Barattuu PhD ganna sadii otoo hin guutiin waraqaalee qorannoo 12 maxxansiisuun, hojii kalaqaa 2tti milkoofte

Dubartiin kun waggaa sadii otoo hin gahiin namoota wajjiin barnoota eegalan hunda dursuun PhDn eebbifamte.

Laabiraatorii itti yaalii hojjettu keessa buluun halkaniif guyyaa hojjechaa turte. Dhumarrattis waan irraa eegamuu ol milkeessuun badhaafamtuu taateetti.

Dubartiin kun eenyu?

Dubartiin barnoota Herreegaa fi Fiiziksiitiif jaalala addaa qabdi. Muummee isheerraa PhD kan argate yoo taatu, kolleejjii ishee irraa ammoo dubartii jalqabaa PhD argattedha. Dr Tsiyoon Amsaaluu jedhamti.

Qorattuun kun bu'aa bayii keessa dabartee milkooftee fi xiyyeeffannoo qorannooshee irratti BBC waliin turtii taasisteetti.

Dr Tsiyoon Amsaaluu eenyu?

Dr. Tsiyon Amsaaluu jedhamti. Lixa Oromiyaa magaalaa Naqamtee naannoo Burqaa Jaatoo jedhamutti dhalatte.

Maatiif intala hangafaa yoo taatu harmeenshee hojiif naannoo biraa waan deemteef adaadaashee biratti guddatte. Isaanuma birattis baratte. Barnootashee sadarkaa jalqabaaf lammataa achuma magaalaa Naqamteetti hordofte.

Gidduutti garuu maatiinshee sababa jijjiirraa hojiitiif Naqamtee waan bahaniif kutaa 3ffaa magaalaa Najjoo M/B Abdiisaa Aagaa, kutaa 4ffaa magaalaa Gimbii M/B Advenstistii jedhamuttis barnootashee hordofteetti.

Addatti gosa barnoota Herregaaf Fiiziksii kan jaalattu Tsiyon (PhD), barattuu qaxalee turte. "Barattuu qaxaleen ture. Yeroo baay'ee [dorgommii] gaafiif deebii irratti M/B Burqaa Jaatoo bakka bu'ee kan deemu ana ture. Dhuma waggaatti badhaasa lama sadiin fudhadhee gala" jechuun yaadachiisti Dr. Tsiyon.

Barnootashee sadarkaa lammaffaaf qophaa'inaas maagaalaa Naqamteetti goolabde. Qormaata biyyaalessaa kutaa 10ffaa fi 12ffaa qabxii olaanaa galmeessisuun barnoota Civil Engineering hordofuuf Yunivarsiitii Wallaggaa seente.

Barnoota haalaan akka jaalattu kan dubbattu Tsiyon (PhD), "barnootakoo nan dubbisa; maatiinkoo baay'ee na deggaru turan.

Barnootatti baay'ee na jajjabeessu. Dhuma waggaa gaafan badhaasa M/B argadhee galu, isaanis badhaasa naaf qopheessu" jechuun deggarsa maatiin barnootasheerratti taasisan ibsiti.

"Durumaan kutaa 7 kaasee barnootan irratti hojjedhu Fiiziksii fi Herregadha.

[Barnoota] calculation qabu nan jaaladha. Isaafan Injinariingii tokkoffaa irratti filadhe.

Yeroon sadarkaa tokkoffaa baradhu barsiisonnikoo maalta'uu barbaadda gaafa naan jedhan, Injinaran jedhan.

Keessumaa barsiistuunkoo Baayolojii 'ati injinara hin taatu, medicine seenuu qabda' naan jetti turte.

Keessakootti dandeettiin ani qabu waan calculation kanarratti waan tureef, Injinariingii tokkoffaa irrattan guutee yunivarsiitii seene.

Gosa barnoota Siiviil Injinariingii akka baratte kan himtu Tsiyon (PhD), injinariingiin "calculation fi drawing" tiin guutuu waan ta'eef akkuma yaaddetti argachuu dubbatti.

"Badhaasaa yunivarsiitiin Wallaggaa Waggaa waggaatti kennaa ture, argataan ture.

Ministeerri Saayinsii fi Teknolojii ammoo yunivarsiitiirraa shamarran tokko tokko badhaasu turani. Bara 2015 Yun. Wallaggaa irraa 'Top female highest cumulative GPA' tiin badhaasa laaptooppii argadheera" jechuun badhaasa yeroo barattuu turte gonfatte himti.

Qabxii olaanaa galmeessuun digirii jalqabaatiin Yun. Wallaggaarraa kan eebbifamte Tsiyon (PhD), akkuma eebbifamteen yunivarsiitichatti barsiistuu taatee qacaramte.

Ganna tokkoof erga barsiistee booda barnootashee digirii lammaffaatiif Addis Ababa Science and Technology University [ASTU] seente.

Turtii waggaa lamaan booda gosa barnoota 'structural engineering' tiin eebbifamte.

Gosti barnootaa kun "wantota baay'ee of jalatti qaba. Irra jireessaan design building [saxaxa ijaarsaa] ilaallata.

'Halkaniif guyyaan hojjechaa ture…'

Barsiistuu fi qorattuun kun, barnootashee digirii sadaffaa irrattis gosuma barnoota digiriishee lammaffaa cimsitee itti fufuun PhD ishees 'Structural Material Science and Engineering' tiin baratte; qoratte.

Digirii lammaffatiin eebbifamtee ganna lama booda barnoota PhD isheetiin ammoo Taanzaaniyaa fi Ameerikaatti imaluun milkoofteetti; qorattuu qaxalee jedhamuunis badhaafamteetti, Dr. Tsiyon.

"Iskoolaarshiippii PhD sana akka Afrikaatti nama 72 tu argate. Akka Itoophiyaatti ana faana nama lamatu argate.

'Koort foor' jedhama kan yeroo sana arganne. Namoota 72 kanneen keessaa kan dursee eebbifame anadha. Namoonni 71 ammayyuu yunivarsiitii adda addaa keessatti barnootarra jiru" jechuun barnoota PhD-shee ariitii hin baratamneen goolabuu himti Tsiyon (PhD).

"Carraa barnootaa online argeen apply godhe. Achiin carraa sana argatteetta naan jedhani" jechuun iskooraarshiippii Regional scholarship innovation fund (Rsif) jedhamu argachuushee yaadachiisti Dr. Tsiyon.

Carraan barnootaa kun biyyoota gara garaatti akka kennamu kan kaastu qorattuun kun Taanzaaniyaa fi Ameerikaa filachuushee dubbatti.

Taanzaaniyaa magaalaa Arushaatti dhaabbata 'Nelson Mandela African Institution of Science and Technology' jedhamu ganna lamaaf turtee PhD ishee kan hordofte qorattuun kun, "ji'a kudhan kan ta'uuf ammoo Ameerikaa yunivarsiitii Worcester Polytechnic Institute (WPI) jedhamuttan qorannookoo geggeessaa ture" jechuun waa'ee barnooshee digirii sadaffaa ibsiti.

Waraqaa qorannoo 2 PhD'n ebbifamuudhaaf barbaachisu irratti 10 dabaluun hojii qorannoo 12 joornaalota idil-addunyaa irratti maxxansiisuun, kalaqa lama faana eebbifamte.

Kana hunda kan raawwatte ammoo turtii ganna lamaaf ji'a kudha tokkoo keessattidha.

"Iskoolaarshiippichi waggaa afuriif tura. Ani waggaa lamaaf ji'a kudha tokkottan xumure. Eebbifamuudhaaf kan barbaachisu [publication] lamadha.

PhD yeroon hojjechaa ture halkanumaaf guyyaa hojjechaa waanan tureef, [hojii qorannoo] 12 international journal irratti maxxansiisee, kalaqa 2, tokko abbentaa isaa akka biyyaalessatti kennameeraaf jette.

Tokko certification ykn ragaadhaaf eegaa jirra" jechuun waa'ee dhamaatii fi bu'aa boonsaa argattee himti dubartiin qaxaleen kun.

'Ameerikaa yeroon ture gara ji'a sadii laabii keessan bulaa ture…'

"Jabaatanii hojjechuudha. PhD yeroon hojjedhu nan yaadadha, sa'aatii lamaaf teessoorra yeroon rafu jira; mana keessa otoo hin taane laabiin experiment [yaalii] ittii hojjedhu keessadha.

Ameerikaa yeroon ture gara ji'a sadii laabii keessan bulaa ture. Sa'aatii nurraa eegamu sa'aatii saddet qofan hojjedha miti" jechuun galma yaadde gahuuf halkan hirriba malee dabarsite yaadachiisti.

Yeroo carraa barnoota PhD argatte Dr. Tsiyon dubartii bultii dhaabbattee maatii horatte turte. Ijoolleesaanii abbaa manaashee irratti dhiistee deemte.

Sun abbaadhaaf waan ulfaatu ta'us abbaas haadhas ta'eefii akkasheen deemtee barnootashee barattuu gochuu dubbatti Dr. Tsiyon.

"Abbaan warraakoo na jajjabeessa. Maatiin baay'ee na jajjabeessu. Akkasumas gorsitoonnikoo Taanzaaniyaaf Ameerikaarra jiran baay'ee na gargaaru.

Yeroon [article] 12 kanneen barreessu isaanis dafanii ilaalanii yoo naa deebisan malee maxxansiisuun ni rakkisa.

Yeroo gabaabaa gidduutti ilaalanii naa deebisu; inni na gargaareera. Iskoolaarshiippiin ani keessa tures fully funded [kaffaaltii guutuu] waan ta'eef, wanti hundumtuu gaarii ture" jechuun namoota mikaa'inashee keessatti qooda fudhatan kaasti.

Ariitii isheen barnoota PhD itti xumurte kan hin baramne ta'uu kan dubbattu qorattuun kun, "baay'een isaanii waggaa afur, shan, jaha kan isaa oliyyuu turanii na faana eebbifaman turani.

Ariitiin [ani ittiin xumure] hin baratamne. Waan hojjetamuu qabuun olitti baay'ee waanan hojjedheef, inumaa yeroon eebbifamu 'barattuu cimtuu PhD qorannoo fi kalaqa keessaa' jedhamuun sagantaa qophaa'e irratti badhaafamuu ibsite.

Kunis qorannoo baay'ee maxxansiisuu, kalaqa qabaachuu fi daftee barnootashee goolabuudhaan beekamtii argachuushee ibsiti.

Qorannoonf kalaqnishee maalirratti xiyyeeffata?

Barnoota PhD ishee 'Structural Material Science and Engineering' tiin kan goolabde Dr. Tsiyon, kalaqnishee hojii ijaarsaa keessatti gahee guddaa kan qabu simintoo irratti kan xiyyeeffatedha.

Kalaqni simintoo kun qulqullina dabaluu, baasii xiqqeessuu fi faalama qilleensaa hir'isuu kan bu'uureffatedha.

"Hojiin qorannookoo walumaa galatti kan xiyyeeffatu konkiriitii yeroo dheeraaf turu [ sustainable concrete, simintoo ani kalaqetu jira.

Akkasuma ammoo qaaccaa (fiber) simmintoo keessatti gargaaru keessatti akka fayyadamnu kan dandeessisudha" jechuun kan ibsitu qorattuun kun, qorannoof kalaqnishee rakkoo qulqullinaa fi qaalii ta'uu galtee ijaarsaatiin walqabatee keessumaa biyyoota guddataa jiranitti mul'atu furuuf akka kaayyeffate himti.

"Qarshii oomisha [simintoo] gadi buusuu danda'a. Sanaan olitti, faalama qilleensaa amma addunyaa rakkisaa jirus ni hir'isa.

"Hojii PhD irratti patent [abbentaa] qabu kana gara gabaatti dhiyeessuudha jetti.

Yunivarsiitii keessattis qorannoo biyya keenyarra darbee Afrikaaf addunyaa fayyadu irratti hojjechuun" karoorashee egeree ta'uu dubbatti Tsiyon (PhD).

'Wanti hin darbamne hin jiru…'

"Akka amantiikotti, qormaanni akka ispiriingii ol sidarbata. Qormaanni jira jechuun gidduudhumasaa [carraan] ta'e tokko jira jechuudha.

Yeroo qormaanni sitti dhufu Waaqayyo si gargaara. Shamara taatee laabii keessa buluun ni ulfaata.

Adurreen kosh gaafa gootu sodaachuun jira ture. Garuu balaa dhufuu malu kana fudhadhee keessa darbuu nan danda'a kan jedhu keessakootti waanan amanuuf keessa darbeera.

Wanti hin darbamne hin jiru" jechuun cichoominaan qormaata keessa darbuu dubbatti.

"Yeroon PhD argadhe abbaa warraankoo baay'ee na jajjabeesse. Biyya gara biraa hin deemu jedheen ture.

Garuu deemuu qabda; deemii baradhu, barattee kan dhuftu maatii kanaafi, biyya kanaafi jedhee isatu na jajjabeessaa ture.

Ani daa'ima isatti dhiisee gaafan deemu, [abbaan manaakoo] haadhas abbaas ta'ee jiraachisaa akka ture, warra dhiirotaaf ergaan dabarsuu barbaadu, haadha warraa keessan, obboleettii keessan iddoosaan jiranitti jajjabeessuu qabu" jechuun dhaamti Dr. Tsiyon.

Jabaatanii qormaata keessa darbuun hojjechuun dirqama dubartootaa ta'uu kan dubbattu qorattuun kun, deggaraan isaanii abbaa manaas, obboleessas haa ta'uu abbaan "jabaadhu jedhanii jajjabeessuun" milkaa'ina isaaniitiif gumaachuu qabu jechuun dabaltee gorsiti.

"Dubartummaan qormaata baay'ee qaba. Maatii dhiistee biyya biraa deemuunuu qormaata tokkodha. Qormaata kanneen keessa darbuuf ofitti amanuun barbaachisaadha. Uumaa ofii na gargaari jedhanii isarratti of gatuun, Waaqayyoon kadhachuudhaan keessa darbama" jechuun dubbatti.

Hojii qorannoo maxxansiisuuf "gaafa ergitu rejection [fudhatama dhabuun] jira.

Jalqabuma gaafan ergu joornaaliin ani itti erge revision [akkan fooyyessu] naaf laate.

Kan nama sadii comment gara shantama wayii naaf kennan. Rejection [ fudhatama hin qabu] sodaachaa waanan tureef, keessa kootti baay'een gammade. [Yaada akkan fooyyessituuf gaafatamte] hojjedhee jennaan publish ta'e" jechuun bu'aa qorannooshee jalqaba maxxansiistetti garmalee akka gammadde yaadachiisti.

Eebbifamuuf waraqaa qorannoo lama maxxansiisuun akka irraa eegamu kan dubbattu qorattuun kun, isheen garuu "publication-koo kudhan darbuu qaba" jettee waan waadaa ofii galteef waraqaanshee inni kurnaffaan yeroo maxxanuufis addatti akka gammadde dubbatti.

Baay'ee kanan gammade isa tokkoffaa fi isa kudhanaffaadha kan jettu Dr. Tsiyon, waraqaanshee kurnaffaan yeroo maxxanfamuuf Ameerikaatti hiriyootashee waliin ta'uun gammachuushee akka kabajatte himti.

"Wanti ati hojjette gaafa firii argatu si gammachiisa" jetti qorattuun kun. Hojii qorannoon alatti faarfannaa akka jaalattu kan himtu Tsiyon (PhD), "faarfannaa dhaggeeffadhee, keessikoo baay'ee haaromsama" jetti.

Erga barnootashee digirii sadaffaa goolabdee yunivarsiitii Wallaggaatti gargaartuu pirofeesaraa ta'uun hojii barsiisuu, gorsuu fi qorannoo geggeessuu akkasumas shamaran jabeessuu irra jiraachuu ibsiti, qorattuun umriidhaan dargaggeettii taate kun.

Dr. Tsiyon, yunivarsiitii Wallaggaa kolleejjii Injinariingiitti dubartii PhD qabdu jalqabaa yoo taatu akka muummee civil injinariingii yuunvarsiitichaatti ammoo nama jalqabaa PhD argattedha.