Awwaalcha jumlaa Maaliitti argame irratti himannaan Raashiyaa maali ture?

Loltoonni Faransaay Maalii keessaa bahuuf wayita meeshaa qixeefataa turaniitti

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Loltoonni Faransaay Maalii keessaa bahuuf wayita meeshaa qixeefataa turaniitti
    • Barreessaa, Piitar Moowii
    • Gahee, BBC Reality Check irraatiin

Maalii keessatti awwaalcha jumlaa dhiheenya buufata waraanaa kan dhiheenya kana humnoota Faransaayiin itti fayyadamaa turan biratti argame irratti wal dhabdeen dhagahamaa jira.

Faransaay mindeeffamtoota loltoota Raashiyaa kanneen Maalii keessa hojjataniin maqaa Faransaay balleessuuf reeffa bakkichatti gatuu keessatti hirmaatan jechuun himatti.

Himannaan kun ammoo motummaa Raashiyaatiin hin fudhatamne. Aanga'oonni Maaliitis himannaa Faransaayi kanatti gammadoo akka hin taane himan.

Erga bara 2013 kaasee loltoota kumaatama Maalii keessaa kan qabdu Faransaay, gahee gareewwan jahaadistoota waraanuu keessatti qabdu irratti gaaffiiwwan ka'aniin wal qabatee biyyattii keessaa akka baatu Guraandhala keessa ibsite turte.

Faransaayifi biyyoonni Awuurooppaa kaan, hirmaannaa mindeeffamtoonni loltoota Raashiyaa dhaabbata waraanaa dhuunfaa kan ta'e Wagner irra biyyoota Afriikaa muraasa keessatti jiraachunsaanii yaaddoo itti umaa jiraachu beeksiisan. Mootummaan Raashiyaa ammoo dhaabbata Wagner waliin hidhata omaa akka hin qabne haaleera.

Faransaayi maaltu ta'e jette?

Humnootiin Faransaay buufata waraanaa Gossii aanga'oota Maaliitti kan kennan Ebla 19 ture. Guyyuma sana loltoonni Maalii buufaticha galan- kanarrattis hundu waliigalan.

Ebla 20 waaree booda ammoo, waraanni Faransaay loltoota hedduu gara biraa buufaticha qaqabuun loltoota Maalii waliin ta'uun yoo meeshaa waraanaa buusan karaa basaasa qilleensaatiin argu hime. Kanas ''loltoota warra Awurooppaa kan garee Wanger ta'aniitti shakkaniidha'' jechuun ibse.

Haata'u malee, sababii qulqullinni waraabbii viidiyichaa gadaanaa ta'eef uffnni dambii loltootaa adda baasuun rakkisaa waan ta'ef kan Faransaay jettu dhugaa ta'u adda baasuun rakkisaadha.

Anga'oonni Faransaay BBCtti akka himaniitti, sababii nageenyaatiif jecha waraabbii viidiyoo isa qulqulina olaanaa qabuu qooduu hin dendeenye.

Maappii Maalii Baamaakoo, Gooseiifi Homboorii agarsiisan

Galgala sanas karaa Tiwitara -@DiaDiarra6 - jedhuutiiin, himannaan reeffii namootaa loltoota Faransaay Goossi keessaa bahaniin ajjeefamanii argameera jedhu tokko maxxanfame. Akkas haa jedhu malee ammoo ragaan kana agrsiisuu omtu hin turre.

Namni tiwitara kana barreessees akka ''loltuu sorama bahe, goota Maalii fi xinxalaa siyaasaatti'' of ibse.

Waraanni Faransaay ammoo erga tiwiitaricha argeen booda, waan ta'e adda baasuuf diroonni ergu hime.

Ganama itti aanu (Ebla 24) gara sa'aatii 3:45tti, qilleensa irraa buufata garichaa irraa tilmaamaan fageenya km 3 irratti reeffa namoota 10 argu hime. Reefa kanas yoo namoonni muraasni dhagaa itti darbatan kaan dhaabbatanii waraabaa akka turan adda baaseera jedhe.

Fakkii diroonii waraanaa Faransaayi irraa BBC waliin qoodame - yoo namoonni ajjeefaman awwalamana agarsiisa jedhan

Madda suuraa, FRENCH ARMY

Ibsa waa'ee suuraa, Fakkii diroonii waraanaa Faransaayi irraa BBC waliin qoodame - yoo namoonni ajjeefaman awwalamana agarsiisa jedhan

Gara sa'aatii lamaatiin booda ammoo, akkaawuntiin tiwiitaraa-@DiaDiarra6 - kan Faransaay ''tarii akkaawuntii sobaa Wagner uumeedha'' jedhuun wanta baayyee soodaachisu maxxanfame.

Reeffawwan urkaaffii dhagaan haguugamuun lafarr ciisaniitti siquun maal akka mudatee kan agarsiisu maxxanse.

''Kunis wayita Gossi keessaa bahan kan Faransaayiin dhiifameedha. Kunis varaabbii viidiyoo erga isaan bahanii waraabame irraa kan fudhatameedha,'' jedha barreeffamni viidyicha ibsu.

Guyyaadhuma sana booda keessa ammoo, akkaawunitichi viidiyoo sakandii 20 dheeratuuf reeffuma sana mul'isu maxxanse. Ergasiin booda ammoo akkaawuntichi ni balleeffame.

Maaliin waan ta'e maal jette?

Maaliin erga Ebla 19tti buufata qabataniin booda, humni seera kabachiisaa Ebla 20 gara sanatti ergame qaamoolee hin beekamne irraa alakan keessa haleellaan irratti baname jette.

To'attoonni (paatirooliin) waraanaa ganama Ebla 21tti naannicha sakkata'uuf gara sanatti ergaman guyyuma sana gara sa'aatii 12:30 irratti tawwaalcha jumlaa sana argan jedhe. .

Humnootii faransaay Baamaakoo keessatti -2013tti

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Faransaay erga bara 2013 kaasee Maalii keessatti jahaadistootaan lolaa jirti

Dubbii himaan Waraanaa Kooloneel Suliyimaan Dembal akka jedhaniitti, reeffii namoota kanneenii bosbosuunsaa ajjeechaan guyyoota muraasaan dura raawwatamu agarsiisa.

''Reeffiiwwan amma argaman kunneen turuunsaa jechuun awwalchi jumlaa kun osoo Faransaay buufaticha Maaliitti hin deebiisiin dura kan ture ta'u agarsiisa,'' jedhan.

Tibba Ebla 25tti ibsa gaazexessitootaaf kennaniitti, Koloneel Dembeel akka jedhaniitti, ''Wayita aanga'oonni Maalii gara sana deemaniitti jiraattoonni naannichaa awwaalcha jumlaa sana arguu gabaasanii ture,'' jedhan.

Haata'u malee aanga'oonni Maalii ajjeechaa kanaaf ittigaafatamaan eenyu jedhanii akka yaadan ifa miti. Garuu ammoo dhiheenya buufatichaatti diroonii basaasaa balaliisuuf Faransaayiin himatan. Faransaay ammoo naannicha keessaatti to'annoo aggeessuun waan hayyameeme baleessaa omaatu akka hin qabaannee dubbatti.

Dhimma kanarratti Raashiyaan maal jette?

Ministeerri Dhimma Alaa Raashiyaa waa'ee taatee kanaarratti ibsa baaseen, deeggarsa isaa Maaliif qabu ibsuun ajjeechaa kanaaf himannaa qaama biraatti qabaachuuf Faransaay himate.

Awwaalcha jumlaa dhiheenya buufata Goosiitti argame kun bakka hanga dhiyeenyaatti loltoonni Faransaay turan ta'u ibsichaan eereera.

Akkasumas midiyaaleen biyya keessaa namoonni ajjeeffamanis horiisee bultoota naannichaa loltoota Faransaayiin dhiheenya Goosiitti to'ataman akka ta'e gaabuu kaase. ''Hanga ammaatti carraan isaanii hin baramne'' jedheera.

Miidiyaalee Faransaay ammoo humnootiin Faransaay naannoo kanatti namoota muraasa to'achuu gabaasaniiru. Namoonni kunneenis amma gadhiifamanii jette jirti Faransaay.

Ibisi Raashiyaan baaftees himannaa Faransaay shakkamtoota loltoota Wagner ilaalchisuun dhiyyeessiteef deebii hin kennine. Kanarratti deebii akka kennuuf BBCn motummaa Raashiyaa gaafate ture.

Walumaagalatti kanarratti maaltu jedhamu danda'ama?

Wanti hunda caalaa qalbii namaa hawwatu akkaawuntii Tiwitaraa himannaa Faransaay irratti odeeffannoo sobaa tamsaasuun dhimmicharratti shakkiin akka cimu taasisseedha.

Akkaawuntichis Amajjii keessaa kan umameefi barreeffamoota Maaliifii Raashiyaa leellisuu garuu kan biyya keessa jiraachu Faransaayi mormu maxxansaa ture.

Akkaawuntii Tiwiitarii waa'ee reeffa Goosii himu
Ibsa waa'ee suuraa, Akkaawuntii Tiwiitarii waa'ee reeffa Goosii himu

Abbaan suuraa nama akkaawunticha saaqees miidiyaa hawaasaa Raashiyaa Vkontakte yoo ta'u garuu nama Kolombiyaa irraa ta'eeti.

Isaan booda suuraa (profile picture) kaasuun kan hogganaa waraanaa Maalii, Asiimi Gooyitaa fayyadamuun ture wayita dhimma himannaa ajjeechaa Goosii sana maxxanseetti.

Maxxansi tiwiitarii ajjeechaa raawwatame jedhameef itti gaafatamoo ta'uu himee sun maaliif akka osoo reeffiiwwan dhiheenya buufatichaatti hin awwaalamiin dura akka maxxanfame ifa miti.

Awwaalcha kanaan kan ajjeefaman eenyuu fa'i?

Hanga ammaattis eenyummaa namoota ajjeeffamanii adda hin baafne.

Waraanni Faransaay ammo kan Homborii (kibba Goosii) bakka loltoonni Maaliifi Raashiyaa keessatti gaafa Ebla 19 oppareeshinii gaggeessan irraa akka dhufan amana.

Waraanni Maalii taateeen achitti mudachuu amanuun, loltuunsaa tokkoofi milishoonni 18 ajjeefamu himee ture.

Akkasumas waraanichi shakkamtoota 600 ol to'achuufi booda ammoo ammoo baayyeen isaanii gadhiifamu, kan hafan poolisiitti dabarfamanii kennamu himee ture. Isaan keessaayis tokko hidhaa keessatti du'e jedhe.

Motummaan Maalii ammoo awwalcha jumlaa sun akka qoratamuuf sochii eegaluufi eenyuu akka ajjeefamee adda baasuuf ganaa hojjataa jiraachu beeksiise.

Waraanni Maalii keessaa deebii akka kennuuf gaafannee turre.

Qorannoofi gabaasni dabalataa Kumaar Maalhootraan kan hojjatameedha.

Reality Check branding