Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Naannoo Amaaraatti gudeeddii dabalatee sarbamni mirga namoomaa cimaan mudachuu KMNI ibse
Naannoo Amaaratti walitti bu'iinsa ji'ootaf tureen sarbamni mirga namoomaa cimaan mudataa jiraachuu Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) beeksise.
Komishinichi ibsa har'a Onkoloolessa 30,2023 baasen, naannichatti ajjeechaafi gudeddii dabalatee sarbamni mirga namoomaa guddaan mudataa jiraachuu beeksise.
Walitti bu'iinsa raayyaa ittisaafi humnoota Faannoo gidduutti mudachuu hordofee Naannoo Amaaratti Labsiin Yeroo Muddamaa labsamee ture.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa akka ibsetti, bara darbe ji'a Adoolessaatii jalqabee hanga ammaa naannoo Amaaraa godiinota hundumaa keessatti walitti bu'iinsi mudachuu beeksise.
Waraana humnoota mootummaafi hidhattoota Faannoo gidduutti mudateen haleellaa dirooniifi xiyyaaraa dabalatee, haleellan meeshaalee waraanaa gurguddaan deeggarame gaggeeffamuu eera ibsi kun.
Kanaanis meeshaalee waraanaa gurguddaan gaggeeffame kanaan daa'ima waggaafi ji'a torbaa dabalatee namoonni nagaan heddu ajjeefamuus eera.
Naannoo Amaaratti sababa Labsii Muddamaan naannichatti sochiin daangeffamuufi sababa rakkoo nageenyan daandiwwan aanaalee garaa gara wal-qunnamsiisan cufamuufi sochiin geejibaa danqamuus ibse KMNI.
Kanarraa ka'uun sochii daldalaafi hawaasaarratti dhiibbaa waan uumef lammiilen hanqina dhiyeessifi gatiin meeshaalee olka'uun dararamaa akka jiranis ibse.
Walitti bu'iinsi Raayyaa Ittisaafi hidhattoota Faanno gidduutti gaggeeffamaa jiru yeroo tokko qabbanaa'ee yeroo biraa ammoo deebi'ee ka'a.
Sababa lola qaamolee lamaan gudduutti gaggeeffamuun sochiin idilee danqamuurraa kan ka'e gatiin meeshaalee bu'uuraa olka'uu jiraattonni BBCtti himanii turan.
Labsiin yeroo muddamaa naannichatti labsame kaasee miseensonni mana maree naannoofi federaalaa mirga himatamuu dhabuu qaban dabalatee namoonni biroo heddu to'annoo jala oolaniiru.
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibsa isaa keessatti naannichatti ajjeechan seeran alaa qaamolee nageenyaa mootummaan raawwatamaa jiraachuu "ragaan na qaqqabaa jira" jedhe.
Humnoonni mootummaa,"Faannoo deeggartu, Faannoof odeeffannoo kennitu, meeshaa fidaa" jedhanii namoota nagaa ajjeesuu isaanii ragaa argachuu beeksise.
Namoonni miidhamanii hospitaalatti yaalarra turan qamoleen nageenyaa mootummaa garee hidhatetti shakkuun hospitaalaa baasun bakka hin beekamnetti geessu isaaniifi namoonni kun bakki isaan jiran akka hin beekamne era ibsi komishinichaa.
Dabalataanis komishinichi dhaabbilee mootummaarraa dabalatee ragaa argadhe jedheen gochaan gudeeddii gaggeeffamu yaaddessaafi furmaata hatattamaa kan barbaadu ta'uu beeksise.
Bara 2015 ALItti ji'a Adooleessarraa eegalee hanga ammaa yoo xiqqaate dubartoonni 200 gudeedamne jedhanii buufata fayyaatti gabaasufi kanneen gudeeddif saaxilaman keessaa buqqaatonnifi ogeeyyiin fayyaas jiraachuu beeksise.
Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaatti Komishinara olaanaa kan ta'an Dr. Daani'eel Baqqalaa, walitti bu'iinsi naannoo Amaaraatti gaggeeffamaa jiru karaa nagaan furmaata akka argatu gaafachuun, qaamoleen wal lolan namoota nagaa, qabeenyasaanii, akkasumas dhaabbilee tajaajila uummataafi bu'uraalee misoomarratti akka hin xiyyeeffanne waamicha dhiyeessan.