Baankiin aannan harmaa cufame maaliif mormiin irratti ka’e?

Paakistaan keessatti pirojektiin guddaan baankii aannan harmaa jalqabuuf hojjetame mormii dursitoota amantaa Islaamaa Karaachiitti argamaniin irra gaheen kufe.

Abbootiin amantaa Musliimaa jalqaba irratti pirojektichaaf hayyama haala irratti hundaa'u kennan illeen boodarra garuu dhaabbatichi eebbifamuuf guyyoonni muraasni yoo hafu morman.

Paakistaan biyya baay'ina ummataatiin addunyaa irratti sadarkaa 5ffaa irratti argamtudha.

Kibba Eeshiyaa keessatti du'a daa'immanii olaanaa akka qabdu hima dhaabbanni daa'immanii Unicef.

Baankii aannan harma namaa kunis yeroo aannan haadha isaanii hin jirreetti daa'imman dhukkubsataniifi yeroo malee dhalataniif akka filannoo hundarra gaarii ta'eetti waan ilaalamuuf du'aa fi jireenyaa gidduutti jijjiirama fiduu danda'a.

Jireenyaaf qabsaa'uu

Bashiraan mucaa dhiiraa jalqabaa osoo gara Karaachii hin dhufiin dura ollaadhuma isaanii keessatti akkuma deesseen jalaa baddalame.

Bashiraa fi abbaan warraa ishee Raahim bara darbe Karaachiitti daa'ima lammaffaa yeroo godhatan, ishees dhabuu dandeenya jechuun sodaan isaan mudate.

"Mucaankoo yeroo malee dhalatte, hakiimonni aannan harmaa akka isheef kenninu nu gorsanii turan," jechuun BBC'tti himteetti.

"Garuu harmikoo aannan gahaa isheef oomishuuf hin dandeenye." Abdii kutannatu isaaniitti dhagahame.

"Intalti koo kutaa yaala cimaa keessa inkubaatara keessa turte. Isheenis ji'a torbaffaatti dhalatte. Harmikoo aannan baasaaf hin ture. Aannan foormulaa bituufis hin dandeenye. Lubbuu intalakoo baraaruuf hamman danda'e yaaleera,'' jedha abbaan warraa Bashiraa Raahim Shaah.

Haati gara biraa kan gadda keessa turte tokkos isaan gargaarte.

''Hospitaala hedduu irra deemnee dhumarratti dubartii da'umsa booda mucaa dhabde arganne. Mucaakoo akka harma hoosiftu gaafannee, isheenis tole jette nu gargaarte,'' jechuun yaadatti Bashiraan.

Osoo gargaarsa kana hin argannee ta'e, intalti keenya lubbuun hin haftu ture jedha Raahim.

"Daa'imni kun dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu qabaachuuf aannan harmaa baay'ee barbaachise," jechuun hima.

Baankii aannanii

Taatee Bashiraa irratti arjoomtuun qaamaan daa'ima gargaarte. Baankiin aannan namaa ammoo, aannan harmaa fudhatee, erga qorateen booda, cabbeessaa keessatti kuusa.

Isaan booda ammoo daa'imman aannan namaa barbaadaniif kennama.

Maaleeziyaa fi Iraan dabalatee biyyoonni Muslimoonni baay’inaan keessa jiraatan tokko tokko dhaabbilee akkanaa ni qabu.

Garuu dureewwan amantii gariin gochi kun harma hoosisuu ilaalchisee seera Islaamaa kan faallessuudha jechuun falmu.

Islaamummaa keessatti dubartiin daa'ima hin deenyee tokko daa'ima nama biraa harma hoosistu hidhata "firummaa" karaa aannan harmaatiin akka horattu godha jedhamee amanama. Akkasumas ijoolleen harma haadha tokko hoosisan akka obbolaa ta'aniitti ilaalamu.

Wanti hayyamame ykn seera Islaamaa eegu hundi 'haalaal' jedhama, faallaan isaas 'haaraam' jedhamuun beekama.

Paakistaan keessatti dureewwan amantii baankii aannan harmaa hundeessuun haaraam ykn seera Islaamaa jalatti dhorkaa ta’uu labsan.

Garuu aanga'oonni "baankiin aannanii kun seera Islaamaa akka eegu gochuuf" tattaaffii taasisaniiru.

Ministirri Fayyaa Bulchiinsichaa, Dr Aziraa Pechuuhoo, dubartoonni akkaataadhuma seera Islaamaatiin daa'imman harma hoosisuu akka danda'an mirkaneessuun xalayaa Mana Maree Ilaalcha Islaamaatiif erguu bbctti himte.

Yaaddoo gaa'ila obbolaa harma tokko hoosisan gidduutti uumamuu danda'u kan bu'uura seera Islaamaa keessatti seeraan alaa ta'e ilaalchisee, rakkoon akka hin uumamne mirkaneessuuf, "dubartoonni aannan arjooman ni galmaa'u, kunis warra ijoollee kanaa waliin ni qoodama akasumas hordofamuu danda'a," jetti Dr Pechuuhoon.

Haadholiin ijoollee dhiiraa daa'imman dhiiraa qofaaf aannan akka kennan, haadholiin ijoollee durbaa ammoo shamarran qofa akka dhiyeessan qajeelfama gochuun waldhabdee kana furuuf abdii qabdi.

Kunis mala dureewwan amantaa Islaamaa Turkii keessatti bara 2012 fudhataniin wal fakkaata.

Fatwaa

Karaachii keessatti jalqabaa baankiin aannan harmaa kun haalduree waliinhayyamamee Mudde 25, 2023 qaama Islaamaa dhimmisaa ilaallatun ture.

irraa hayyama argateera.

Tarreen haal-dureen kanaatis abbootiin taayitaa maqaa namoota maatiidhaaf aannanii arjomanii fi fudhatan waliin akka qooddatan ajaja.

Aannan haadha Musiliima irraa argame qofaatu daa'ima Musiliimaatiif kennamu qaba.

Daa’imman aannan kun kennamuuf danda’u kanneen torban 34 gadiitti dhalataniifi kan haadholiin isaanii aannan gahaa oomishuu hin dandeenye qofaadhaaf.

Heerri mootummaa Paakistaan seerri kamiyyuu ykn kutaaleen mootummaa hundi seera shariyaa ykn seera Islaamaa akka eegu ajaja.

Angawoonni haal-duree kana akka guutan ofitti amanamummaa kan qaban ta’us, hoganaan amantii Kaaraachiitti argamu tokko shakkii kaaseera.

Fatwaan Waxabajjii 16, 2024 fooyya’ee ba’e akka jedhutti, qajeelfama seera Islaamaa jalatti hayyama taasisu hunda hojiirra oolchuun baankichaaf baay’ee rakkisaa ta’a.

Inistiitiyuutiin Fayyaa Daa’immanii Siindhii (SICHN) jedhamu amma Fatwaa mana barumsaa Islaamaa Daarul Uloom Kaaraachii irraa erga argateen booda baankii aannan addaan kutuu malee filannoo biraa akka hin qabne dubbata.

“Fuulduratti dhimma kanarratti qajeelfama dabalataa Daarul Uloom Kaaraachii fi Mana Maree Ilaalcha Islaamaa irraa ni barbaanna,” jedha hospitaalichi.

Kaka’umsi eegumsa fayyaa keenya saayinsii qofa osoo hin taane amantiidhaan kan eegamu ta’uusaa mirkaneessuuf of kennina,'' jedha ibsichi isaan kennan.

Aannan harmaa

Akka Unicef jedhutti, Paakistaan keessatti daa'imman reefuu dhalatan 1,000 keessaa 54 ni du'u. Biyyattiin bara 2030tti gara 12tti gadi buusuuf kaayyeffatteetti.

Aannan harmaa dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu akkasumas soorata guddinaa daa’immaniif kenna.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka tilmaametti," waggaatti lubbuun daa'imman waggaa 5 gadii 820 000 ol baraaramuu danda'a, yoo daa'imman guyyaa itti dhalatanii0 hanga 23 hunda harma hoosisan.

Dhaabbanni UNICEF kan pirojekticha deeggaraa tures amma yaada kennuu dide.

Bara 2018 Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) fi Unicef daa'imman aannan haadha isaaniitiin hoosifamuu hin dandeenye aannan namaa akka hoosisan yaada dhiyeessan.

Dambii addunyaa hin qabu

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa akka jedhutti, baankonni aannan namaa biyyoota 60 ol keessatti hojjetu. Garuu mormiin amantii cimaan ni jira.

Baankiin aannanii bara 2019 Baanglaadeesh keessatti hundeeffame mormii paartilee amantaa booda ji'a tokko keessatti cufame.

Akka qorannoon Akkaadaamii Daa'imman Ameerikaa baasee argisiisutti, "maatiin Musliimaa biyyoota lixaa keessa jiraatan maqaan arjoomtootaa aannanii dhahamuu dhabuu isaaniitiin aannan baankii fayyadamuu irraa of qusatan."

Pirojektiin baankii aannan Paakistaan kun maal akka ta'u ammallee ifa miti.

Garuu Karachiitti, intalli Bashiraa xiqqoon amma daa'ima fayyaa qabu taatee jirti. Bashiraan haadholii biroo gargaaruuf "dabaree ishee" eegaa jirti.

"Ishee [haadha arjoomtuu] san baa’yeen galateeffadha, gara fuulduraattis carraa tola sana deebisuufi lubbuu baraaruu yoo argadhe daa'ima kamiifuu akkasuma nan godha," jetti.