Balaa gamoonsaa jigee namoota 116 galaafate dhoksuuf yaalii Joshuwaan taasise saaxilame

Dursaan waldaa amanatoota wangeelaa guddicha Naayijeeriyaa kan ture TB Jooshiwaa bara 2014 gamoon waldaa isaatii jigee namootni 116 lubbuu wayita dhaban badiisaa dhoksuuf reeffaa dhoksaafi maatii miidhamtootaa hiraarsaa akka ture qorannoon BBC mul'ise.

Gamoon iddoo waaqeffannaa isaatti jige kun badii geessiseen bakka waaqeffannaatti balaa hammaataa Afrikaa keessatti qaqqabe keessaa adda duree jedhameera.

Qorannoo BBCn gaggeesseen namootni keessa beekoo waldaa TB Jooshiwaa, Synagogue Church of All Nations, balaan sun erga qaqqabee waggaa 10 ta'uu booda yeroo jalqabaaf ragaalee madda balaa sanaati jedhaniifi gaggeessaan waldichaa duula dhoksuuf godhe jedhan dhiyeessaniiru.

Addunyaarratti waldaa guddicha warra wangeelaati jedhamuu TB Jooshiwaa himannaan gudeeddiifi namoota gidirsuu keessatti bara dheeraa hirmaachaa turuu qorannoo BBC irratti saaxilamuun walqabateeti dhimmi balaa jijjjiguu gamoofi dhoksaan isa duuba jiru kan bahe.

Balaan kun qaqqabee guyya alama booda Fulbaana 12, 2014 TB Jooshiwaa sababni balaa kanaa xiyyaarri gamoo namootni kadannaaf dhufan keessa qubatanitti dhiyaatee balali'uu akka ta'e ifatti dubbate.

Qorannoon Leegoos keessatti godhame garuu bu'aa qorannoo hojjettoota yeroo balaan walfakkaatu ifa godhee ture. Innis balaan kun sababa ijaarsi gamoosanii rakkoo qabaateef mudate kan jedhuudha. Itti dabaluunis karoora gamoosaniirratti hayyama osoo hin argatiin hojjetame jedhe.

Warri ijaan argan BBCf yaada kennaniin TB Jooshiwaa wixineen ijaarsa gamoo sanii rakkoo akka qabu ijaarsi eegaluu dura akeekkachiifamee akka ture himan. Itti dabaluunis dubbiin xiyyaaratu gadi itti siiqee balali'e jedhu 'kijiba'' jedhan.

''Gamoon sun tasgabbaa'aa akka hin taane ni beeka ture'' jedhe barkurnee tokkoo oliif hordofaa TB Jooshiwaa kan ture Imaanu'eel. Hordoftootni TB Jooshiwaa warra isaaf akkaan amanamoo yoo ta'an waldaasaa Leegos keessa jiru keessa jiraatu.

Akkuma hordoftoota TB Jooshiwaa kanneen biroo BBCn dubbisee Imaanu'eelis maqaa isaa jalqabaa qofa ifa gochuu barbaade.

Balaan sun qaqqabuu sa'aatiiwwan dura paastarichi gabaasa gamoon sun roqamaa ykn raafamaa jira jedhu argachuu hime.

Gamoon keessummoonni kadhannaaf dhufan keessa qubatan kun wayita raafamu akeekkachiifni akka hin kennamneef namootni ijaan argan ni himu. Inumaa haala kana keessatti keessummoonni 200 ta'an laaqana akka nyaatan kutaa gamoo sanii darbii jalqabaarra jirutti geeffamaniiru. Wayita isan achi jiranitti gamoon abbaa darbii jahaa kan jijjige.

Keessummootni achi turan hedduun atalumatti lubbuun isaanii yoo darbu kanneen 100 ta'an osoo lubbuun jiranii gamoo san jalatti danqamanii turan.

''Namootni yeroo boohan nan dhagaha ture: na gargaaraa, na gargaaraa, na gargaaraa'' jedhu jedhe gamoon sun jigee daqiiqaawwan muraasa keessatti bakka sana kan qaqqabe Imaanu'eel.

''Sagaleen isaanii suuta badaa deema ture, namootni kun du'aa akka jiran dubbachuu dandeessa.''

Namootni kaan ammoo sababa jiguu gamoo kanaan balaawwan sukkaneessoo namootarra gahe ibsu.

UK irraa dhuftee waggoota 12f duuka buutuu TB Jooshiwaa kan turte Rae, ''gamoon sun dheerina TB Jooshiwaa barbaaduun ijaaramuu kan danda'u akka hin turre ifa ture'' jeetti.

TB Jooshiwaa darbii dabalataa dabalanii akk ijaaran wayita hojjettootatti himu bakka sana akka turte ni dubbatti. Bu'uurrisaa darbiiwwan ijaaraman sana hunda baachuu hin danda'u ture jetti.

''Inni dhiibbaa gochuu itti fufe. 'akka dheeratun barbaada. dheerachuu qaba. dheerachuu qaba.'''

Keessa beekeyyiin BBCtti dubbatan osoo TB Jooshiwaa balaa saniifuu akka ta'utti deebii kennee jiraate lubbuu baayyee oolchuun ni dand'aama turee jedhu. San gochuu caala Paastarichi hojjettootni yeroo balaa bakka balaan qaqqabetti akka ol hin deemne yoo xiqqaate sa'aa 24 isaan barfachiiseera jedhu. Himannaan kun gabaasa gaazexoonni biyyattii tibba balaa sanii baasaniin wal sima.

Ammoo hojjettootni waldichaa ofumaan namoota jijjigaa gamoo kanaa jalaa baraaruuf yaalaa turan. Namootni ijaan argan akka himanitti meeshaalee ijaarsaa fayyadamuun oogummaa gahaa malee hojii kana hojjechaa turan.

Hojjetan waldittii tokko maashina muka muruun miilla nama sibiilli itti jigee danqamee mureera jedhamuun himannaan ni dhiyaata.

Imaanu'eel namni miilli irraa kutame sun ''iyyaa turee'' jedha, ammoo lubbuun oolee jiraachuu isaa hin beeku.

Dhuga bahumsi namoota ijaan arganii waldittiidhaan iccitii godhamee akka qabamu kaksiifamanii waan turef amma dura miidiyaatti bahee hin beeku.

Maddeen BBC'n dubbise sadii TB Jooshiwaa galgala balaan sun qaqqabe hojjettootni waldaasaa reeffa namoota du'anii jijjiigaa gamoo jalaa baasanii ija miidiyalee fi aanga'ootaa jalaa akka dhoksan ajajuu himaniiru.

Namootni lama ammoo gochi kun wayita raawwatamu viidiyoon waraabanii waajira isaatti akka itti kennan ajajamaniiru.

''Wayita reeffa laastikatti naqan isaan waraabaa turre...namoota akkaan baayyee'' jedha Maayikil.

Duuka buutuun TB Jooshiwaa duraanii kan UKrraa dhufte Kiloowii balaan sun qaqqabee osoo hin turiin bakka gamoo sanii turte booda baasii keessa yeroo galtu foolii badaan itti dhufuu himte.

Achii konkolaachisaan konkolaatichi reeffa namootaan kan guute'' akka ta'e itti himuun ''Miidiyaaleen akka hin argineef galgala bakka biraa geessina'' jechuun natti himee jitti.

Maddeen hedduun balaa kanaan namootni lubbuu dhaban akka waldittiin ibsite 116 osoo hin taane sanaa ol ta'uu danda'a. Hojjettootni walditti battala balaan gahu gamoo sana keessa turaniifi kaan kan hin galmaahiin jiruu jedhu.

Balaa kanaan walqabatee gara jalqabaa aanga'oonni biyyattii ejjennoo jabaa qabatanii ture.

Qorattootni Leegoos yakka maal na dhibdeen raawwateef TB Jooshiwaa to'annoo jala akka oolu yaada dhiyeessanii turan.

Irra deddeebiin mana murtiitti akka dhiyaatu waamamuus, paastarichi takkaahuu mana murtiitti hin dhiyaanne.

Duuka buutotnisaa hedduun TB Jooshiwaa namoota adeemsa seeraa sana irratti dhiibbaa gochuu danda'aniif maallaqa guuddaa hiraa turee jedhu. Balaa kanaan namoota dhuman keessaa 85 warra Afrikaa Kibbaarraa dhufaniidha. Paastarichi maatii namoota miidhamaniif doolaara Ameerikaa, Raandii Afrikaa Kibbaa fi naayiraa Naayijeeriyaa kumoota hedduu hireera jedhu.

Duuka buutuun duraanii paastarichaa Saahel yaada BBCf kenniteen Afrikaa Kibbaatti hojiin maallaqa qooduu kun kennameefi hojjecha akka turte dubbatte. Maatii firri jalaa du'eef ''deemee maallaqa kennaan ture, maallaqa boorsaa hedduu'' jette.

''Miidiyaatti akka hin dubbnne itti himaa turre, gabaasas ta'e odeeffannoo kamuu akka hin kennine. Isaan callisiisaadhuma turre.''

Afrikaa Kibbaatti maatiin sadii balaa kanaan nama jaalatan dhaban bakka buutota waldaa paastarichaarraa dhufaniin maallaqa akka fudhatan yaalamuu, miidiyaaleettis akka hin dubbannes gorfamuu BBCf mirkaneessaniiru.

Liwandile Mikihulisii kan Johaanisbeerg jiraatu balaa kanaan obboleettiisaa Pumiziilee jedhamtu dhabe. Keennaa maallaqaa waldittiin ergiteef ''maallaqa dhiigaa'' jechuun fudhachuu akka dide himeera.

Maatiin biraan dhiyeenya Johaanisbeerg jiraattus Madzhiye mucaashee reefu dardaraa balaa kanaan dhabde. Jalqaba doolaara 2,500, raandii 50,000 booda marsaa biraan maallaqa kennamuuf ture iduu himte.

Maallaqichi kennamaafii kan jiru tarkaanfii biraa akka hin fudhanneef ta'uu gaafa bartu diduu kan himtu haati kun, erga diddee booda TB Jooshiwaa bilbilaafi ergaa gabaabaan ishee doorsisuu himte. Ergaa gabaabaa naa ergeen: ''wanta dhabderratti yoo xiyyeeffatte wanta hundayyuu dhabuu dandeessa'' jedha.

''Amma maatiinkoo hundi akkuma mucaa kootti dhabamuu akka dandeenyu natti dhaadata'' jette.

Dubartiin kun ergaawwan gabaabaafi waraabbii dubbii bilbilaa TB Jooshiwaa waliin godhame BBCtti agarsiifteetti.

Dubartiin kan biraan ammoo waldaa TB Jooshiwaa himachuu fi adeemsa seeraarra akka jirtu himti. Ammoo gaazexessitootni gara waldaa kana deemanii waan poostaan waa qabatanii akka bahan ''doolaaraan kennaaf'' jechuun himti.

Duuka buutuun paastarichaa duraanii Kiliwoon gaazexessitoota hedduuf maallaqni kennamuu mirkaneessiteetti. Gaazexessitootni lama BBC'tti dubbatanis mirkaneessaniiru.

Gaazexessaan Nayijeeriyaa Nikolaas Ibekiwee Fulbaana 2014 TB Jooshiwaa maallaqa hedduu gaazexessitootaaf erga dhiyeessee booda ''amma waayee maalii barreessitu?'' jedhee yoo gaafatu sagaleen waraabeera. Boodas maallaqicha dideera.

Imaanu'eeliifi Maayikiil waggoota 20f waldaa TB Jooshiwaa keessa hojjetan maallaqa hedduu waraqaan maranii konkolaatota abbootii aangoofi manneen murtii keessa akka kaahan ajajamuu dhugaa bahaniiru.

'Waan hunda dhokseera. Sirna hunduma bitateera'' jedhe Imaanu'eel.

TB Jooshiwaa bara 2021 ganna 57 addunya kanarraa kan boqote yeroo ta'u, waldichi ammayyuu haadha warraa isaatiin durfamaa itti fufeera.

BBCn himannaawwan dhiyaatan kanaaf deebii akka kennitu waldittii gaafatus deebii hin arganne. Amma dura garuu deebii kennee tureen himannaawwan dhiyaachuun haaraa miti, himannaan ragaa qabatamaarratti hundaaye tokkoyyuu hin jiru'' jedheera.

Hanga ammaattuu miseensonni waldittii hedduun xiyyaarri itti dhiyatee balal'uun gamoon sun jiguu amanu. Waldittiin viidiyoo hojjettee agarsiifteen, Youtube gubbaattis qooddeen xiyyaarri itti siiqee balali'uun amanamaa akka ta'u gochuuf yaalteetti.

Waggoota 14 duuka buutuu TB Jooshiwaa kan turte Kiliwoo ''maatiin miidhamtootaa haqa dhabuun rakkataniiru jetti'' jetti.

Waggaa 10 boodas kunoo amallee namni badii sanaaf seeratti dhiyaate hin jiru. Gast haawusiin yeroos jijjige deebi'ee hin ijaaramne.

''Mucaan koo dubaraa waldaa dhaqxee akka ajjeefamtu hin ergine'' jechuun gaaffiif debii BBC waliin taasifte guutuusaa keessatti ni boossi Madzhiye. kutaa mucaa ishee duutee akkuma isheen dhiiftee deemtetti dhiisteetti.

''Mucaan koo jiraa awwaalamte, gargaarsa dhabdee. Dhukkubiinsaa guddaadha. Ammayyu haqan eega.''