Shaambal Guutaa Dinqaa: Goota Mandeellaa du'a oolchan kana beektuu?

Taateen kun kan raawwate waggaa 60 har’aati. Yeroon isaa biyyoonni Afrikaa hedduun gita bittaa sirna kolonii jalaa bahuuf yeroo falmii itti gaggeessaa turaniidha.

Yeroos Itoophiyaan Adwaa irratti xaaliyaanii mo’achuu isheetin maqaa gaariii waan horatteef, gurraachi lolee adii mo’achuu ni danda’a kan jedhu biyyoota Afrikaa heddu keessatti miira walabummaa uumame ture.

Diddaawwan bittaa sirna kolonii gaggeeffamaa turan keessaa tokko diddaa sirna Appartaayidii Afrikaa Kibbaatti gaggeeffamaa tureedha. Diddaa kana keessatti gaheen Madiibaa ykn Neelsan Mandeellaa olaanaa ture.

Falmii Mandeellan taasise keessatti raacitiin diddaa fi gootummaan inni Itoophiyaa irraa dhaale salphaa hin turre.

ALI bara 1954'tti Mandeellaan maqaa sobaa "Deevid Motsomaayi" jedhuun paaspoortiin Itoophiyaa qophaa'efi leenjii waraanaa fudhachuuf gara Itoophiyaa dhufe.

Fuula marsariitii Faawundeeshinii Neelsan Mandeellaa irratti bara 2008'tti akka barraa'etti, paaspoortii isaa irratti ogummaan isaa "gaazexeessaa" jedha.

Mandeellaan dhoksaadhaan Itoophiyaatti leenjii fudhachuu isaa warri sirna Appartaayidii dhagahanii bakkuma inni leenjii fudhatu Itophiyaatti isa ajjeessisuudhaaf karoora cimaa baasun, bajata guddaa ramadanii dhufan.

Karoorri ajjeechaa Nelsan Mandeellaa akkamitti qindaa'e? Eenyutu harka keessaa qaba? Eenyutu yaalii ajjeechaa kana fashaleesse? Akkamitti fashalaa'e? kanaafi kanneen jedhuu irratti BBC'n Shaambal Guutaa Dinqaa- wajjin turtii taasiseera.

Guutaa Dinqaa Dabsuu ALI bara 1928'tti Shawaa Lixaa Tokkee Leencaa naannoo Goorgisii jedhamutti akka dhalatan kitaaba isaanii Leenjii Waraanaa Nelsan Mandeellaa Itoophiyaatti (የኔልሰን ማንዴላ ወታደራዊ ስልጠና በኢትዮጵያ) jedhu keessatti ibsaniiru.

Waggaa 20 booda bara 1948'tti baruumsa kutaa 6ffaa Gudaritti osoo baratanii leenjii poolisummaaf galmaa’un Walloo deemanii leenjii ji’a 6 booda poolisii ta’uun eebbifaman.

Sana booda waraanatti dabalamuun hanga gulantaa "Shaamballii" jedhamuuttis gahaniiru.

Bara 1953'tti garuu carraa addaatu isaan qaqqabe. Baandii muuziqaa poolisii keessatti ramadamuun gahuumsa gahaa agarsiisuu waan hin dandeenyef leenjii waraanaa fudhachuu akka qaban murtaa’e.

Namoonni biyya Israa’el irraa leenjii komaanduu leenjisuuf waan dhufaniif kutaa isaanii keessaa filatamanii garas akka ergaman dubbatu Shambal Guutan.

Israa’ota jalatti leenjii komaandoo ji’a sadi fudhachuun gara kutaa hojii isaanii duraanitti deebi’an. Leenjin kun Shambal Guuta dhaaf carraa biraa baneef. Carraa qofa osoo hin taane qormaatas qaba.

Nelsan Mandeellan leenjii waraanaatiif gara Itoophiyaa dhufuu

Neelsan Mandeellan osoo gara Itoophiyaa hin dhufin dura paartin isaa ANC'n qabsoo riphe loltummaa jalqabee ture waan ta’eef qabsoo kana jabeessuf leenjii gahaafi deeggarsa barbaacha fuula isaa gara Itoophiyaatti deebifate.

“Hayila Sillaaseen mootii warra Ingilizii Elizaabet wajjin michuu waan turaniif akka irratti hin beekamnetti icciitii guddaadhaan Mandeellan gara Itoophiyaa dhufee akka leenji’u godhan.

Kanaaf ammoo Jeneraal Taaddasaa waamanii eegduu nama lamaa fi nama leenjii Mandeellaaf kennu lamaa fi iddoo namni biraa hin argine akka qophaa’uf itti himan,” jedhu Shaambel Guutaa Dinqaa.

Guyyaa tokko karaa ajajaa isaanii ergaan hatattamaan “biirotti barbaadamta” jedhu Shaambal Guutan qaqqabe. Isaanis osoo hin barfatin gaafa biiroo dhaqan, Ajajaa Dhibbaa Fiqaaduu Wandimmuufi Ajajaa Shantamaa Dabbabaa Isheetee achi jiru.

Akka seera waraanatti nagaa gaafatanii osuma ajaja kennamuuf eegaa jiranii Jeneraal Taaddasaa Birruu dhufan.

“Generaal Taaddasaan, kana booda itti gaafatamummaa guddaa icciitii cimaa gaafatu fudhachuuf jirtu. Keessummaan guddaan tokko biyya keenya dhufee jira. Kaampii kana keessatti bakka namni kamuu isa hin arginetti iddoo kennameefii jira. Isin immoo eegumsi isaa imaanaa guddaa wajjin isinitti kennameera nuun jedhan," jechuun guyyaa sana yaadatu.

Bifa kanaan Koloneel Fiqaaduu Waakkennee (yeroo sana Ajajaa Dhibbaa kan ture) leenjisaa Mandeellaa, Ajajaa Dhibbaa Fiqaaduu Wandimmuu gargaaraa leenjisaa, shofeera fi turjumaana Mandeellaa ta'anii ramadaman.

Shaambal Guutan Dinqaa fi Ajajaa Shantamaa Dabbabaa Isheete ammoo wal jijjiirranii dhokatanii Mandeellan osoo isaan irratti hin barin akka isa eegaaniif Jeneraal Taaddasaan hunda isaanif itti gaafatamummaa akka qoodaniif dubbatu Shambal Guutan.

Borumtaa isaa Jeneral Taaddasaan konkolaataa ofii isaanitiin Mandeellaa fidanii 'Makonninoch Kibabii Kolfee Faxinoo Daraashii' tti fidanii dhufan jedhu.

Yaalii Neelsan Mandeellaa ajjeesuu

Mandeellan leenjii waraanaa fudhachuuf dhoksaadhan Itoophiyaa akka jiru warri sirna Appartaayidii dhagahan. Abjuu inni biyya isaa bilisa baasuf qabu karaatti hambisuuf horii guddaa fi karoora icciitii cimaa qopheessan.

Innis, Mandeellaa kutaa inni rafee jirutti eegdun isaa hudhee akka ajjeesuf horiin bituudha. Kanaaf ammoo ija isaanii Shaambal Guutaa Dinqaa irra kaa’atan. Shaambal Guutaa tole jechisiisuf ammoo horii gahaa ramadaniiru, biyya Awurooppaa bakka barbaade filatee akka jiraatus.

Waan yeroo sana ta’e akkanatti seenessu Shaambal Guutan: “Yeroo ji’a sadiif Israa’elonni dhufanii komaandoo nu leenjisan sana, gurbaan Abraham jedhamu Eritiraa irraa kan dhufe hiriyaan kiyya ture. Wajjin leenjine waan ta’eef baay’ee wal jaalanna. Edaa inni leenjif haa dhufu malee (Shaabiyaadhaaf) basaasa ture. Mandeellan as jiraachuu isaafi akkan eegduu isaa ta’e karaa ta’een bareera,” jechuun waan waggaa 60 dura ta’e akka har’aatti yaadatu.

Shambal Guutan akka jedhanitti, hiriyaan isaanii Abrahaam guyyaa tokko “laaqanan si affeera” jechuun guyyaa Mandeellaa eegun dabaree isaanii hin taane Piyaassaa Hoteela Xaayituuttu affeera. Abrahaam lammiilee biyya alaa lama tokko adii kan biraa gurraacha waajin Hoteelichatti eega.

Sa’aatii wal beellamanitti Shaambal guutanis hoteelicha geenyan, Abrahaam lammiilee biyya alaa Mandeellaa ajjeechisuu dhufan wajjin wal barsiise.

Nyaatanii erga dhuganii booda Abrahaam waan Shaambal Guutaa dugda kutu itti himuu eegala: “Egaa Guutaa, anii fi ati hiriyaadha. Waan hojii loltummaa dadhabsiisaa kana irraa nu furu yoon sitti hime ni fudhattaa?” jedhee gaafata.

“Lotariitu sii bahe moo maaltu waanti addaa dhalate?” jechuun deebisu Shaambal Guutan.

“Dhimmichi si harka jira, yoo itti beekne salphaatti gochuu waan dandeenyudha. Kana gochuuf ammoo waadaa naaf gali," jedha Abrahaam. "Waanan danda’u yoo ta’e rakkoo hin qabu.”

“Akkas taanan, namicha eegdu sana karaa foddaa seentee bakka inni rafutti ogummaa komaandoo baratte sanaan huutee ajjeefta. Erga du’ee booda kaameeraa siif kennamuun reeffa isaa si’a lama suura kaasta, tokko mormaa ol, tokko ammoo guutummaa qaama isaa."

"Sana booda mooraa leenjii waraanaatin alatti bakka itti wal-arginu qopheessinee wal-arginee karaa Moyaaletiin konkolaataa qophaa’en gara biyya barbaanne deemuu dandeenya,” jedhee oduu rifasisaa natti hime jedhu.

Shambal Guutan ajjeechaa kana raawwannaan biyya Awurooppaa barbaan dhaquu qofa osoo hin taane Paawundiin 2000 harkatti kennameefira.

Kan garaa garaatu beeka jechuun dafee naasun akka irratti hin beekamneef tole jedhee waliigaluun Kaameeraa fi paawundii 2000 Abrahaam harkaa fuudhan.

Hariiron Jeneraal Taaddasaa fi Mandeellaa gidduu ture kan leenjii waraanaa kennuu qofa osoo hin taane, yeroo dheeraa fudhatanii waa'ee cunqursaa saboota irraa gahuu mariyachuu akka hin oolle fi kanaaf ammoo akeektun Jeneraal Taaddasaan osoo hin turin Hayilassillaaseen isaa irratti finciluu isaa akka fakkeenyatti fudhachuun kaasu qorattoonni seenaa.

Guyyaan Abrahaam karoora kana itti hime Jimaata ture, guyyaan itti aanu darabeen Mandeellaa eguu kan Shambal Guutati. Kanaaf, akka karoora qabameetti Mandeellan guyyaa Sanbata Xiqqaa galgala sa'aatii saditti ajjeefamuu qaba.

Ajeechan Mandeellaa Fashaluu isaa

“Yeroo sana Piyaassadhaa hanga Markaatotti gaarin turte waan ta’eef ishee yaaben, achii ammoo ariitidhaan gara mana jireenya Jeneraal Taaddasaa Birruun deeme. Neelsan Mandeellaa ajjeesuf qophiin akka jiruu fi akkan ajjeesuf sobee walii galee dhufen itti hime. Jeneraal Taaddasaan garuu na amanuu dadhaban. Mandeellan as jiraachuun isaa akkamitti akka barames waan nahan natti fakkaata."

“Boru halkan ajjeesee halkanuma sana konkolaatan qophaa’ee jara wajjin karaa Moyaalee akka bahuuf karoorfames ittan hime. Ergan ajjeesee booda, mooraa waraanatiin alatti meetira 500 fagaatee bosona keessatti wal arguuf jirrus ittan hime.”

Jeneraal Taaddasan kana fashalsuuf yeroo itti hin fudhanne. Karoora oppireeshinii dhoksaa qopheessuf namoota Mandeellaa leenjisanii fi eegan walitti qabatan.

“Hatattamaan dhaqee Fiqaaduu Wandimmuu fi Dabbabaa Isheete akkan waamu natti himanii dhaqeen waame. Isaan gaafa dhufan waan ta’uuf jiru erga dhagahanii booda Jeneraal Taaddasaan akkaataa itti jara qabuu qabnu karoora baasan” jedhu.

Akkaataa karoora kanaatti Shambal Guutan halkan sa’aatii jedhame sanatti akka Mandeelaa ajjeesetti Abrahaam fi lammiilee biyya alaa sana lamaan wajjin bakkicha jedhametti wal argu.

Fiqaaduu Wandimmuu fi Dabbabaa Isheete ammoo bakka jedhame sana dursanii deemun sa’aatii jedhame sanatti jara qabu. Loltoonni biroo lama ammoo akka waan Shaambal Guutanis qabamee fakkeesun harka isaa kaatenadhaan hidhanii bakka jarri itti eegan sana geessu. Oppireeshiniin ajjeechaa Mandeellaa fashalsuu bifa kanaan Jeneraal Taaddasaan qindeessudhaan borumtaa isaa halkan hojiitti hiikama.

Akkaataa waliigaltee Shambal Guutaa fi Abrahaamitti Nelsan Mandeellan borumtaa isaa halkan ajjeefamee halkanuma sana karaa Moyaaletiin biyyaa bahuudha.

Shaambal Guutaan akka yaada hin jijjiirraneef bataskaana dhaqanii akka walii kakatan Abarahaam gaafata.

Shambal Guutaanis erga mana Jeneraal Taaddasaa Birruu dhaqanii iccitii kana itti himanii booda galagala sa’aatii 12'tti bataskaana Qulqulluu Phaawuloos deemun Abarahaamif kakatu.

Abraahaam gaggeessanii ofii bataskaanichumatti deebi'anii, “Yaa Waaqayyo cubbuurraa na oolchi, lubbuun namaa na harkatti hin badin” jedhanii qalbii jijjiirratanii deeman.

“Ganama isaa osoo sa'aatii 12 hin ta'in paawundii 2000 akkan Mandeellaa ajjeesuf naaf kennamee fi kaameraa fuudhen Jeneraal Taaddasaatti kennee ofii koo hanga halkaniitti Mandeellaa eegun deeme,” jedhu.

Akkuma Jeneraal Taaddasaan gorsanitti halkan sa’aatin itti jaraan wal beellaman geenyaan, loltoonni lama Shaambal Guutaa qabanii harka dudduubatti hidhanii gara bakka itti jara wajjin wal beellamanii deeman, sa'aatidhuma wal fakkaatutti loltoonni biraa qophaa'anii jara eegaa turan lammillee biyya alaa lamaanii fi Abrahaam qaban. Hundi isaanii to'annoo jala oolan.

Jarri isatu nu qabsiise jedhanii akka hin shakkineef Shaambal Guutanis jaruma wajjin halkan sana mana hidhaa bulanii booda gadi lakkifaman.

"Oppireeshiniin Jeneraal Taaddasaan ogummaa fi icciitii guddaadhaan qindeessan milkaa'inaan xumurame," jedhu loltuun durii amma soorama bahan Shambal Guutaa Dinqaa.

Oduun yaalii ajjeechaa Mandeellaa Hailasillaasee bira gahe

Shambaal Guutaan akka jedhanitti, Mandeellaa irratti yaalin ajjeechaa gaggeeffamuu isaa Jeneral Taaddasaan Hailasillaasetti himan. Yaalii kana kan fashaleesse ammoo loltuu cimaa fi amanamaa Guutaa Dinqaa akka ta'es itti himan.

Iccitin kun akka hin baanef Hayilasillaase fi Jeneraal Taaddasaan akka waan homtuu hin uumamneetti callisuu filatan. Lammilen biyya alaa lamaan sa'aatii 24 gidduutti biyya gadi dhiisanii akka bahan taasifaman.

Abrahaam ammoo akka seera waraanatti sadarkaa isaa irraa gadi buufamee lafa fagootti ergamee akka hojjatu taasifame.

Shaambal Guutan akka jedhanitti namoonni Mandeellaa ajjeechiisuf karoorsan kun mana murtiitti akka hin dhiyaanne kan taasifame, oduun isaa faca'ee Mandeellanis dhagahee sodaan akka itti hin dhagahamneef akkuma waan salphaatti bira darbame.

Yaalin ajjeechaa Mandeellaa irratti gaggeeffamuu Hayilasillaasen erga dhagahanii booda Jeneraal Taaddasaan kanaaf jecha sadarkaa Shaambal Guutaa akka ol hin guddifne itti himan.

Sababni isaa ammoo namoonni akkamitti tasa Shambal Guutan guddina argate jedhanii oduun yaalii ajjeechaa akka hin dhagahamneef akka ta'e himu.

"Jeneraal Taaddasaan birrii 250 na badhaasan"

Shaambal Guutan Maadibaa ykn Nelsan Mandeellaa du'a oolchuu isaanitiin Jeneraal Taaddasaan gammadanii badhaasa kennaniif.

"Ofitti na waamanii ati seenaa hojjatte. Duriyyuu ati nama cimaa akka taate nan beeka, amma immoo akka ilmoo kootittan si ilaala jedhanii birrii 250 kiisii isaanitii fuudhanii naaf kennan" jechuun guyyicha yaadatu.

Jeneraal Taaddasaa fi Shaambal Guutaan duriyyuu waldaa Maccaa fi Tuulamaa keessatti akka wal beeku. Qaaman wal arganii wal dubbisuu baatanis lamaan isaanituu achitti wal argu.

Kanarraa ka'ee gootummaa fi quuqama Shaambal Guutaa qabu Jeneraal Taaddasaan duraanuu waan hubatan fakkaatu.

"Duriyyuu ani dhiirummaa kee nan beeka, gootummaa waan qabduuf kana goote, sichi ammoo ni guddatta jedhanii na jajjabeessan," jechuun dubbatu.

Shaambal Guutaan Paawundii 2000 fudhachuun carraa Awurooppaa biyya barbaadan jiraachuu fi Nelsan Mandeellaa ajjeesuu gaafa wal bira qaban waan Jeneraal Taaddasaan gaafa akka Mandeellaa eegganiif jedhaniini fi bilisummaan Mandeellan qabsaa'uf kan waldaa Maccaa fi Tuulamaa wajjin tokko ta'ee isaan mo'ate.

"Osoon gaafa sana ajjeessee qarshii sana fudhee biyyan barbaade dhaqee barachuu nan danda'an ture. Garuu Mandeellaa baay'en jaaladhaan ture. Nutis yeroo sana waldaa Maccaa fi Tuulamaa keessattu waa'ee bilisummaa kana ni barbaanna turre."

"Kan biraa ammoo ajajaa koo baay'en jaaladha. Na amanee hojii kana natti kenne. Jeneraal Taaddasaanis jalqaba gaafa akka Mandeellaa eegnuf nu gorsan waanti isaan nuun jedhan garaakoo na mo'ate. Namni isin eegdan kun nama guddaadha. Gaaf tokko waa'ee isaa bartanii isa eeguu keessaniif itti boontu nuun jedhan."

"Anis Mandeellaa ajjeesee maqaa biyya kootii balleessuu hin barbaanne," jechuun Mandeellaa akka hin ajjeesneef waan isaan mo'ate dubbatu.

"Paawundii 2000 sana Jeneraal Taaddasaan dhaabbata gargaarsaf kennan"

Paawundii 2000 kan sirni Appartaayidii ittiin Madiibaa (Mandeellaa) ajjeesisuuf ramade Shaambal Guutaa Dinqaas ta'ee Jeneraal Taaddasaa Birruu fudhatanii dhuunfaaf hin oolfanne.

"Yeroo sana Jeneraal Taaddasaan dhaabbata ijoollee loltuu abbaan isaanii irraa du'e kunuunsu tokkoof itti gaafatamaa turan. Aadde Wuddee kan jedhamtu ammoo gaggeessituun dhaabbatichaa jirti."

"Jeneraal Taaddasaan Paawundii 2000 hunda isaa jijjiiranii dhaabbata kanaaf akka ooluuf fuudhanii isheetti kennaan.

"Meeqatti akka jijjiiran illee yoon beekuu baadhe tokko osoo hin hambifatin dhaabbatichaaf kennan. Kaameerittii garuu eessa akka isaan geessan hin beeku," jechu Shaambal Guutaan.

"Gaafa Nelsan Mandeellan deemu, achan ture"

Nelsan Mandeellan ajaja Jeneraal Taaddasaa Birruu jalatti leenjii ji'a sadi erga fudhatee gara biyyaa deebi'e.

Bara 2013'tti BBCn leenjisaa Mandeellaa kan ture Koloneel Fiqaaduu Waakkennee dubbisuun gabaasa bal'aa hojjateen, Mandeellaan leenjii waraanaa bu'uuraa argatee gara biyya isaatti deebi'e.

"Mandeellaan leenjii silaa ji'a jahaaf kennamu ji'a saditti fudhatee deeme. Leenjiwwan akka dhukaasuu, sochii qamaa, komaandoo, fanjii awwaaluu fi fashalsuu, lola halkanii, diina fakkaatanii mooraa diinaa seenun dhukaasa bananii deemuu, diina fakkatanii seenun dhukaasanii jeequmsa uumuu, loltuu gaggeessuu fi gaggeessummaa waraanaa fudhatanii turan," jechuun turtii Mandeellaa yaadatu Shambal Guutaan.

Mandeellaan leenjii isaa ji'a sadi erga xumureen booda guyyaa tokko sagantaan gaggeessaa Hoteela 'Makonninooch' jedhamutti icciitidhaan qophaa'ee ture. Saganticha irratti argamee gaggeessaa kan taasise ammoo Jeneraal Taaddasaa Birruudha.

Shaambal Guutaan miira gaafa sana ture yoo ibsa, "Jeneraal Taaddasaan Shugguxii dhuunfaa isaanii abbaa inchii 12 fi kaalibarii 38, kan Koolt jedhamu ofirraa hiikanii kennaniif."

"Sana booda Mandeellaan fi Jeneraal Taaddasaan walitti marman. Mandeellaan hanga Buufata Xayyaara Booletti akka gaggeeffamu godhanii booda leenjistoonni isaas ta'ee nuti warri eegumsaaf ramadamne gara hojii keenya idileetti deebine," jechuun Shambal Guutaan kitaaba isaanii keessatti barreessaniiru.

Nelsan Mandeellaa akkuma biyyatti deebi'een qabamee hidhame. "Hidhamuu isaa yeroo dheeraa boodan dirree waraa osoon jiruu reediyoodhaan dhagaheen baay'ee gadde," jedhu Shaambal Guutaan.

Mandeellaan bara 2013'tti yeroo du'u guyyaa awwaalcha isaatti argamuuf tikeettiin jalaa turraan, Afrikaa Kibbaa mana jireenya Mandeellaa deemun gadda isaanii akka ibsatan BBC'n mirkaneeffateera.

Akka isaan jedhanitti, Jeneraal Taaddasaa fi Hayilasillaasen baruma Mandeellaan gara biyyatti deebi'e wal dhaban. Sababni isaa ammoo "inni Oromoo leenjisee isin irratti kaasa" jechuun oduu sobaa namoonni Hayilasillaasetti oduussuu isaanitiin.

Shambal Guutaa Dinqaa Shawaa Lixaatti dhalachuun hojii poolisummaa isaan ALI bara 1948'tti eegalan itti fufee humna ittisaatti dabalamuun hanga bara 1981 soorama bahaniitti gulantaa waraanaa garaa garaa keessatti lolaa lolchiisaa turan.

Waraana gurguddaa, keessumattuu Ertiraa fi Tigraay keessatti bara Dargii taasifamaa ture irratti gaggeessaa waraanaa ta'uun lolaa fi lolchiisaa turan. Kanarraa kan ka'e gulantaa waraanaa 'Shaamballii (Captain) irra gahanii soorama bahan.

Amma yuuba ganna 87'ti. Haadha manaa isaanii wajjin gaa'ila erga dhaabbatanii amma waggaa 60ffaa keessa jiru. Ijoollee sadeet horanii akaakayyuu arguun, amma Finfinnee jiraatu.