Waraqaa eenyummaa Faayidaa dirqama ta'aa dhufeerratti qabxiilee ijoo baruu qabnu

Madda suuraa, National ID
Manni Maree bakka bu'oota ummataa ALI Bitooteessa 21, 2015 wixinee labsii waraqaa eenyummaa dijitaalaa ragaasisuudhaan biyyattii kanneen waraqaa dijitaalaa fayyadaman keessaa tokko taasiseera.
Waraqaan eenyummaa dijitaalaa 'Faayidaa' jedhamuun beekamu kunis 'nama tokko haala adda ta'een' adda baasuu akka danda'u kan himamee yoo ta'u, sadarkaa yaaliitiin hojjatamaa ture amma labsiichaan booda hojiirra oolfameera.
Itoophiyaa keessatti dhaabbileen hedduun tajaajila kennanniif waraqaa eenyummaa dijitaalaa kana akka dirqamaatti gaafataa jiru.
Dhimmoon waraqaa dijitaalaa Faayidaa kanaan wal qabatee baruu qabdan saddeetti kunooti:
Waraqaan eeyummaa 'Faayidaa' maali?
Lakkoofsa Faayiidaa kan jedhamu waraqaa eenyummaa dijitaalii yoo ta'u, teeknolojiitti fayyadamuun odeeffannoo dhuunfaa namootaa muraasa (barruu qubaa fi bakka dhalootaa) walitti qabuudhaan dhaadannoo namni tokko takkuma jedhuun tokkoo tokkoo lammii haala adda ta'een adda baasuudhaaf sirna dandeessisuu ta'u Sagantaan Waraqaa Eenyummaa ni hubachiisa.
Keessaa isaattiis odeeffannoo dhuunfaa buu'uuraa jedhaman kan akka maqaa, saala, eddoo dhalootaa fi teessoo jireenya qabata. Kana malees, imeeliifi lakkoofsa bilbilaa quunnamtiifi mirkanneeffannaaf tajaajilan hammateera.
Odeeffannoo ijoon ammoo baayoomaatirikiidha. Kunis ija lamaan, ashaaraa quboota kudhanii fi ashaaraa fuulaa hammata.
Erga odeeffannoowwan kunneen walitti qabamanii booda cuunfamee gara lakkoofsa addaa dijitii 12 fi gara 16tti jijjiramuudhaan galmeeffamaaf kennama.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namni tokko ''galmaa'ee lakkoofsa argate jechuun waraqaa dijitaalii qaba'' jechuudha jechuun ibsan qindeessaa mummeen Waraqaa Eenyummaa Biyyaaleessa Faayiidaa, Obbo Yoodaahee Ariyaasillaasee BBCtti yoo himaniitti.
Namni kamuu odeeffannoo dhuunfaasaa kennuudhaan mirga waraqaa eenyummaa dijitaalii argachuu akka qabu labsiichi kaa'eera.
Galmaa'aan sababii miidhama qaamaa ykn waan humnaan ol ta'een odeeffannoo dhuunfaa kennuu akka hin dandeenyee yoo mirkanaa'e, suuraa qofaadhaan galmaa'udhaan waraqaa ragaa dijitaalii kennamuufii danda'ama.
Kanneen waraqaa ragaa dijitaalaatiif galmaa'aniifi odeeffannoowwan dhunfaa waraqaa ragaa kanarratti ibsamu Afaan hojii mootummaa federaalaa, Afaan naannoo galmeen keessatti gaggeeffamuufi afaan Ingiliffaatiin barraa'a.
Sirna waraqaa ragaa dijitaalaatti kan galmaa'u ta'e ykn odeeffannoo waraqaa dijilaataa irratti bahuu, haaluma qajeelfama dhaabbatichi baasuutiin afaanoota biyya keessaa gara biraatiin galmaa'u danda'u.
Waraqaa eenyummaa dijitaalaa argachuu kan danda'an eenyufaadha?

Madda suuraa, National ID Facebook
Haala labsii keewwata 16 (1) irratti kaa'ameetti, waraqaan eenyummaa dijitaalaa eenyummaa nama tokkoo adda baasuudhaaf akka seera qabeessaafi odeeffannoo gahaatti akka fudhatamu labsameera.
Waraqaa eenyummaan Faayiidaa umuriidhaanis ta'e lamummaadhaan daangaa kan hin qabne yoo ta'u, daa'imman umurii kamu keessatti argamaniifi kanneen karaa seeraatiin lammummaa Itoophiyaa qaban kanneen biyya alaa jiraatan galmaa'u danda'u.
Finfinneetti galmee siiviin wal qabatee manneen barnootaatti galmeessuun eegalamuu kan dubbatan Obbo Yuudaahee, daa'imman yoo waraqaa ragaa dhalootaa fudhatan yeroo walfakkaatuutti lakkoofsa Faayiidaa fudhachu akka danda'an ibsaniiru.
Daa'imman umuriinsaanii waggaa shanii gadi ta'eef maatiin garaa ta'udhaan lakkoofsa Faayidaa akka bahuuf taasifama. Yoo daa'imman waggaa shanii ol ta'an ammoo odeeffannoon baayoomeetiri dirqama sababii ta'eef ashaaraa kennuun lakkoofsa Faayidaa argachu danda'a. Kanneen waggaa 18 ol ta'aniif ammoo of danda'ee akka baafatu taasifama.
'Faayidaa' waraqaa eenyummaa kaaniin maaltu adda taasisa?
Waraqaan ragaa Faayiidaa waraqaa ragaa kaaniin adda kan ta'u, sadarkaa biyyaaleessatti kan wal fakkaatu ta'usaati.
Haalli galmee fi kenniinsa lakkoofsaa kan wal fakkaatuudha sadarkaa biyyaaleessaatti.
Faayiidaan karaa waraqaalee ragaa kaaniin adda itti ta'u keessaa kan biraa kaardii ta'usaati. Namni lakkoofsa Faayidaa qabu tokko waraqaa ragaa qaba jechuudha. Kanatti fayyadamauudhaanis sirna dhaabbilee gara biraa waliin adda ittiin ta'u qaba.
Waraqaan eenyummaa 'Faayidaa' waraqaa gandaa bakka bu'aa?
Waraqaan eenyummaa gandaa kan jiraataan ganda tokkoo ittiin adda baafamuudha. Faayidaan ammoo Itoophiyaanotaan addatti baqattoota dabalatee waraqaa eenyummaa Itoophiyaa keessatti hanga ammaatti fudhatamu danda'amuudha.
''Waraqaan eenyummaa jiraattootaa teessoo jiraattootaa mirkanneessuudhaan kan tajaajila jiraattootaaf kennuudha. Ameerkii keessatti waraqaan eenyummaa jiraatummaa bulchiinsa tokkoo ykn hayyama konkolaachisummaa qabaata. Kana malees lakkoofsa Soshaal sakuriitii (nageenya hawaasummaa) ni qabaata. Lakkoofsi nageenyi hawaasummaa sadarkaa federaalaatti kan tajaajilu yoo ta'u, bulchiinsoota hunda keessatti ammoo waraqaa jireenyaa ni kennamaaf'' jedhu Obbo Yudaaheen.
Tajaajilli isaanii garaa gara sababii ta'eef ''waraqaa eenyummaa gandaa bakka bu'uufi dhiisuun ajandaa ta'u hin qabatu'' jedhan.
Tajaajila gandaa tokko argachuudhaaf waraqaan gandaa dirqama yeroon itti ta'u jira. Yeroo kanatti Faayidaan tajaajila ni kenna.
''Fakkeenyaaf yeroo gara wajjira galmeefi odeeffannoo deemamuutti lakkoofsi Faayidaa ni gaafatama. Tajaajilawwan tokko tokkoof ammoo waraqaan eenyummaa jiraataa Faayidaan alatti dabalataan gaafatamu danda'a'' jedhan.
Haata'u malee qindeessaan kun akka jedhaniitti, gara fuulduraatti lamaanu walitti hidhuudhaaf hojjataa jiraachuufi yeroo hojiinsaa xumuramuutti waan lamaanu wal deeggaraniif tokkoonsaanii qofaatti gaafatamuun akka hafu kaasan.
''Waraqaa eenyummaa gandaa yoon qabadha haala salphaattan keessumeeffama. Lakkoofsa Faayidaa kiyya yoo qabaadhe lakkoofsa Faayidaa kiyyaanan keessumeeffama. Yeroo sanatti tokko tokkoosaa bakka bu'uu wanti jedhu ni hafa. Lammiileen kana kan kaasan sababii lamaanuu gaafatamaa jiraniif gaaffii akkasii kaasu. Kun ammoo gara fuulduraatti yeroo sirni wal dubbisuutti kan deebii argatu ta'a'' jedhan.

Madda suuraa, National ID Facebook
Faayidaa fudhachuu dhiisuun danda'amaa?
Labsiin waraqaa eenummaa dijiitaalaa namni hundi faayidaa fudachuu akka qabu hin dirqamsiifne. Dhaabbileen tajaajilaa garuu tajaajila kennaniif waraqaan eenyummaa 'Faayidaa' akka ulaagaa dirqamaatti dhiheessuu danda'u.
''Faayidaa qabaattu malee jiraachuu hin dandeessu hin jedhu. Tajaajiloonni bu'uuraa garuu, dhimmoota nageenya lammiilee, guddina diinagdee fufsiisuu, ijaarsa diinagdee dijiitaalaa fi dhimmoota biroo mootummaan waraqaan dijiitaalaa dirqama ta'uu labse irratti 'Faayidaa' dirqama gochuuf labsiin kun mirga ni kennaaf,'' jedhan Obbo Yoodaaheen.
Kanaafuu tajaajiloonni adda addaa waraqaa eenyummaa kana faana walhidhataa waan deemaniif, tajaajiloota kunneen argachuu kan fedhu hunduu waraqaa eenyummaa Kanaan nama galmaa'ee fi lakkoofsa addaa nama qabu ta'uu qaba.
Kana waan ta'eef ammatti Faayidaa qabaachuu labsiin dirqamsiisuu baatus dhaabbileen tajaajilaa suduudaan gara waraqaa kana dirqama gaafachuutti waan seenaniif barbaachisummaansaa gaaffii hin qabu.
Tajaajilli waraqaa eenyummaa 'Faayidaa' dhorkamuu danda'aa?
Hoji-maati nama 'Faayidaa'f galmaa'e dhorku yookiin haqu hin jiru. Kan danda'amu cufuu (lock gocuudha.)
Kana jechuun ashaaraan (biometric) nama sanaa osoo hin haqamin itti cufamee akka taa'u gochuu jechuudha.
Adeemsi hoji-maata waraqaa eenyummaa dijiitaalaa 'Faayidaa' kun odeeffannoowwan fudhatama kan balleessu miti.
Ajaja abbaatiin ykn mana murtiin lakkoofsi addaa waraqaa eenymmaa dijiitaalaa kanaa hojiin ala taasifamuu ni danda'a.
Fakkeenyaaf namni tokko biyyaa ba'uuf jedhee waraqaa eenyummaa kana fayyadamuu akka hin feene yooo ibse odeeffannoonsaa akka itti cufamu ni ta'a.
Yookiin ammoo namni tokko sababa odeeffannoo dogoggoraan (sababa dhuunfaan yookiin sababa nama dhuunfaa sanaan ala ta'een) lakkoofsa Faayidaa yoo argate itti cufamee akka taa'u taasifama.
Namni tokko erga du'ee booda lakkoofsi isaa nama biraaf dabarfamee hin kennamu. Du'uun abbaa waraqaa eenyummaa kanaa yoo mirkanaa'e dhaabbatichi lakkoofsi addaa osoo hin jijjiiramin akka turu fi mirkaneessuuf faayidaarra akka oolfamu labsiirratti eerameera.
Eegumsi odeeffannoo dhuunfaa hangam amansiisaadha?
Eeyyama abbaa waraqaa eenyummaa malee odeeffannoo fudhachuu, tamsaasuu, maxxansuu, itti fayyadamuu, odeeffannoo dabarsanii kennuu ykn koppii isaa qaama sadaffaatti dabarsanii kennuun ykn qaama sadaffaaf ibsuun dhorkaadha jedha labsiin dhimma kanarratti ba'e.
Namni ashaaraa isaa unka waraqaa eenyummaa dijiitaalaa 'Faayidaa' keessaa galche jechuun abbeentaa isaa dhabe ykn waajjirichi odeeffannoo nama dhuunfaa akka fedhe godha jechuun miti jedhan Obbo Yodaaheen.
Odeeffannoo nama dhuunfaa galmaa'e kamiifuu abbaa kan itti ta'u abbaa galmaa'e sana jedhan.
''Odeeffannoon nama dhuunfaa ajaja mana murtii qofaan kennama. Kana waan ta'eef odeeffannoon nama dhuunfaa qaama sadaffaaf (mootummaas ta'e nama dhuunfaaf) dabarfamee hin kennamu,'' jedhan.
Odeeffannoo dhuunfaaf eegumsa seeraatu taasifama, dabalataan kan itti cufame (encrypted) kan ta'e waan ta'eef, hoogganaa itti amanamullee yoo ta'e, ykn hojjettoota kutaa odeeffannoos yoo ta'an odeeffannoo nama dhuunfaa akka argatan hin eeyyamamu.
Waraqaa eenyummaa dijiitaalaaf jedhamee odeeffannoon nama dhuunfaa fudhatame kamiyyuu eeyyama nama sanaa malee qaama biraaf ibsuu, dabarsuu fi jijjiiruun dhorkaa ta'uu labsii kanarra ifatti eerameera.
Dhaabbileen Faayidaa dirqama taasisan kam fa'i?

Madda suuraa, National ID
Baayyinni dhaababilee tajaajila isaanii waraqaa eenyummaa Faaydaa waliin walitti hidhan dabalaa jira.
Isaan keessaa Telee tokko yoo ta'u, dhaabbileen 30 ol kan biraas tajaajila saanii walfakkaataa taasisuu Obbo Yudaaheen ni dubbatu.
Dhaabbilee hedduun tajaajilasaanii sirreessuudhaan alatti tajaajila kennuudhaaf waraqaa eenyummaa Faayidaa akka dirqamaatti kaa'aniiru. Lakkoofsi TIN galiiwwanii baasuudhaaf Faayidaa qabaachuun haal-duree ta'eera.
Baankiin biyyaaleessa Itoophiyaa magaalaa Finfinneetti akkaawuntii banachuudhaaf Faayidaan dhiyeessuu akka dirqamaatti kan kaa'e yoo ta'u, wagga lamaan booda ammo biyyattii guutuutti maamiltoonni dame baankii kamittuu tajaajila argachuudhaaf waraqaa eenyummaa Faayidaa qabaachuu ni dirqiisiifamu.
ALI Waxabajjii 24, 2025 irraa kaasee adeemsi hojii dirqisiisaan kun biyyattii keessatti ''magaaloota gurguddoo'' keessatti hojiirra oolfamuu eegaleera.
Kanaanis bara ittaanu baatii Muddee keessaa ammo biyyattii guutuutti akkaawuntii baankii saaquudhaaf waraqaan eenyummaa Faayidaa qabaachuun barbaachisaa akka ta'u ibsameera.
Magaalaa guddoo Finfinneetti tajaajiloota bulchiinsa magaalatii jalatti argaman argachuudhaaf waraqaan eenyummaa Faayidaa akka haalduree dirqamaatti kaa'aa jiru.
Kana malees tajaajiloota dhaabbilee faayinaansii fi Telekoom hedduun, tajaajiloota dhaabbilee mootummaa adda addaa, sanada galmeessuufi mirkanneessuu, tajaajila geejibaa fi imalaa akkasumas tajaajila hawaasummaa karaa Faayidaatiin akka argatan taasifamaa jira.












