaa hanqina rasaasaa uumeera jechuudhaan bara darbe loltoota hafan baatii Caamsaa keessa baase.

Dargaggoonni buufata xiyyaara Istaanbuuliitti argame kunis Yukireenii osoo homtuu hin mudatiin bahee ture.

Erga Yukireenii baheen booda baatii ittaanutti oppareshinii ‘‘duula Haqaa’’ jedhamuutti akka makamuuf waamichi karaa Telegraamitiin qaqabe.

Dargaggoon kunis hidhattoota Waagnar pirezidanti Putiin irratti filcila kaasuudhaan magaalaa kibba Raashiyaa kan taate Roostoov Ondooniin to’achuun kanneen addunyaa naasisan keessaa tokko ture.

Dargaggeessi kunis yeroo dhumaatiif Priigozhin kan arge yeroo sana ture. Priigozhin konkolaataa keessa seenee ofee suuraa ka’udhaan magaalatii dhiisee bahe.

Waagnaris hidhattoota koo qabadheen Mooskootti duula isa jedhe dhaabe. Pirezidanti Putiinis loltoonni Waagnar waraana biyyattiitti akka makaman ykn Priigozhin waliin gara Beelaarusiitti imaluu danda’u jechuun hordofee waliigalte irra gahan.

Waliigalteen kun wayita taasifameetti ture dargaggeessi kun kan dhumni Waagnar gahuusaa hubate.

 Dursaa garee Waagnar ajjeeffame Yevgeny Priigozhiin

Madda suuraa, Getty Images

‘‘Erga waliigalteerra gahameen booda kaan Beelaaruus, kaan ammo gara biraatti imaluuf yaadan. Kan dubbiin ifa hin taaneefi haalli ifa ta’e hin turreef akka naaf hin taane murteesse’’ jedha loltuun garichaa kun.

Waliigaltichi taasifamee baatii lamaan booda Hagayya 23, 2024 jeettiin Priigozhin qabatee ture kibba Mooskootti kufee cacabuun innifi hoggantoonni garichaa kaan du’an. Ajjeechicha duuba qondaaltoonni Kireemiliin jiru jedhamulleen isaan ni haalu. Haata’u malee hidhattoonni Waagnar kana hin fudhatan.

‘‘Priigozhin wayita ajjeeffamaniitti Raashiyaa keessatti wanti na hafe akka hin jirreen hubadhe’’ jedha.

Dargaggeessi kunis filmaatawwan jiran wayita qoratuutti qabeenyaawwan Waagnar biyyoota garaa garaatti argaman mootummaa fi waraana Raashiyaa jala galaa dhufu hubate.

Kanaafu paasportii, maallaqa qusatee fi leenjii waraanaa qaba. Kana yaada keessa galchunis biyya duraan itti lolee ture Sooriyaatti balalii’uuf murteesse.

Loltoonni mindeeffamtootaa Sooriyaatti argaman waraana Raashiyaarra waliigalteen akka kennameef maddeen lama BBC Raashiyaatti himaniiru.

Dargaggoon Sooriyaa gahees filmaannisaa ministeera ittisa Raashiyaa jala ta’uun loluu ykn ta’uu qofaadha.

Waliigaltee kana mallatteessuu waan hin barbaadneef baatiiwwan lamaaf hojii dhaabee ta’aa ture. Haata’u malee kanfaltiin jalaa hin dhaabbannee ture. Isaan boodas Afriikaa keessatti hojii barbaaduuf kan murteesse yoo ta’u, kanas eenyumtu hin mormiineen.

Dursaa Waagnar duraanii Yevgeny Priigozhiin

Madda suuraa, WAGNER TELEGRAM ACCOUNT / GETTY

Yeroodhuma wal fakkaatuuttis ministirri ittaanaa raayyaa ittisa Raashiyaa, Yuuniis Beek gara kaabaafi Lixa Afriikaatti imalan.

Ministirichis qondaaltoota olaanoo tajaajila odeeffannoo waraana Raashiyaa waliin ta’un biyyoota Waagnar keessa socha’u Liibiyaa, Burkinaafaassoo, Jidduugala Riipablika Afriikaa, Maalii akkasumas Niijar dowwatan.

Ministirri ittaanaa ittisaa kunis ‘‘waliigalteen Waagnar waliin taasifaman ni kabajamu,’’ haata’u malee, waliigalteewwan kan hojiirra oolfaman, ‘‘kallattiin ministira raayyaa ittisa Raashiyaa waliin ta’a’’ ergaa jedhu dabarsuu gareen qorannoo Instituutii Tajaajila Rooyaal Yunaayitidi UK bu’ureeffate ibseera.

Miseensoonni humna Waagnar duraanii Afriikaatti argaman tokko tokkos yeroo ammaatti finciltoonni isaanii biyyoota lolaafii jiran tokko tokkoof deeggarsa waraanaa kennaa jiru.

Deebiisaatiif hidhattoonni qabeenyaawwan umamaa faayidaa tarsiimoo qaban argatu. Biyyoota dhiheenyatti waraanni itti aangoo qabate Maalii, Niijarii fi Burkinaafaassoon walitti dhufeenya koloneeffattuu isaanii dur Faransaay waliin qabdu adda kutuudhaan Raashiyaa waliin michummaa uumatan.

Gabaasni gareen qorannoo baasee, Raashiyaan albuudoota akka liitiiyam, warqee fi yuraaniim fa’irratti fedhii akka qabdu ibse.

Ministeerri raayyaa Ittisa Raashiyaa beeksiifni mindeessuu ‘‘Africa corpse’’ kutaan waraana Afriikaa bara kana Muddee irratti mul’ataniiru.

Ministira Ittaanaa raayyaa ittisa Raashiyaa Yunus-Bek Yevkurov

Madda suuraa, Getty Images

Dargaggoonni buufata xiyyaara ture sunis boodarra biyya Afriikaa yaadee qaqabuu BBCtti himeera.

Dargaggoonni mindeeffamu akka hojii kamiittu ilaalu kunis, Yukireenii fi Beelaaruus gara fuulduraatti haala foyya’een abdii Afriikaa keessaa ta’u dubbata.

Irra caalaan deeggartoota hidhattoota duraanii ministeera raayyaa ittisa Raashiyaa keessatti kutaa waraanaa haaraa hundeeffame keessatti tajaajilaa akka jiran dubbatu.

Haata’u malee, maddi Yevgeny Priigozhiin waliin quunnamtii qaban tokko ilmisaa Pooveel, Yevgenyi irratti to’annoon murtaa’e akka jiru BBCtti himeera.

‘‘Mooskoon haala faayidaa Raashiyaa waliin walitti hin buuneen, bakka bu’aan Afrikaa keessatti hojii abbaasaa akka itti fufuu hayyamteetti’’ jechuun maddi ibseera.

Guyyaa waraanni Waangar magaalaa Rostov-on-Don itti to'atee ture

Madda suuraa, Getty Images

Jalqaba irratti waa'ee Paavel, kan gara umuriisaa dhuma waggaa 20 keessaa, dhaabbata waraanaa dhuunfaa Waagnar (PMC) kan Eegdota Biyyaalessaa, Rosgvardia jalatti geggeessudha malee, ministeera ittisaa miti oduun jedhu ture jalqabarratti.

Gabaasni Ruus kun akka jedhutti, dhimmi Waagnar hoggantoota Tajaajila Odeeffannoo Waraana Biyyaaleessaafi Eegdoota Biyyaalessaa jidduutti morkii kaaseera.

Ministeerri Ittisaa UK baatii Guraandhala keessa akka jedhetti, kutaaleen waraanaa Waagnar sadii dhuguma Rosgvardia keessatti hammatamuun, isaanis gara Yukireen fi Afrikaatti bobbaafamuun isaanii hin oolu.

Haata'u malee gahee Paavel ilaalichisuun hanga ammmaatti wanti ifatti jedhame kan hin jirre yoo ta'u, gaaffii BBCn yaadasaa argachuuf dhiyeesseefis deebii hin kennine.

Intalli dursaa garaa Waagnar wayita qophii Mooskoorratti argamteetti

Madda suuraa, Reuters

Loltoota Wagner maaltu akka mudatee fi amma eenyu akka isaan qacaruu ilaalchisuun odeeffannoon qabataaan jiru xiqqaadha. Haa ta’u malee, chaanaalii Teleegraamii mirkana'aan garee kanaa ammallee bakka ''fagoorraa'' beeksisa qacarrii ergama adda hin baanerraa loltootaaf maxxansaa jira.

Raashiyaadhaaf, karaa garee Waagnar kaayyoo idil-addunyaa ishee hordofuun qoqqobbii irra darbuufi filannoo hirmaannaa dhorkuu akka eegdu ishee dandeessiseera.

Gama biraatiin, loltoonni duraanii Waagnar tokko tokko ministeera ittisa Raashiyaa shakkuu ykn mormuu isaanii itti fufaniiru.

Kanaafuu, irra deebiin qacaramuuf karaa al-kallattiin ykn guutummaatti iftoomina hin qabneen gama lachuutiin iyyanni ni jira.

Weerara Yukireen booda, tikni waraanaa Raashiyaa gareewwan kiraa sassaabdotaa fakkeenya Waagnarii fi walumaagalatti maqaa Reedut jedhanii moggaasuun ijaare.

Qorannoon miidiyaa Raadiyoon 'Free Europe' Onkoloolessa darbe gaggeesse kutaalee adda addaa 20 ol maqaa 'Redut PMC' jalatti qacaran adda baaseera.

BBCn galmee dhaabbilee mirkannaa'uun galmaa'an keessatti 'Redut' argachuu kan hin dandeenye yoo ta'u, maddeen hedduun GRU fi ministeera ittisaa waliin hidhata akka qabu nutti himaniiru.

Redut's ta’e Kireemiliin gaaffii BBCn dhimmicha irratti dhiheesseef deebii hin kennine.

Marii BBC loltoota Waagnar duraanii waliin taasiseen miseensoonni baayyeen Burkinaafaassoo dabalatee, Afriikaa keessa turuuf murtessuu hubateera. Biyyi gara biraa loltoonni kunneen baayyinaan keessatti argamanis bulchiinsoota Kibba Raashiyaa, Chichiniyaati.