Dureen Waldaa Kiristaanaa miidhaa saalaa ijoolleetiin hidhaan adabame

Dureen Waldaa Kiristaanaa Meeksiikoo ‘La Luz del Mundo’, Naasan Jaakuyiin Giraashiyaa himannaa miidhaa saalaa daa’imaatiin hidhaan waggaa 16 fi ji’a saddeetii itti murame.

Torbee darbe ijoollee dubaraa waldaasaa miidhaa saalaa gosa lama irraan gahuu namni ganna 53 Giraashiyaa amaneera.

Balleessaa isaa amanuun adabbiinsaa hidhaa umurii guutuurraa akka gabaabbatu taasisuufitu himame.

Warra isa hordofan biratti dureen amantaa Giraashiyaan akka ‘ergamaatti’ ilaalama ture.

Akeekkachiisa: ibsi armaan gaditti dubbistan miira isin jeequu mala.

Waldaan La Luz del Mundo (Ifa addunyaa) bara 1926tti ture kan akaakayyuu Giraashiyaatiin hundaa’e.

Waldaan kun Kaalifoorniyaa lafaa uummanni sanyii Ispeen Ameerikaa Kibbaa itti baay’atan keessa yeroo dhihoon asitti babal’achuun hundee jabeeffateera.

Giraashiyaan buufata xiyyaaraa Loos Anjelees irraa bara 2019tti ture kan qabame. Yeroos hordoftootasaa dubaraa lama waliin jeettii dhuunfaa keessa ture.

Waldaansaas namni kun miseensota miiliyoona shan caalaaf sirna cuuphaa raawwachu himu. Lakkoofsa hordoftootasaa madda walabaa irra mirkaneessuun garuu rakkisaadha.

Giraashiyaan himannaan 19 irratti dhiyaatee kan ture yoo tahu, gaafa Jimaataa garuu- dhaddachatti dhiyaachuuf guyyaan sadii gaafa hafu, himannaa lama irratti ijoollee waggaa 18 gadi gochaa quunnamtii saalaaf dirqisiisuu amane.

Osoo hin eegamiin yakka amanuun kun himannaan akka addaan cituufi gudeeddiifi dubartoota daldaluu fa’iin akka hin himatamne gochuuf yaadeetii jedhameera.

Warri miidhaa saalaa kanaan isa himatan ammoo yakka lamaan raawwachuu amanuun ‘ergaa balaa qabu,’’ hima jedhan.

Sochiil Maartiin miseensa waldichaa kan turte yoo tahu, caasaan waldichaa miidhaa saalaa ni jajjabeessa jechuun ibsa gaazexeessitootaaf kenniteen kan himte yoo tahu, jalqabuma kan isa himates isheedha.

'‘Dhaddachi osoo hin taa‘iin, ummanni waan namni kun hawaasa keessatti bakka bu’u hin dhageenye sana hubachuu qabna,‘‘ jettee adeemsa dhaddachaatti gaddus dubbatte.

'‘Namichi adabbii isa guddaa jedhamutu isaaf taha,’’ Maartiin, Giraashiyaan nama waggaa 17'f miidhaa saalaa narraan gahe dha jechuun himte.

Haa tahu malee Abbaan Alangee Waliigalaa Roob Boontaa murtiin Jimaata darbee, '‘haleellaan saalaa Kaalifoorniyaa keessatti fudhatama akka hin qabne ergaa ifaa tahe dabrseera,’’ jedhan.

''Akka hogganaan waldaa La Luz del Mundo Naasan Joo’aakuwiin Giraashiyaan aangoosaa fayyadamuun ijoollee miidhe. Warreen isatti dhiyaatan fayyadamuun miseensota waldichaa haleellaa saalaaf akka isaaf qopheessan godheera.

Murtoon har’a miidhaa qaqqabe hin duubatti hin deebisu, garuu dhaloota dhufu eega,’’ jedha ibsi abbaa alangaa.