Teeknolojii haaraa qaroo dhabeeyyiin irra deebiin akka dubbisan taasise

Meeshaa akkaan xiqqoo duuba ija isaanii keessa kaa'ameen gareen dhukkubsattoota qaroo dhabeeyyii amma akka haaraatti waa dubbisuu danda'aniiru.

Hakiimni baqaqsanii yaaluu Hospitaala Ijaa Muurfiild, Landanitti ija dhukkubsattoota shan keessa maaykiroochiipsii kaa'uun yaalii taasisaniin bu'aa ''ajaa'ibaa'' argadhe jedhaniiru.

Shiilaa Arvaayiin nama ganna 70 yoo tahan qaroo dhabuun isaanii waan ifatti galmaa'ee jiru dha.

Amma irra deebiin dubbisuu danda'uu isaaniin ''waanuma addunyaa kana keessa hin jirreen arge,'' jedhan.

''Baayyee bareeda, namatti tola. Gammachuu guddaa naa kenneera.''

Teeknolojiin kuni manguddoota sababa umriin arguu dadhabanii ykn geographic atrophy qaban (GA) gargaara.

UK keessatti namooti 250,000 dhukkuba kana kan qaban yoo tahu akka addunyaatti ammoo miiliyoona shan tahu.

Seelonni ija namoota kanaa iddoo xiqqoo ratinaa duuba jiran miidhamaa ykn du'aa adeemu. Sababa kanaan namoonni kunneen sirriitti arguu dadhabu. Halluufi waantota shifii adda baasuunis isaan rakkisa.

Yaaliin haaraa kuni maayikirooshiippii miilimeetira lama, hamma rifeensa qeenxee geessu ratiinaa jala kaa'uu dabalata.

Kanaan booda dhukkubsattoonni kishaafee kaameeraa qabu keewwatu. Kaameraan kuni suuraa viidiyoo dambalii ifaa irra dheeratu gara meeshaa ratinaa jala kaa'ametti erga. Haala kanaan suuraan ergame fooyya'aafi qulqullaa'aa taha.

Kanaan booda suuraan kuni deebi'ee gara sammuu nama kanaatti ergama, gargaarsa meeshaa ratinaa jala jiruutiin narvii odeeffannoo suuraa daddabarsuun namni qaroo dhabee ture akka haaraatti arguu danda'aa jechuu dha.

Namoonni akkatti suuraa hiikkatan ji'ootaaf leenjii fudhatu.

Maahii Muuqiit, Hospitaala Ijaa Muurfiild, Landanitti hakiima gorsaa wal'aansa baqaqsanii yaaluu ijaati, ''teeknolojii haaraafi jireenya jijjiiruu danda'u dha, '' jedhan.

''Kuni teeknolojii jalqabaa dhukkubsattootaati haalaan akka arganiifi jiruu guyyuu kan akka dubbisuufi barreessuu danda'an taasise dha,'' jedhaniiru.

''Akkan yaadutti kuni tarkaanfii akkaan guddaa tahe dha,'' jedhaniiru.

Qorannoon joornaalii fayyaa New England Journal of Medicine irratti bahe akka agarsiisutti dhukkubsattoonni 38 rakkoo wal fakkaataa qaban kan biyyoota Awurooppaa irraa babbahan yaalii teeknolojii Prima implant koorporeeshinii Saayinsii Baayoteek Kaalifoorniyaa hojettame irratti hirmaataniiru.

Namoota teeknolojii haaraa kanarratti hirmaatan 32 keessaa 27 akka haaraatti dubbisuu danda'aniiru.

Waggaa tokko booda namoonni kuni gabatee qubee qormaata ijaa irratti qubee 25 fi barreefama sarara shanii fooyyeessaniiru.

Sheeyilaadhaaf immoo jijjiiramni argite inumaayyuu adda dha. Teeknolojii kanaan dura guutummaan guutuutti dubbisuu hin dandeessu ture.

Teeknolojiin kuni yaalii baqaqsanii hodhuun erga kaa'ameefin booda garuu dogoggora tokko malee qubee qabatee irra jiran dubbisuu dandeesseetti. Kanaannis gammachuun ishee daangaa hin qabu.

Teeknolojii Prima implant jedhamu ammallee eeyyama waan hin arganneef kilinikoota yaaliin alattii faayidaarra oolaa hin jiru. Hangam kaffalchiisuu akka danda'us hin baramne.

Tahus Maahiin teeknolojiin kuni ''waggoota muraasa'' keessatti dhukkubsattoota Tajaajila Fayyaa Biyyaalessaa UK jala jiraniif dhiyaachuu mala jedhan.

Gara fuulduraatti teeknolojiin kuni namoota dhukkuba ijaa biraa qabaniifis hojiirra oolu mala.

Dr Piitar Biluumfiild, dhaabbata qorannoo Macular Society yoo tahan teeknolojiin ''jajjabeessaafi oduu gaaarii dha,'' jedhan.

Yaaliin teeknolojii kuni namoota narviin odeeffannoo suuraa sammuutti dabarsu miidhameef gargaaruu hin danda'u.