Filiippiinsitti DJn tokko tamsaasa kallattiirra osoo jiruu ajjeefame

Filiippiins keessatti DJn muuziqaa raadiyoo taphachiisu tokko tamsaasa kallattiirra osoo jiruu ajjeefame.

Juwaan Jumaaloo kan maqaa DJ isaa Joonii Wookar jedhuun beekamu kan ajjeefame istuudiyoo keessatti dhaggeeffatoota isaatiif muuziqaa osoo taphachiisaa jiruuti.

DJ Joonii Wookar istuudiyoo mana isaa keessatti ijaarsise keessaa ture kan tamsaasu.

Pirezidantiin Filiippiins Maarkas, ajjeechaa gaazexeessaa raadiyoofi DJ kana cimsee balaaleffateera.

Waldaan Gaazexeessitoota Biyyaalessaa Filiippins akka jedhetti, bara 2022 keessa qofa gaazexeessitoonni afur ajjeefamaniiru.

Waldaan Gaazexeessitoota Filiippins kun ajjeechaa kana baayyee kan nama rifachiisu kan taasise DJn kun istuudiyoo xiqqoo mana jireneyaa isaa keessatti ijaarsise keessa osoo jiruu ta’uu isaati jedheera.

DJ Joonii Wookar tamsaasicha kallattiin Feesbuukiirratti tamsaasaa osoo jiruu ture shakkamaan tokko gara istuudiyoo isaatti seenuun itti dhukaasee kan ajjeese.

Miidiyaaleen Filiippiins odeeffannoo poolisiirrraa arganne jedhaniin akka gabaasanitti, shakkamaan kun gara istuudiyootti darbee seenuu kan danda’eef eegdotatti “beeksisa atattamaan kallatiidhaan himamu qaba” jechuun sobeeti.

Poolisiin ammoo kaamaraan CCTV [kaameraa bakka tokkorra kaa’amee sochii jiru waraabu] harka koo galeera jechuun ifa godheera.

Tamsaasni DJ Joonii Wookar Goold Meggaa Kalaambaa FM 94.7 irratti kan darbu yoo ta'u, fuula Feesbuukiirratti hordoftoota 22,400 qaba.

DJ Jooniin erga itti dhukaafamee booda haati warraasaa gara hospitaalaa geessitullee lubbuu ooluu hin dandeenye. Hakiimonnis du'uu DJ Joonii bataluma sana mirkaneessuun ifa godhan.

Poolisiin DJ Joonii Wookar kanaan dura doorsisniifi sodaachifni kanaan dura akka isarra gaheeru wanti gabaaseeru akka hin jirre himeera.

Pirezidantiin Filiiippins fuula X isaaniirrratti,, "poolisiin qorannoo gadi fageenyaan akka taasisuufi shakkamaa mana-murtiitti akka dhiyeessuuf," ajajaniiru.

Teessoo isaa Ameerikaa kan godhate 'Fiirdem Hawus', "Filiippins biyyoota gaazexeessitootaaf balaadha jedhaman keessaa tokkodha," jechuun ramadeera.