Waayee haleellaa saalaa Kaaba Itoophiyaa Mana Maree Nageenyaa UN'tti dhuga bahumsi dhiyaate

Manni Maree Nageenyaa UN torban dabarsine keessa bakka waraanni jirutti haleellaa saalaa dubartootarra gahu ilaalchisee yaa'ii gaggeesse irratti, haleellaan saalaa waraana Itoophiyaan walqabatu ajandaa ijoo ta'eera.

Yaa'iin idilee kan bara kanaa mata duree 'Accountability as Prevention: Ending Cycles of Sexual Violence in Conflict' jedhuun Ebla 13, 2022 kana gaggeeffame yeroo ta'u, haleellaa saalaa bakka waraanni jirutti dubartootarra gahu ilaalchisee ragaaleefi dhuga bahumsi dhiyaatee, haleellaa kana ittisuuf gaafatamummaa mirkaneessuuf mariyatameera.

Pireezidantiin Mana Marichaa kan ji'a kanaa UK yeroo taatu, dhimma haleellaa saalaa bakka waraanni jiruu irratti Itoophiyaan Siiriyaa fa'a waliin yeroo jalqabaaf dubbii ijoo waltajjii kanaa taateetti.

Miseensonni mana marichaa fi miseensonni kaanis kanneen balaa kana jalaa oolan, quuqamtoota waldaalee hawaasaafi ogeeyyii irraa dhuga bahumsa dhiyaate dhaggeefataniiru.

Dhaabbatichatti bakka buutuun addaa bakka waraanni jirutti dhimma haleellaa saalaa kan ta'an Pramila Patten, yeroo waraanaa haleellaa saalaa dubartootarra gahu ittisuuf seeronni mana marichaan bahan 10 ta'an jiraatanis, waraanni hammaachaa miidhaan dubartootarra gahus dabalaa adeemuu dubbatan.

Hiikkaan seerota kanaa biyya waraanni jiru keessa dubartoota jiraniif maal jechuudha laata jechuun gaafachuu isaaniis Ibsa manni Marichaa Ebla 13 baase ni akeeka.

Yaa'iin kun gabaasa waggaa barreessaa olaanaan dhaabbatichaa Atooniyoo Gutareez haleellaawwan saalaa waraanaan walqabatee dhiyeessan irrattis kan mariyate yoggaa ta'u, Gutareez gabaasa isaanii keessatti seenaa daboon dirqisiisanii gudeeduu Itoophiyaa dabalatee haleellaawan saalaa biyyoota Afrikaa akka Giddugaleessa Rippaablika Afrikaa fi Somaaliyaa akkasumas miidhaa saalaa biyyoota akka Kolombiyaa Yamaniifi Afgaanistaan dubbatanii ture.

Dhimma miidhaa saalaa waraana Kaaba Itoophiyaa maaltu jedhame?

Yaa'ii Mana Maree Nageenyaa dhimma waraanaafi haleellaa saalaa irratti dubbatu irratti dhimmi Itoophiyaa yeroo duraaf kan dhiyaate yeroo ta'u, dhimmicha irratti ammoo dhuga bahuumsaafi ragaalee jiran kan dhiyeessan aadde Hillinaa Biraanuudha.

Adde Hilliinaan pireezidantii ji'a kanaa mana marichaa kan taate UK'n kan affeeraman yeroo ta'u, haasaa goodhanin ''har'a waraana gaaga'aa san keessatti dubartoota Itoophiyaa miiliyoonaan lakkaawaman miidhamaniif haqa akka kennuuttin ilaala,'' jedhan.

Gara Kaaba Itoophiyaa imaluun dararaawwan waraana kanaan walqabatee dubartootarra gahu arguufi qorachuuf carraa argachuu BBC'tti kan himan aadde Hilliinaa: ''dirqiin gudeeduun akka tooftaa waraanaatti hojiirra ooleera'' jechuun manee maree kanatti dubbatan.

''Dogoggora amma dura raawwateera jedhamuuf akka haaloo bahuutti, humnoota waraanaa waliin duulan gidduu hidhamiinsa jiru akka jabeessutti'' fudhatameera jedhan.

Walfakkeenyiifi bal'inni haleellaa kanaa yakki kun qindaa'aa, kan itti karoorfatameefi kaayyoo namoomaa nama dhuunfaa fi hawaasaa hanqisuu kan of keessaa qabu tahuu agarsiisa jedhan.

Haleellaan saalaa naannoo Tigraay keessatti raawwatame sabummaa irratti kan xiyyeeffate akka ta'es dubbatan.

Bal'ina haleellaawwan kanaa adda baasuuf naannichi dhaabbilee mirga namoomaaf seenuun rakkisaa ta'us eeranii, dubartootni qaama miidhamoo ta'an sadarkaa olaanaan saaxilamoo akka ta'aniis dubbataniiru.

'Dhagaheefi argee callisuun koo miira akkan waa balleessee akka natti dhagahamu godhee ture'

Aadde Hilliinaan amma dura sarbama mirga namoomaa waraana Kaaba Itoophiyaa keessatti qaqqabe Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii fi Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa waliin qorachuun gabaasa wayita qopheessan gabaasicha keessatti, addatti dhimma sarbama mirgaa dubartootarra gahuuf xiinxala qopheessanii ture.

Achii boodas irra deeddeebiin gara naannoo Tigraay imaluun haala jiru arganii miidhamtootas dubbisanii akka turan BBC'tti himaniiru.

Gabaasa kana dhiyeessuuf rakkoo nageenyaa mudachuu danda'u hambisuuf jechas dhuga bahuumsa isaanii mana maree nageenyaaf kan kennan Itoophiyaan ala imaluuni akka ta'e himaniiru.

Naannoo Tigraay irratti uggurri kaahame mirga dubartootaa sarbee fayyaa walhormaataa dubartootaa, deeggarsa xiinsammuufi kaanis akka hin qaqqabne gochuun dhiibbaa haleellaa saalaa hammeesseera jedhan.

Dabalataan hidhattoota TPLF'n haleellaawwan saalaa dubartoota naannoo Affaariifi Amaaraa irratti raawwatame kan miidhamtoota dubbisan irraa dhagahanis miseensota mana marichaaf dhiyeessaniiru.

Seenaa dubartii ganna 50 Shawaa Roobitirraa hidhattoota TPLF'n osoo ilmi ishee kutaa itti aanu jiru dhagahuu daboon gudeedamtee booda of ajjeeftees qoodaniiru.

Haleellaan saalaa waraana Kaaba Itoophiyaan walqabate kan naannoo Tigraay, Amaaraafi Affaar xiyyeeffannoo argatus kutaalee biyyattii biroo keessattis dubartootni rakkoo hamaa keessa darbaa akka jiran dubbatan.

Manni Maree Nageenyaa (UNSC) fi Gamtaan Afrikaa (AU) yaada miidhaa saalaa bakka lolli jirutti raawwatame qorachuun, adeemsa gaafatamummaa mirkaneessuu mootummaan Itoophiyaa itti jiru danqa jedhu keessa deebi'anii akka ilaalanis gaafataniiru aadde Hilliinaan.

Yaa'ii mana maree nageenyaa UN kan dhimma bakka waraanaatti haleellaa saalaa raawwatamu irratti xiyyeeffatu irratti maqaan Itoophiyaa yeroo jalqabaaf dhahamee kan jedhan aadde Hilliinaan, mana marichaa irratti namni dhuunfaan waldaalee siivilii bakka bu'uun yoo dubbatu kan jalqabaa ta'uus himan.

Itoophiyaan dhimmi haleellaa saalaan walqabatu kun yaa'ii san irratti akka hin dhiyaanne yaalii gochaa akka turte aadde Hilliinaan dabalanii himaniiru.

''Waraana kana keessatti miidhama qaqqabe dhagaheefi argee callisuun koo miira akkan balleessaa hojjedheetti natti dhagahamu uumee ture'' kan jedhan aadde Hillinaa, gabaasicha dhiyeessuun ''ofiif dhiifama akka godhan kan taasise, dhugaa jirus kan itti ifa godhan ta'uu'' dubbatan.

Biyyootni hedduun dhuga-bahuumsoota erga dhagahanii yaada kan kennan yeroo ta'u, biyyi ollaa Keeniyaa haleellaawan saalaa akka kanaaf gaafatamtoota seeratti dhiyeessuuf qorannoon godhamuu akka jajjabeessitu dubbatan.

UN keessatti sagalee guddaa qabduun dhiibbaa kan gootu Raashiyaan gama isheen, rakkoowwan jiran furuuf biyyootni dhuunfaa isaaniin qorannoo akka gaggeessan dhiifamuu qabu yaada jedhu dhiyeessite.

Kaayyoon waltajjichaa haala sarbamni mirgaa fi haleellaa saalaa irra gahe hubachuun tarkaanfilee dabalataa gocha akkasii hambisan darbees gaafatamummaa mirkaneessan fudhachuufi.