'Taphattoonni Man Yunaayitid gariin kaffaltii ga'umsa isaanii ol ta'e argataa jiru'

Kilaba kubbaa miillaa guddicha Ingilaand, Maanchistar Yunaayitid, keessaa ga'ee kan qaban Sir Jim Raatkilif, taphattoonni kilabichaa gariin ''ga'umsa gaariirra hin jiran,'', kaan ammoo ''kaffaltii ga'umsaanii ol ta'e argataa jiru,'' jedhan.

Raatkilif waa'ee utubaa kilabichaa Kasamiiroo, jifataa Raasmas Hooyiland, gooli eegaa Andiree Onaanaa fi taphattoota ergisa kennamanii jiran kanneen akka Antonii fi Saachoo irratti BBC'f yaada kennaniiru.

Taphattoonni kunneen abbaan qabeenyaa kun wayita kilabicha keessaa qooda bitan kanneen kilabicha waliin dhaalaniidha.

Biiliyeenarri hoogganaa dhaabbata boba'aa qulqulleessu- INEOS ta'an kun ofiisaaniiyyuu yeroo dheeraaf deeggaraa Maanchistar Yunaayitid turan.

Dhaabbati isaanii ispoortii guddisuu irrattis ni hojjeta.

Maanguddoon umrii waggaa 72 kun bara darbe paawondii biiliyoona 1.3n Man Yunaayitid keessaa qooda dhibbeentaa 28.94 bitan.

Abbaan qabeenyaa kun turtii BBC waliin taasisaniin kufaatii kilabichi amma keessa jiru irratti dubbataniiru.

Kilabichi yeroo ammaa kilaba jalqabarra jiru Liivarpuuliin qabxii 36n caalamee sadarkaa 14rra jira.

Aab Raatkilif garuu hanga bara 2028tti ga'umsa barbaachisu akka deebi'an ammas irra deebiin waadaa seenan.

Abbaan qabeenyummaa kilabichaarratti erga mormiin dhagahamee booda kana kan dubbatan Aab Raatkilif, kilibichi xumura bara kanaarratti maallaqa qabu akka fixatu dubbatan.

Abbaan qabeenyaa kun kilabicha bituu dura taphattoota kilabichi mallatteesseef maallaqa kaffalamu akka ofirraa qaban himan.

Akka fakkeenyaaf kan Saachoof bara kana kaffaluuf deeman paawondii miiliyoona 17 eeran.

Taphataan Ingilaand kun bara 2021 paawondii miiliyoona 73n Boruushiyaa Doortimund irraa Yunaayitid seene.

Bara Erik Ten Haag leenjisaa kilabichaa turan Saanchoon ga'umsa barbaachisu argisiisuu dadhabuun kilabichi deebisee kilaba inni irraa dhufe Boruushiyaa Doortimundiif ergisaan kenne.

Jalqaba bara kanaarraa eegalamee ammoo ergisaan Chelsiif kennamee yeroo ammaa achi taphataa jira.

''Taphattoota nuti kaffaluufiif jennu, kan nuti hin binne, Antonii, Kasamiiroo, Onaanaa, Hooyiland fi Saanchoo yoo fudhatte, kun hunduu kan duraarraa kan as darbaniidha. Jaallattus jibbitus kun waan warra duraarraa dhaalledha. Kana sirreessuuf deemna,'' jedhan.

''Chelsiif taphataa kan jiru Saachoof walakkaa mindaasaa kaffallaaf. Isa bituuf paawondii miiliyoona 17 kaffaluuf deemna.''

Amma ergisaan kilaba Ispeen- Riyaal Beetis kan jiru taphataan Biraaziil Antoniin Ayaaksi irraa paawondii miiliyoona 81.5n Yunaayitid seene.

Kasamiiroon bara 2022 paawondii miiliyoona 70n, bara itti aanu ammoo jifataan Deenmaark Raasmas Hoyilund paawondii miiliyoona 72 kilabicha seenan.

Gooli eegaan Kaameeruun Andiree Onaanaan ammoo paawondii miiliyoona 47.2n Maanchistar Yunaayitid seene.

Taphattoonni kunneen hamma kilabicha keessa turan kanattti ga'umsa barbaachisu agarsiisuu dhabuusaaniin qeeqamaa turaniiru.

Rakkoo kilabicharraa dhaalan soroorsuun akka yeroo itti fudhatu kan dubbatan Aab Raatkilif ''taphattoonni gariin ga'umsa irraa eegamurra hin jiran, kaan humnasaanii ol kaffalamaaf. Kana soroorsinee garee cimaa ijaaruun yeroo nutti fudhatan,'' jedhan.

Kilabicha keessa taphattoonni dandeettii fi kutannoo ajaayibaa qaban akka jiranis dubbataniiru abbaan qabeenyaa kun.

Akka fakkeenyaatti dursaa taphattootasaanii Buruunoo Farnaandeez kaasan.

''Ruuben Amoorim leenjisaa dandeettii addaa qabu, yeroo dheeraaf tura''

Leenjisaan Poorchugaal Ruuben Amoorim ari'amuu Erik Ten Haaf booda Sadaasa darbe Yunaayitid seenus kilabichi waan fooyya'e hin qabu.

Leenjisaa kana jalatti taphoota taphate 26 keessaa sagal mo'ameera. Amma morkataasaa fi dursaa liigichaa Liivarpuulirraa qabxii 36n fagaatee sadarkaa 14ffaarra jira.

Aab Raatkilif garuu leenjisaa umrii waggaa 40 kanaaf deeggarsa guddaa qaban ibsaniiru.

Leenjisaan kun bakka kilabichi rakkoo keessa seenetti kan dhufee fi erga inni dhufees taphattoonni hedduun jalaa miidhamuun akkaan isa qore jedhan.

''Garee Ruuben Amoorimitti darbe yoo ilaalte dhugumatti leenjisaan kun hojii gaarii hojjetaa jiraachuu hubatta,'' jedhan Raatkilif.

''Ruuben leenjisaa umrii xiqqaa dandeettii ajaayibaa qabu jedheen yaada. Hoogganaa dandeettii addaati. Yeroo dheeraaf tura.''

Ruuben Amoorim kilabicha keessatti ashaaraa mataasaa kaa'ee darbuuf hojii eegale akkaan jajan biiliyeenarri kun.

''Akkuma leenjistoota ga'umsa addaa qabanii, innis amallisaa waan ajaayibaati. Ruuben waan hundaan guutuu miti, an garuu cimseen isa deeggara.''

''Kutaan uffata itti jijjiirratan miiraa fi kutannoo injifannoon akka guutamu barbaada. Taphattoota miira akkasii hin qabneef bakka hin qabu. Taphattoonni miira walfakkaataa kana qabaachuu qabu jedhee amana,'' jedhan.

Jifataan Ingilaand Maarkas Raashfoord garee Ruuben Amoorim keessatti akka hin filatamne erga baree booda ergisaan Aston Viilaaf kennameera.

Aab Raatkilif taphataan kun Aston Viilaa deemee ga'umsa gaariirra jiraachuutti akka gammadan ibsaniiru.

''Tarii Maanchistar Yunaayitid keessaa ba'uun itti tolee ta'uu danda'a. Ga'umsa gaariitti deebi'uusaatti baayyeen gammada. Garuu yeroo Maanchistar Yunaayitid keessa ture, sababasaa beekuu baannus, ga'umsa gaariirra hin turre. Garuu taphataa dandeettii addaa qabudha, Raashfoord.''

Sababa rakkoo kilabichi amma keessa jiruun taphataan gurguramu tokkollee hin jiraati jedhan abbaan qabeenyaa kun.

''Rakkoo maallaqaa amma keessa jirruuf jennee taphataa tokkollee hin gurgurru. Rakkoo dhiita'ee dhufe suutuma furra. Bu'aarratti xiyyeeffachuun hojjenna. Akkanaan baasii xiqqeessina. Taphataa ammoo gurgurra osoo hin taane ga'oomsina. Kana dubbiin.''

''Dogoggorree jirra, garuu waggaa sadi keessatti waancaa PL ni injifanna

Raatkilif leenjisaa Ruuben Amoorim jajanis garuu tarkaanfiiwwan hanga ammaa fudhataman hundi sirrii akka hin turre ammoo amananiiru.

''Nuti waan hundaan guutuu miti. Garuu daandiirra jirra. Daandiirratti dogoggoroota uumne qabna. Garuu dimshaashaan yoo ilaallu kilabichaaf waan sirrii gochaa jirra,'' jedhan.

Dogoggorri isaan eeran tokko Dan Ashworth daarektara ispoortii (kan dhimma jijjiirraa taphattootaa to'atu) gochuun fiduudha.

Daarektarri kun ji'a shan qofa Yunaayitid keessa turee ba'e.

Leenjisaan Daach yeroo muraasaaf kilabicha keessa turee ba'uunis dogoggora biroo ta'uu ibsaniiru.

Beenyaa Ten Hag kaffaluuf, garecha ijaaruu fi Amoorim fiduuf paawondii miiliyoona 20 baasan.

''Murteen Erik Ten Hag fi Dan Ashworth waliin walqabatee ture dogoggora. Kana ni fudhanna. Dhiifamas gaafanna,'' jedhan.

Ji'a sadi booda Ten Hag fiduun dogoggora ta'uu erga hubatanii booda akka jijjiiran kan himan abbaan qabeenyaa kun, amma waan kilabicha fooyyessu hojjechaa jiraachuu himan.

Jijjiiramni hooggansaa fi adeemsa hojii kilabichaa irratti taasifamaa jiru kilabichi fuulduratti akka tarkaanfatu ni gargaara jedhan.

Kilabichi bara 2028 wayita waggaa 150fffaasaa kabajatu waancaa Piriimer Liigii akka mo'atus dubbatan.

''Ergamni keenya galma hin ga'u jedhee hin yaadu. Galmaa fi karoora qabaachuun gaariidhuma,'' jedhan Raatkilif.

''Liivarpuul, Arsenaal yoo ilaalle tooratti deebi'uuf yeroo dheeraa itti fudhateera. Injifannootti deebi'uuf hedduu ifaajaniiru. Sun yeroo nutti fudhachuu mala. Garuu waan hin danda'amne miti.''

Maanchistar Yunaayitid isteediyemii sadarkaa addunyaarratti fakkeenya ta'e haaraa ijaaruuf karoora akka qabu ibseera.

''Kilabichi waggoota sadan dhufan keessatti sadarkaa adda ta'etti ce'a. Kan kanaan dura turerraa akkaan adda ta'a. Kun yaada kooti,'' jedhan Raatkilif.

''Addunyaarratti kilaba bu'aa argachuun gita hin qabne ni taana jedheen yaada. Isteediyemii addunyaarratti beekamaa fi fakkeenya ta'es ijaarree akka xumuruun abdadha. Injifannootti ni deebina.''