Mana Qulqullummaa Ziguraat: Magaalaa Abrahaam itti dhalate jedhamee amanamu keessatti

Gamoon Ziguraat magaalaa Uur, Iraaq keessatti argamu, hojii dinqisiisaa injinariingii magaalaa durii barbaachisaa taate keessatti haala gaariin kunuufamee waggoota kuma hedduuf tursiifameera.

Waggoota 4,000 dura naannoon gammoojjii Iraaq kun wiirtuu qaroominaa ture. Har'a, magaalaa Uur diigamte kun, lafti gammoojjii walakkaatti argamtu kun yeroo tokko wiirtuu bulchiinsa Mesopotaamiyaa turte.

As gaʼuuf, taaksii saʼaatii dheeraaf gammoojjii keessa ol baʼee gad buʼu qabadheen ture kan jettu Geenaa Tiruumaan, hamma dhumarratti gamoo magaalattii isa beekamaa taʼe: Ziguraat, mana qulqullummaa guddaa waggaa 4,100 dura turee fi sadarkaa guddaa qabu argutti deemuu qaamaan mana-qulqullummaa bara durii garuu kan har'aa fakkaatu gammoojjii qamxallaa keessa jiru keessa deemtee agarsiisti.

Gamoon mana-qulqullummaa Ziguraat jalqabaa piraamidoota Masrii caalaa waggaa dheeraa kan turedha. Iraaq fi Iraan keessatti haftee gamoo akkasii kana fakkaatan ni jiru.

Caasaaleen ijaarsaa dinqisiisoo ta'an kunneen faayidaa amantii kan qaban yoo ta'u, karaa tokko tokkoon garuu piraamidoota irraa adda. Ziguraat keessaa isaatti golee hin qaban, garuu awwaa kan of keessaa qabu yoo ta'u, gubbaa isaarratti ammoo mana qulqullummaatu jira.

Yunivarsiitii Ameerikaa Kees Western Riisarv keessatti ogeettii Baha Giddugaleessaa durii kan taate Madelaayin Roomer, "Manneen qulqullummaa jalqabaa caasaa kutaa tokkoo turan. Yeroo booda manneen qulqullummaa deebi'anii ijaaramanii irra deddeebi'anii babal'achaa kan turan yoo ta'u, bal'inni isaanii dabalaa dhufe," jetti.

Zigurata Uur kan ijaarame piraamidoota jalqabaa asitti gara waggaa 680 booda ture. Akka Roomer jettutti, Mesopotaamiyaan bakka jallisiin itti dhalate turte: namoonni Uur dhangala'a bishaanii to'achuu fi maasii isaanii qarqara Laga Efraaxisitti jallisuuf sulula qotaa turan.

Mul'atee baduu

Uur bakka dhaloota abbaa amantii Abrahaam akka ta'es ni amanama.

"Mesopotaamiyaa keessatti tokkoo tokkoon magaalaa akka mana waaqa ykn waaqolii, kan akka eegduu magaalattii fi aangoo siyaasaatti gahee qabanitti yaadamanii ijaaramu," jetti Roomer.

Uur keessatti waaqa Nana jedhamu, waaqa ji'aa ta'etu ture. Ziguraat waaqa sanaaf mana lafarraa keessa buufatuu fi mana qulqullummaa akka ta'uufitti ijaarame.

Manni qulqullummaa isaa kan manca'e ta'us, kutaan mana qulqullummaa garri gadii isaa ammayyuu jira.

Hayyoonni caasaa kana hubachuuf teknooloojiiwwan adda addaa fi barreeffamoota durii (barreessitoota seenaa kan akka Herodotus fi Kakuu Moofaa Macaafa Qulqulluu irraa) fayyadamaniiru.

"Ziguraat caasaa piraamidiin kan gubbaan isaa diriiraa ta'e keessa isaa suphee aduudhaan gogfameerraa ijaarame...", jechuun Yunivarsiitii Pooliteeknikii Tuuriin keessatti ogeettii fakkii arkiyooloojii Ameeliyaa Ispaaraavignaan barruushee bara 2006 "A Mongurat" jedhu keessatti barreessiteetti.

Haftee bakka sanatti argamerratti hundaa'uun, Ziguraat Uur mana qulqullummaa bifa cuquliisa qabu akka ture ni amanama. Irri isaa qofti bilooketii dhoqqeerraa hojjetame 720,000 ol of eeggannoodhaan walirra tuulaman kan of keessaa qabu yoo ta'u, tokkoo tokkoon isaanii kiiloo giraama 15 ulfaatu.

Qaroominni milkaa'aa ta'e kun Dh.K.D jaarraa ja'affaa keessa, magaalaan yeroo tokko akkas haala ajaa'ibaatiin guddachaa turte achii dhabamte.

Lagni Efraaxis kallattii jijjiirrachuu hordofee, magaalattiin isaan booda bishaan waan hin qabneef, namni tokkollee akka hin jiraanne godheera.

Magaalaan Uur fi manni qulqullummaa ittiin beekamtu Ziguraatis ni gatamana.

Suutuma suutaanis turtee yeroo dheeraa keessa cirracha qilleensi fidu jalatti awwaalame.

Ziguraat deebi'ee argamuuf hanga bara 1850tti turuun dirqama ture. Boodarra bara 1920moota keessa ogeessi arkiyooloojii Biriteen Sir Leonard Woolley bakka kana qotee waan hafe argate, akkasumas qola warqee, siidaa bocame, baganaa fi awwaalota argate.

Yeroo Waraana Galoo Galaanaa bara 1991tti Saadaam Huseen xiyyaarota waraanaa isaa MiG lama naannoo gamoo sanaa buufatee ture. Kunis haleellaa Ameerikaa fi biyyoota alaa duubatti deebisa jedhee abdachuun ture. Yeroo sanatti kan nama dhibu Ziguraat xiqqoo qofa miidhame.

Bara 2021 keessa Iraaq biyyoota warra Lixaa gara garaatiif balbala ishee bantee banuun, turizimiin suuta suutaan dabalaa dhufe.

Gaazexeessituun lammii Aayerlaand Jaaneet Niwuenhaam turizimiin erga banamee yeroo muraasa booda Iraaq daawwatte.

Ergasii as daawwannaa garee hedduu gara naannoo sanaatti geggeessitee jirti. "Imala keenya jalqabaa ji'a Adoolessaa 2021 irratti turistii biraa tokkollee hin argine. Hanga imala koo Ebla bara 2022tti gareewwan turistootaa xixiqqoo...yeroo tokkotti afur ykn shan waliin argine."

Abrahaam amantii Yihudootaa, Kiristaanummaa fi Islaamummaa keessatti raajii ykn nabiyyii yoo ta'u, akka abbaa amantaatti gidduu-galuun kallattiin Waaqayyoo wajjin kan walqunnamsiisu ta'ee fi fakkeenya amantii fi ajajamuu ture.

Abrahaam akka abbaa amantii fi guddina amantiiwwan waaqa tokkicha keessatti nama murteessaa ta'etti kan ilaalamu yoo ta'u, jireenyi isaa gahee raajiitiif bu'uura ta'ee tajaajila.