Ayivorii Koost loltoonni Faransaay biyyattii keessaa akka bahan murteessite

Loltoonni Faransaay bara waraana waliin Ayivorii Koost, 2002 hanga 2007, lammiilee nagaaf eegumsa taasisaa turan

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Loltoonni Faransaay bara waraana waliin Ayivorii Koost, 2002 hanga 2007, lammiilee nagaaf eegumsa taasisaa turan

Biyyoota Dhiha Afrikaa hedduu koloneeffattee kan turte Faransaay yeroo dhihoo as dhiibbaan ishee biyyoota kunneen keessatti qabdu hir'ataa dhufeera.

Haala kana keessatti biyyi lixa Afrikaa Ayivorii Koost loltoonni Faransaay akka biyyattii gadhiisanii ba'an murteessuu ibsite.

Pirezidantiin Ayivorii Koost Alaasaanee Uwaataarii ayyaana bara haaraa faranjootaa sababeeffachuun haasaa taasisan keessatti murtee kana ibsan.

Dameen waraanaa biyyasaanii daran cimuu fi ammayyaa'uu kan eeran pirezidantichi, ammaan booda loltuun Faransaay biyyattii keessa akka hin turre himan.

Oduu walfakkaatuun Senegaalis gamasheen Faransaay mooraa loltootaa ishee biyyashee keessaa qabdu akka cuftu ibsuun, loltoonni Faransaay xumura bara faranjootaa kana akka ba'an labsiteetti.

Ayivorii Koosti biyyoota lixa Afrikaa keessaa loltoota Faransaay baayyinaan qabaachuun beekamti.

Loltoonni faransaay 600 ta'an Ayivorii Koost keessa jiru. Senegaal keessa ammoo 350.

''Bu'uura waliigaltee waloon irra geenyeen loltoonni Faransaay Ayivorii Koost gadhiisanii ni ba'u,'' jechuun haasaa isaanii keessatti eeran Pirezidant Uwaataaraan.

Mooraan waraanaa Poort Booweet kan harka loltoota Faransaay ture loltoota Ayivorii Koostitti akka dabarfamus ibsan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bulchiinsi kolonii ishee bara 1960oota keessa kan xumurame Faransaay loltootashee Maalii, Burkina Faasoo fi Niijeer keessaa baasteetti.

Ammoo fonqolchi mootummaa biyyoota sadeen keessatti gaggeeffame Faransaay akka tarkaanfii kana fudhattu dirqamsiiseera.

Biyyoota lixa Afrikaa keessattis jibbiinsi loltoota Faransaay irratti cimeera.

Yaadi faallaa Faransaay akkaan dagaage.

Pirezidantiin Senegaal Baasiruu Faaya ''bara 2025 irraa eegalee loltoonni biyyoota alaa Senegaal keessa jiran kamuu akka ba'an ajaja dabarseera,'' jedhan.

Kanaafuu amma Faransaay loltoota kan qabaattu Gaaboon keessaati jechuudha.

Dureewwan waraanaa Niijeer, Maalii fi Burkinafaasoo loltoota Faransaay erga baasanii booda gara fuulasaanii gara lotoota Raashiyaa deebisaniiru.

Raashiyaan maqaa jihaadistoota waraanuu jedhuun loltootashee gara gammoojjii Saahal bobbaastee jirti.

Akka gabaasaaleen dhimma kanarratti ba'an ibsanitti Raashiyaan loltoota kuma lama ta'an Jibuutii fi Gaaboon keessaa qabdi.

Kanaan ala garuu dhiibbaan isheen biyyoota Afrikaa kaan keessatti qabdu hir'ataa dhufeera.

Xiinxaltoonni siyaasaa akka jedhanitti Faransaay dhiibbaa siyaasaa fi waraanaa Afrikaa keessatti qabaachaa turte itti fufsiisuu barbaaddi.

Erga waanjoo kolonii Faransaay jalaa bililsa baatee waggoota kurna sadi kan lakkoofsite Ayivorii Koost (maqaa Faransaay moggaasteef Koot Divuwaar) guddina diinagdee, waliin jireenya sabootaa fi hordoftoota amantii adda addaan guddoo beekamti turte.

Haata'u malee hidhattoonni erga biyyattii keessatti heddummaatanii burjaajii keessa galte.

Ayivorii Koosti oomisha kaakawaan addunuaarratti beekamti. Biyyoota naannawashee jiraniin yoo madaalamtu diinagdeenshee fooyyee qaba.