TB Joshuwaa: Gaggeessaan waldaa guddaa addunyaa amantoota gudeedaafi hiraarsaa turuu BBCn saaxile

Lallabaan wangeelaa beekamaa Naajeeriyaa TB Joshuwaa yakkawwan gudeeddiifi namoota gidirsuu keessatti bara dheeraa hirmaachaa turuu BBCn saaxile.

Barsiisa amantaatiin Naajeeriyaarra darbee addunyaarratti baayyee beekamaa kan ta’e TB Joshuwaa, waggoota dheeraatiif dhoksaan yakkawwan gudeeddiifi saal-qunnamtii waliin walqabatan hedduu raawwachaa turuu qorannoon BBCn ardiiwwan sadii waliin gahe saaxileera.

Akka namoonni miidhaan irra gahe dhugaa bahanitti, gaggeessaan waldaa warra wangeelaa guddicha addunyaa kun waggoota 20f dubartoota biyyoota gara garaarraa ta’an hiraarsaafi gudeedaa tureera.

TB Joshuwaa waldaalee Kiristaana gurguddoo addunyaarra jiru jedhaman keessaa tokko kan hundeesse yoo ta’u, barnootaafi tajaajila TV irratti taasisuun addunyaarratti hedduu beekama ture.

Maqaan Waldaa Kiristaanaa isaa Naajeeriyaa magaalaa Leegos keessatti argamu kun Sinaagoog Charch oof Ool Neeshins (Scoan) jedhama.

Miseensonni duraanii Waldaa Kiristaanaa kudhanii ol ta’an, isaan keessaa shanan isaanii Biriitish kan ta’an, TB Joshuwaa akka isaan gudeedeefi ulfa ofirraa baasan dirqisiifamuu himatan.

Himannaan yakka gudeeddiifi gidisruu mooraa waldichaa Leegos keessaa dhaga’amu kun waggoota 20f kan turedha.

Sinaagoog Charch oof Ool Neeshins (Scoan) himannaa irratti dhiyaate kanaaf deebii hin kennine, garuu himannaawwan kanaan dura irratti dhiyaatan dhara jechuun waakkateera.

Bara 2021 du’aan kan boqote TB Joshuwaa, lallabaa wangeelaa beekamaafi karaa TV barsiisutiinis baayyee beekama. Addunyaarrattis hordoftoota hedduu qaba.

Wantota qorannoon BBC waggoota lamaan darban gaggeesse saaxilan keessa:

Namoonni baayyeen ijaan argan Joshuwaan daa’imman hiraarsuu, namoota reebuufi cancalaan hidhuu dabalatee miidhaa qaamarra geessisaa ykn gidirsaa ture jedhu.

Dubartoonni baayyeen TB Joshuwaa miidhaa saalaa isaanirraan gahaa turuu himatan waggootaaf mooricha keessatti irra deddeebiin gudaadamaa turre jedhu.

Gudeeddii TB Joshuwaa isaanirraatti raawwatu hordofees ulfa dirqamaan akka ofirraa baasan taasifamuu himannaawwan jedhanis hedduuti dhiyaatu. Keessumaa dubartiin tokko gara si’a shanii akka ulfa addaan kuttu dirqisiifamuu himatti.

Namoota hedduu waan ofiin beekan Joshuwaan sagantaasaa “dinqii fayyisuu” jedhuu guutummaa addunyaarratti namoota miliyoonaaf tamsa’uun akkamitti akka sobu gadi fageenyaan ibsu.

Dubartoota miidhaan irra gahe keessaa shamarreen Biriitish maqaan ishee Raahee jedhamtuufi umuriin ishee wagga 21 taate, barnoota Yunivarsiitii Biraayitan keessatti barattu bara 2002 addaan kuttee Waldaa TB Joshuwaatti galte.

Shamarreen kun bara sanarraa kaastee waggoota 12 itti aananiif akka warra “duuka buutotasaa” jedhamanii keessaa tokkootti mooraa walxataa Leegos jiru keessatti dabarsite.

“Nuti hundinuu waan akka jannata keessa jirruutti yaadama ture, garuu nuti gaannaba/jaannaba keessa turre. Gaannaba/jaannaba keessatti ammoo wantota fokkisoo ta’anitu raawwatamu,” jechuun BBCtti himte.

Joshuwaatiin miidhaan saalaa akka irra gaheefi waggoota lamaaf adda baafamtee turuu dubbatti Raheen.

Miidhaan isheerra gahaa ture hamaa ta’uu isaarraa kan ka’e mooricha keessatti si’a baayyee of ajjeesuudhaaf yaalaa akka turte dubbatti.

Sinaagoog Charch oof Ool Neeshins (Scoan) addunyaarratti hordoftoota hedduu, Kiristaan TV kan Emmaanu’eel TV jedhamuufi neetiwoorkii miidiyaa hawaasaa miliyoononni daawwatan qaba.

Baroota 1990’oota keessaafi jalqaba bara 2000 irra namoonni kuma hedduun lakkaa’aman Awurooppaa, Ameerikaa, Eeshiyaa Kibbaafi Afrikaa irraa imala amantaa gara waldaa Kiristaanaa Naajeeriyaa jiru kanatti taasisuudhaan “dinqii fayyisuu” Joshuwaa kana raga bahaa turan.

Yoo xiqqaate namoota daawwannaaf achi deeman keessaa 150 isa waliin akka duuka buutota isaatti waliin jiraataniiru.

“Duuka buutota” duraanii 25 ol ta’an BBCtti dubbatan – UK, Naajeeriyaa, US, Afrikaa Kibbaa, Gaanaa, Namiibiyaafi Jarman irraa ta’an – muuxannoo dhiyoo kan bara 2019 dabalatee waan waldaa Kiristaanaa keessatti isaan mudate ragaa cimaadhaan deeggaruun ibsu.

Warra miidhaan irra gahaa ture baayyeen isaanii yeroo jalqaba itti makaman [‘duuka buu’immaa’] umuriin isaanii ijoolleedha.

Dubartoota Biriitish irraa wanti kun isaan mudate keessaa gariin tiraanispoortiin ittiin gara Leegos-Naajeeriyaa deeman waldaalee Kiristaanaa biroo UK keessa jiran waliin ta’uudhaan Joshuwaan kan kaffalamedha.

Raheefi dubartoonni gaafataman biroo hedduun waan keessa turaniifi mudannoo isaanii ‘cult’ [maqaa amantiitiin nama raatessuun] waliin wal fakkeessiti.

Jesikkaa Ka’iimuun ammoo Namiibiyaarraati. Gidiraan keessa turte wagga shanii ol akka ta’e dubbatti. Jalqaba yeroo Joshuwaan ishee gudeedu umuriin ishee wagga 17 ture. Walitti fufinsaan TB Joshuwaan gudeedamuun ishee ammoo wayita achi turtetti si’a shan akka ulfa ofirraa baasuuf dirqamtu ishee taasisuu dubbatti.

“Wantonni ta’an kun boroo duubaanidha… wallaansi fayyaa nuti keessa turre… waan nu ajjeesuu danda’u ture,” jechuun BBCtti dubbatti.

Dubartoonni gaaffiifi deebiin taasifameef biroon waliin ciisuu yoo didan shiboo elektirikaafi alangaatiin wayyaa irraa ol qabamee osoo walirraa hin citiin garafamu.

Imala jireenyaa rifaasisaa, goyyoomsaa, gidiraa sodaachisaafi walxaxaa nama amantaa baayyee cimaa ta’een Jaarraa 21ffaa keessatti raawwatamedha.

Du’a isaa Waxabajji 2021 turerratti, TB Joshuwaa seenaa Afrikaa keessatti paasterii baayyee dhiibbaa uuman keessaa tokko akka ta’e dinqisiifatame.

Iyyummaa keessaa bahee, impaayera wangeelaa gaggeessitoota siyaasaa, namoota beekamoofi taphattoota kubbaa miilaa baayyees deeggartoota isaa godhateera.

Haata’u malee, yeroo lubbuun jirutti bara 2014 gamoon mana keessummaan amantaaf garastti imalan keessa bulan jigee yoo xiqqaate namoonni 116 du’uu booda falmiin tokko tokko irratti ka’aa ture.

Qorannoon BBC taasise kun miidiyaa idil-addunyaa ‘Open Democracy’ jedhamu waliin kan gaggeeffame yoo ta’u, namoonni duraan waldaa Kiristaanaa sana keessa turan hedduun dhiyaatanii yoo dubbatan isa jalqabaati.

Raga baatonni keenya Naajeeriyaarraa ta’an hedduun miidhaan qaamaa akka isaaniirra gahe himatu. Keessumaa yeroo tokko waa’ee gidiraa qaqqabaa jiru mormitee dubbachuuisheetiif, akkasumas viidiyoo waa’ee gidiraa kanaa ibsu YouTube irratti maxxansuu isheetiif itti dhukaafameera.

Gareen BBC Bitootessa 2022 mooraa waldaa Kiristaanichaa Leegos jiru daandii ummataarra dhaabbatanii viidiyoo waraabuuf yaalan eegdota waldichaatiinis itti dhukaafamee saatii baayyeef hidhamanii turan.

BBCn qorannoo gaggeesinuuf himannaa irratti dhiyaateef deebii akka kennuuf Scoan gaafateera. Deebii hin kennine, garuu himannaawwan kanaan dura TB Joshuwaarratti dhiyaatan haalaniiru.

“Raajii TB Joshuwaa irratti maqa-balleessii sobaa shiyeessuun waan haaraa miti… Himannaawwan dhiyaatan hundi raga qabatamaan dhiyaatanii hin beekan,” jechuun barreesseera.

Lammileen Biriitish BBCtti dubbatan akka jedhanitti, erga waldaa Kiristaanichaa keessaa miliqanii booda miidhaa isaanirra gahe aanga’oota UKtti gabaasaniiru.

Tarkaanfiin fudhatame garuu hin jiru jedhu.

Dhubartoonni miidhaan irra gahe baayyeen ammallaa bahanii dubbachuuf akka jiran akka amantu dubbatti Anekkaan.

Dabalataan, namni lammii Biriitish ta’e tokkoofi haati warraa isaa erga waldichaa miliqanii booda namoota poolisiidha ofiin jedhaniifi miseensa Scoan ta’an yeroo qawwee itti qabanii doorsisan waraabuu dabalatee gidiraa isaaniirra gahee ijaan arganiifi raga viidiyoo Biriitish Hay Komiishin Naajeeriyaa keessa jiruuf iimeeliin ergee ture.

Ergaa iimeelii isaa kana keessatti, namni kun haati warraa isaa Joshuwaatiin miidhaan saalaafi gudeedamuun irra deddeebiin irratti raawwatamuu ibseera.

Lammileen Biriitish biroon ammallee mooraa sana keessatti gidiraan irraa gahaa jiraachuu Komishinicha akeekkachiiseera namni kun. Namni kun ammallee tarkaaniifiin fudhatame hin jiru jedha.

Waajirri Dhimma Alaa UN himannaa kanaaf deebii hin kennine, garuu tuttuqqaa saalaafi miidhaawwan baar gamatti lammileen Biriitish irratti raawwataman dabalatee gabaasawwan yakkaa hunda baayyee dhimmee akka hordofu BBCtti himeera.

Scoan gaggeessummaa haadha warraa Joshuwaa Eveliin jalatti har’allee itti fufee jira. ` Adoolessa 2023 keessa imala gara Ispeenitti taasifame tokkos dura-buutee deemteetti. UK, Darbii irraa deemtee ture yeroo umuriinshee wagga 17 jiru Scoan’tti kan makamte Anekkaan, ammallee namoonni miidhaan irra gahe baayyeen bahanii dubbachuuf akka jiran akka amantu BBCtti dubbatti.

Gochawwan Joshuwaa saaxiluuf tarkaanfiiwwan dabalataa ni fudhatamu jettees abdii qabdi.

“Namni kun hojii kana fakkaatuu maaliif yeroo dheeraatiif raawwachaa akka ture Sinaagoog Charch oof Ool Neeshins (Scoan) irratti ni gaggeeffame jedheen amana,” jette.