Bunni yoo dhugdan dhamasaammoo yoo akaa'amu urgaasaati caalaa isinitti tola?

Buna daakamaa

Madda suuraa, Atomo

Itoophiyaa bakka garaa garaatti buna dhuganii dhanadhamachuun alatti urgaan wayita bunni akkaawwamuu caalaa kan isaan gammachisu ta'u dubbatu namoonni baayyeen.

Namoonni urgaa yeroo bunni akkaawwamutti gammaduun dhugaatiisaa baayyee hin fenees jiru. Kanaaf, bunni akkaawwiisaatu tolcha ykn balleessaa jedhu namoonni araada bunaa qaban.

Gama biraatiin ammoo namoonni dhugaatii bunaa malee haala sirna akkaawwii ykn urgaa yeroo akkaawwamu yaadanii hin beeknes jiru.

Tibba kana oduun bunni haaraan ija bunaa malee qophaa'u gabaarra ooluun dhagahame. Ofii bunni ija bunaa malee kun hangam gaariidha laata?

Gabaastuun BBC Teknolojii, Zo'ee Kaarbiin waan Ameerikaa Saan Firaansiiskoo keessatti agarte akkasiin gabaafte.

Zo'ee Kaarbii buna qabattee

Madda suuraa, Zoe Karby

'Buna' ija malee haaraan dhufe garuu mi'aa gaarii qabaa?

Ani mana bunaa sadarkaa olaanaa qabu kan naannoo teeknooloojiin itti baay'atu Saan Firaansiiskoo keessan ture.

Shakkiidhaan gara buna (espresso) shinii tokko dhuguuttan goree jira. Kun buna barame miti: ija bunaa tokko osoo hin fayyadamin kan hojjetamedha.

Bunni kunis dhaabbata Atoomoorraa kan dhufe yoo ta'u, innis dhaabbata buna alt-coffee (dhaabbata buna qabannaa'aa xaasaan saamsuun gurgur) jalqabaniifi kanneen addunyaa qophii bunaarratti warraaqsa fiduuf abdatan keessaa tokkodha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

“Yoo namni tokko nuti bakka bu’aa bunaati jedhu baay’ee aarra,” jedha Andii Kleitsch, hojii gaggeessaa olaanaan dhaabbata Siyaatiil keessatti argamu Atomoo, omishni bunaa qulqulluufi daakuu ija bunaa hin qabnerraa esperessookoo itti hojjetame.

Bunni buna isa aadaa bakka bu'e kuni dhandhama buna beekamu sanaan wal fakkaatu kan qabuu yoo ta'u, yeroo baay'ees kaafeeyiniin (qabiyyee buna umamaa keessatti argamu) kan hin qabnedha.

Haata’u malee, bunni haaraan dhufee kunis dhugaatii addunyaa irratti beekamaa ta’e kana, mi’aasaa irraa kaasee, hanga qabiyyee kaafeeniiniiisaatti akkasumas, gammachu dhugaatii namoonni argataniitti wal fakkeessuuf yaaduun indastirii dhaabbate inni jalqabaa kunoo buna ijasaa malee gabaafii dhiyeessuu eegale.

Dhugaatii bunaa ijamaleessaa kanarrattis falmiin eegumsa naannoo cimaan ka'aa akka jiru dubbatu.

Akka Fandii Uumamaa Addunyaa (World Wide Fund for Nature) jedhutti, yeroo ammaatti misoomni bunaa sababa cirama bosona keessaa sadarkaa 6ffaa irratti argama.

Dhiibbaan sun akkuma fedhiin dabalaa deemuun ni bal'ata jedhamee eegama: Fakkeenyaaf biyyoota aadaa shaayii dhuguu qaban kan akka Hindii fi Chaayinaa keessatti fayyadamni saffisaan dabalaa jira.

Gama biraatiin ammoo, jijjiiramni qilleensaa dhaabbilee biqiltuu ho’a jalaa miliquuf jecha gara lafa olka’aatti dhiibaa jira.

Kanaafuu, bunni ija-malee qophaa'u kun filannoo miidhaa naannoo xiqqaa qabu ta’uu danda’a.

Dhaabbiilee buna ija malee qopheessanis, yoo baayyinaan gabaarra oolfame, buna isa barame caalaa gatiisaa gadaanaa ta'uu akka danda'us falmu.

Akkasumas, bara kana yeroo gatiin bunaa gabaa idil-addunyaarratti sadarkaa rikardii irra gaheetti falmiin sun yeroon isaa kan eegedha.

Buna ija bunaa malee

Madda suuraa, Northern Wonder

Akkasumas, Muddee keessa dambii haaraan Gamtaa Awurooppaa, buna dabalatee, gurgurtaa oomishaalee cirama bosonaa wajjin walitti dhufeenya akka hin qabne mirkaneessuu hin dandeenye dhorku hojiirra oolchuuf jira.

''Dhaabbiileen bunaa gurguddoo hedduunis damee kana ilaalaa jiru,'' jedhu Yunivarsiitii Zuuriik Saayinsii Fayyadamaa Siwiizarlaanditti, dursaafi Piro. xinxala keemistirii Giddugala Gahumsa Bunaa, Chaahaan Yeretziyaan.

Daareektarri dhaabbata bu’aaf hin dhaabbannee, Walta'insa Eegumsa Bunaa Walitti fufaa Idil-addunyaa, Niels Haak, tooftaa kalaqa kalaqaa rakkoo bosona bunaa ciruu furuuf gargaaru kana ni simatu, haata'u malee bunni ija-malee kun furmaata baay’ee qabaachuu danda’uu isaa shakkii qaba.

Dabalataanis, oomishin bunaa addunyaarratti maatii qonnaan bultoota xixiqqaa hedduuf madda jireenyaa fi galiitii jedhan. Kanaafuu qonnaan bultoonni kunneen yoo buna dhaaburraa dhaabsiifaman gara oomisha gara biraa miidhaa qabaatu kan akka kokeeniitti darbuu danda'u jechuu yaaddoosaa kaasa.

Buna misoomsuu irraa yoo fagaatan, kanaa mannaa gara kookaa – biqiltuu kookeeyiniin irraa argamu – kan dhimma bosona ciruu walfakkaataa qabu – guddisuutti garagaluun isaanii hin oolu. ''Rasaasni meetii hin jiru,'' jedha.

Sagantaan mirkanneessuu bunaa, kan qonna buna gaaddisa mukaa biraa jalatti biqilu bunaa akka dhaabu cimsuurratti kaayyeffate tokko gaggeeffamaa jiraachu kaasan. Kunis misoomni bunaa itti fufiinsa akka qabaatuu fi hawaasa deeggaruufiidha. ''[Dameen bunaa] imala jijjiirama irra jira,'' jedha.

Ta’us dhaabbileen ija bunaa malee kunneenis jijjiirama bal’aa ykn saffisaa akka hin finne mormu. Bunni cirama bosona bal'aas sababa ta'un qonnaan bultoonni bunaa hiyyummaa keessa jiraatu.

Osoo oomishinni bunaa ijamaleessi (alt-coffee) fedhiidhuma bunaa dabalaa jiru tilmaamame qofayyuu, fedhiidhuma sanayyuu guutuun dachee kanaaf injifannoo nama kamiyyuu daldalaan ala hin goone ta’a.

Akkasumas, akkuma qilleensi jijjiiramaa adeemu, qonnaan bultoonni bunaaoomishi midhaanii itti jijjiiruu danda’an kan dhiibbaa bosonarratti hin qabaannee baay’eedha.

Oomisha bunaa ija bunaa malee

Madda suuraa, Northern Wonder

Bara 2019 kan eegale oomishin Atoomo, ammaab tana US keessatti manneen bunaa 70 ol keessatti gurguramaa jira.

Dhaabbanni bunaa Bluestone Lane jedhamu jalqaba baatii Hagayyaa irraa kaasee tarree Saan Firaansiiskoo dabalatee, suuqiiwwan isaa hundatti tarree nyaatasaa irratti dabaleera.

Erga ji'a Waabajjii irraa eegalee, Atoomo buna ija-maleessa daakamaa fi buna baramaa fayyadaman mana keessaatiif karaa marsariitii isaatiin gurguraa jira.

Ammaatti gatiin daaku buna ija-maleessaa kan buna barameetiin xiqqoo caalmaa qaba. Fakkeenyaaf, espresso Atoomo hojjechuuf saantima 50 (38p) irratti dabalata.

Oomishi buna Atoomo’s addatti teknooloojii olaanaa miti: Ija zabiibii, ija romaanii, ija suufii, firuktoosii, pirootiinii ataraa, misingaa, loomii, guwaava, ija abishii, kaafeeyinii fi beeking soodaa irraa kan oomishameedha.

Jalqabas habmaa ija zabiibii ykn ija kuduraa irraa jalqabu. Wantoota armaan olitti tarreefama kanarra osoo akaa'uudhaan dhandhamaa fi makanaa haaraatiin mi'aan hin uumammiin dura hojii cimaa keessa darbe.

Boodarras wantoota dabalataa waan hundumaa bareechan. Kaafeeyiniin Atoomo’s madda shaayii magariisaa kaafeeyiniin irraa kan argamu yoo ta’u, kaafeeyiniin sinteetikiirraa hojjetames buna ija-maleessaaf bifa akka kennuuf fayyadaarra oolfameera.

Dhabbanni Atoomo kan kibba Kaalifoorniyaatti kan bakka ijiwwan kunneen itti qulqullaa'uufi itti dhiqamu, dhaabbata lammaffaa Siyaatil keessatti oomishnibuna kanaa itti hojjetamudha.

Ammattis waggaatti dandeettiin paawundii miiliyoona afur oomishuu kana qabu yoo ta’u, Aab Kleitsch kunis addunyaa oomisha bunaa keessatti “dogongora naanna'u” jechuun ibsa: Starbucks gara miliyoona 800 bita.

Atoomo yoo dhugdanii ilaaltan, buna (espresso) mana bunaa fi kan mana keessatti qophaa'uun dhandhama walitti dhiyaatu qaba. Tarii akka carraa ta'e dhaabbilee kanneenis bunnisaanii maqaa adda addaa hedduu qabaachuu danda'a.