Laangaanootti ijoolleen turistoota kadhachuun aad-maleedha jechuun Gadaan Sikkoo-Mandoo labse

Madda suuraa, OTC
Gadaan Sikkoo Mandoo gocha kadhaa ijoolleen naannoo Haroo Laangaanootti raawwatan ''gocha badaa fi aadmaleedha'' jechuun seera itti tumee lallabeera.
Naannoon Hara Laangaanoo bakka bashannanaa beekamaa naannoo sulula qinxaamaa keessatti argamu yoo ta’u, iddoo tursitoonni biyya alaas baay'inaan daawwataniidha.
Daandii aspaaltii guddicha gara Hawaasaa deemu irraa gara Haroo laangaanootti erga maqanii booda, imala daandii gara harichaatti geessu wayita qabatan, ijoollee xixiqqoo hojii kadhaa irratti bobba’an arguun kan baratameedha.
Daa’imman kunneen gariin maaallaaqa kadhatu, gariin ammoo bishaan kadhatu.
Aadaa Oromoo keessatti Kadhaan akkamiin ilaalama?
Aadde Saaraa Duubee Godina Arsii Lixaatti Haadha Siinqee yoo tahan, yeroo ammaa Komishinii Turizimii Oromiyaa keessaa hojjetu.
Isaan namoota tumaan seeraa kadhaa daa’immanii haroo Laangaanoo kun akka bahuuf adda dureen hojjetan keessaayi.
Akka isaan jedhanitti, duudhaa Oromoo keessatti kadhachuun kan baratame ''Waaqa uumaa kadhachuudha''.
''Kadhaan namatti harka ballisanii kadhatan garuu waan fafoodha,'' jedhu.
“Oromoon gaafa rakkate harka waaqatti olqabeetu waan namaaf sodaate, waan sa’aaf sodaate waaqa itti kadhata.''
''Oromoo biratti kadhaan waan fafaati yoo jennu Oromoon hin rakkatu jechuu miti,'' kan jedhan Aadde Saaraan, nama rakkate akkaataan itti gargaaranis aadaadhuma keessa jira jedhu.
“Oromoon ‘yoo kennan Rabbi namaaf kenna’ jedhee amana. Yoo maatiin tokko hongeen yookan beelaan loon jalaa dhume warra qabutu beekee kennaafi. Yoo horiin jalaa gu’e isa qabutu loon elmamu kennaafi. Yoo dhala dhabe dhala ofiituu dabarsee guddifachaadhaan kennaaf,” jedhan.
Miseensa Gumii Abbootii Gadaa Sikkoo Mandoo kan tahan Obbo Tufaa Daraarsoo gamasaaniin, kadhaan Waaqa qofaaf akka ta’e dubbatan.
''Saniin alatti akkam yoo rakkattelleen harka dhala namaatti diriirsanii kadhachuun aadmalee akka ta’e duudhaa abaabilee fi akaakilee irraa dhaalle,'' jedhu.
Tumaa seeraa Haroo Laangaanoo…
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gochi daandii irratti turistoota kadhachuu kuni gocha daa’imman naannoo Haroo Laangaanoo kana biratti baratamaa ta’e jedhu aadde Saaraan.
“Waan kadhaa ijoollee kuni jalqaba ijoolleen callisteetuma makiinaa duuka fiigdi. Warri turistootaa kuni waan akka bishaanii fi birrii konkolaataa keessaa itti darbatu. Asumaan aadeffamaa, baratamaa dhufe,” jedhan.
Ijoolleen kunneen dhalattootuma nannichaa yoo tahan, shubbisa ''aadaa Oromoo hin taane'' shubbisuunis mala kadhaa fayyadaman keessaa isa tokko.
Lakkoofsa daa’imman hojii kadhaa irratti bobba’anii kana kan ilaaleenis lakkoofsi ijoollee kanaa kan duriirraa baay'inaan dabalaa akka dhufee fi madda komii tursitootaa ta’uurra gahuus himan.
“Dhimmi kuni baayyee yaaddessaa ta’aa dhufe. Kuni waan aadaa fi safuu keenya keessa hin jirre. Kanaaf dhaabachuu akka qabu yaadameeti tumaan seeraa akka barbaachisu abbootii Gadaa, haadholii Siinqee fi qaama mootummaa waliin ta’uun hojiitti kan hiikame,” jedhan aadde Saaraan.
Dhaddacha seeraa Haroo Laangaanootti tumame kanaan, Gadaan Sikkoo fi Mandoo hundi walga’uun adabbii maatii daa’ima kadhaa irratti bobba’e irratti hojiirra oolu labseera.
“Abbaa fi haati daa’ima isaanii sirnaan guddisuu dhiisee hojii aadmalee kanarratti bobbaase adabbiin itti tumameera. Abbaa daa’ima kadhaa kanarratti bobba’ee argame loon shan akka adabamu. Haadha irratti ammoo buna Jabanaa Saddeetii fi qorii qabee saddeet akka adabaman murtaa’e,” jedhan miseensi Gadaa Sikkoo Mandoo, Tufaa Daraarsoo.
Tumaan seeraa kunis guyyaa seerichi Laanganootti itti lallabame, Sanbata darbe irraa eegaluun hojiirra akka ooles himan.
Naannoo haroo kanaatti maatiin itti yaadee ijoollee hojii kanarratti bobbaasuu fi waan ijoolleen argattu manatti itti fayyadaman akka jiranii fi seerri haaraa tumame kuni kanneen aadmalee akkanaa irratti boba’an adabuudhaan ni barsiisa jedhan aadde Saaraa Duubee.
Haroon Laangaanoo toora misoomaa xiyyeeffannoo mootummaa kan ta’ee fi bakka hawwata turistii ijoo gochuuf karaa dhaabbata ‘ IJA Development’ jedhamuun hojiin misoomsuu hojjetamaa akka jiru Hogganaa itti aanaan Komishinii Turizimii Oromiyaa Obbo Daraaraa Katamaa BBC’tti himan.












