Iccitiin ajjeechaa manokseewwan kudha tokko duuba ture

Madda suuraa, BY ARRANGEMENT
‘‘Haalli manookseewwan kunneen ittiin ajjeeffaman ijoo seenaa kanaa akka ta’e ifaadha. Anaaf garuu dhimmi ijoon gochaa ajaa’ibsiisaa manookseewwan dubartootaa kunneen raawwataniidha. Seenicha kan adda taasisuus isadha,’' jedha gabaasaan BBC odeessa kana barreesse.
Yeroonsaa waggaa 80 dura, Adooleessa 1, 1943 ture kan waraanni Naazii Jarman manokseewwan Kaatolikii Roomaa 11 ajjeesse.
Imaahooyi Kilaaraa Voolcheek bakka awwaalcha manoksoota waraana Naaziitiin ajjeeffaman kanneen irra deddeebiin doowwatu. Manoksoonni ajjeeffaman kunneenis ‘‘manokseewwan kudhaniifi eebbiifamoo Meerii Isteellaa,’’ jedhamuun beekamu.
‘‘Isaanis lubbuu namoota 120 du’arraa oolchun hojii humnaafi hidhaaf taaxilamanii oolchaniiru,’’ jechuun Manoksee Kilaaraan biyya Awurooppaa Bahaa, Beelaaruus irraa bilbilaan BBC'tti himaniiru.
Manokseewwan kunneenis aarsaa raawwataniif bataskaanni Kaatooliikii beekkamtii kenniteefii jirti. Bara 2000'tti dureen Phaaphaasiin Roomaa, Joon Pool sadarkaa qulqullinaan dura kennamu laachuun waa’ee aarsaa isaanii dubbatanii ture.
Phaaphaasichis, ‘‘Dubartoonni kunneenis bakka lubbuu jiraattoota Noowogirodeek hidhaarra turanii ofii saanii dabarsanii kennuuf kan dandeessisee ciminsa eessaa argatan? jechuun gaafatu.
Haata’u malee, manokseewwan sun kan ajjeeffaman hidhamtoonni akka gadhiifamaniif jecha bakkasaanii ta’u ilaalchiisee ragaa ifaan hin jiru.
Ofii maaliif ajjeeffaman?
Seenichi kan eegalu bara 1929 irraayi. Innis yeroo manokseewwan miseensa ‘The Holy Family of Nazareth’ ta’an lama, gara magaala xiqqoo Noowogirideek kan taatee dhaqan ture.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Magaalli Noowogirideek waggoota 100 darban keessaa jijjiramulleen, yeroo waraanni Addunyaa lammaffaan ka’eettii fi to’annoo Poolaandi jala wayita turteetti, jiraattoota gara kuma 20 ta’an qabdi turte.
Bara 1939tti humnootiin Gamtaa Sooviyeeti magaalattii to’atan. Yeroo sanattis manokseewwan gadaamii keessaa bahuun manneen jireenyaa amantootaatti dahachuuf dirqaman.
Bara 1941tti ammoo waraannii naazii Jarman humnootii Sooviyeetii weerartoota jechuun magaalattii keessaa baase.
Waraannii naazii Jarman magaalatii to’ate tures manookseewwan gara gadaamii isaaniitti akka deebii’aniif jajjabeesse. Jiraattoonni magaalichaa wallakkaa ta’an Yihudoota turan.
Battalumattis waraanni naazii Yihudoota balleessuuf ajjeechaa eegale. Haleellaa jalqabaa bara 1941tti raawwatamenis Yihudoonni 5,100 ta’an ajjeeffaman. Waggaasaatti ammoo Yihudoonni 4,500 ta’an ajjeeffaman. Bara 1943tti ammoo gareewwan adda addaa naannicha keessa socha’uu eegalan.
Poolisii icciitii Naazii kan ta’e Geestaapaan mormii kamuu barbadeessuuf jecha namoota 180 ta’an hidhe. Osuuma baayyee hin turinis namoonni hidhaman hundi ajjeeffamuuf akka ta’e himame.

Madda suuraa, NATALIA TICHONOWICZ
Ragaa bahumsa lubichaa
Abbaa Aleeksaandar Ziiyankiiwiisiz luba tokkicha haleellaa magaala Noowogirideek irraa lubbuun hafaniidha.
Gadaamicha keessa manookseewwan 12tu ture. Isaan keessaayis Meerii Isteellaa, kan umuriin 55, angafa yoo ta’an, qixusuun hundaa ammoo kan umuriin wagga 27, Meerii Booroomeeyaa turan.
Hidhaa magaalicha keessa ture ilaalchisee, deebiin Imaahooyi Meeriin maal akka ture Abbaa Aleeksaandar barreessaniiru.
‘‘Waaqakoo aarsaan lubbuu yoo barbaachise nuyi kan itti gaafatamummaa maatii hin qabne nu simadhu. Kanneen maatii, gaa’ilaafi ijoollee qaban oolchi. Waaqakoo kana akka raawwattuuf si kadhanna,’’ jechuun dubbachusaanii raga Abbaa Aleeksaandar kennaniifi kitaaba amantaa booda keessa maxxanfame irratti marraa’eera.
Itti dabalunis, mallii isaan kanneen hidhamanii ajjeeffamuuf turan itti oolchuuf fayyadamanis ta’e, waa’ee isaanii baruuf yaalii isaanii ilaalchisee odeeffannoon galmaa’e omtuu hin jiru jedhan.
Torban tokkoon booda manokseewwan sun buufata poolisiitti waamaman. Abbaa Aleeksaandar Imaahooyi Meerii kan argan osoo hin ajjeeffamiin guyyaa tokkoon dura ture. Sunis guyyaa dhumaasaanii akka ture hin barree ture. Ta’us garuu Imaahooyi Meeriin dhiphachuun bitaa akka itti galee ture fulasaaniirraa ni hubatama ture jedhu.
Hojii humnaa dirqamaatiif gara to’annoo Jarmanii imaluuf eegamaa jiraachu Abbaa Aleeksaandariitti himan.
Imaahooyi Meerinis isaan keessaa Imaahooyi Maalgorizaataa hambisuun 11 isaanii waliin gara buufata poolisiitti qajeelan.
Barii isaas qiddaasee ganamaarratti eddoon manoksootaa duwwaa ta’uu Abbaa Aleeksaandar hubatan. Gadda cimaanis itti dhagahame. Haaluma batasikaana Kaatolikiitti raawwatamun, gaafa Adooleessa 1, 1943 osoo dhugaa bahumsa miseensootaa dhagahuuf qophiitti jiranuu manoksooti sun guyyaa sana ajjeeffamusaanii hubatan.
Sababiin ittii ajjeeffaman Abaa Aleeksaandariif ifa hin turre. Boodas poolisiin icciitii naazii Geestaapaan dogongoraan akka isaan ajjeessee dhagahame. Poolisoonni garuu miseensoota biraa riphee loltoota Sooviyeeti deeggaruun shakkaman ajjeessuuf akka ture himame. Abbaa Aleeksaandar mataansaaniitu ni dhokkatan.
Waraanni Naazii injifatame magaala keessaa wayita bahu ture Abbaa Aleeksaandar bakka manoksoonni sun itti awwaalamanii turan keessaa baasuun, deebiisanii naannoo bataskaanaatti akka kabajaan awwaalaman kan taasisan.

Madda suuraa, KLARA VOLCHEK
Ragaalee wal faalleessuu
Ragaa bahiinsii Abbaa Aleeksaandar kunis qorannoo Taamaaraa Veerishitiskaayaan taasiisaniin wal faalleessa.
Taamaaraan Yihudoota magaala Noowogirideek keessatti Naazidhaan ajjeeffamaniif bara 1992tti yaadannoof godaambaa hundeessaniif.
‘‘Ani akkan hubadhuutti taateewwan lama yeroo sana raawwataman walitti dhiheenya qabaatan illeen, walitti dhufeenya kan qaban hin se’u,’’ jechuun Taamaaraan Noowogirideek irraa BBCtti himeera.
Bara 2011 keessa godaambaa yaadannoo Hoolookoosti Ameerikaa waliin ta’uun, namoota ijaan arganiif kanneen haleellaa Naazii irraa hafanwaliin af-gaaffii taasisaniiru.
Dubartiin Maariiyaa Kaaraavaasikaa jedhamanis namoota dirqiidhaan gara Jarmaniitti ergaman keessaa obboloota lama akka qaban Taamaaraatti himan. Yeroo sanattis lammiileen Poolaandii 112 ta’an hojii humnaatiif dirqamaan gara Jarmaniitti geeffamanii ture.
Taamaaraanis tarree maqaa namootaa Afaan Jarmaniitiin barraa’e keessatti isaan arganiiru. Maariiyaan obboolaan ishee attamiin akka to’ataman dubbataniiru.
‘‘Obbooloonni koo sadii to’atamanii tokkoo miliquu danda’e. Gareewwan dhoksaan socha’an keessatti hirmaatu jedhamuun himataman. Jarmanoonnis isaan ajjeessuuf yaadan. Awwaala isaaniitis qotanii turean,’’ jedhu.
Jalqaba namoota Geestaapaan hidhaman 180 turan. Namoonni kunneenis kan to’ataman bakka dureen Geestaapaa, Wiiliheelmii Tiraab hin turreetti ture. Wiilheelmi maatiinsaa Jarmaniitti lafa qonnaa guddaa qabu ture.
Ittigaafatamtichis namoonni kunneen to’atamusaanii akkuma dhagaheen, gara magaala guddoo Miiniiskiitti qajeeluun hidhamtoonni akka bakka lafa qonnaa maatii isaatti bobbaafamaniif dureewwan isaa gaafachuu Taamaaraan ni dubbatu.
‘‘Wiilheelmi obboolaa Maariyaatiin wantoota imalaaf barbaachisu qabatanii akka deemaniif jecha alkan tokkoof gara manasaaniitti akka deebii’aniif hayyameef. Boromtaa isaas hidhamtoonni hundi gara buufata baabuuraa akka dhaqaniif ajaja cimaan kennameefii akka ture Maariyaan natti himte jirti,’’ jedhu Taamaaraan.
‘‘Dhugaadha namoonni sun erga to’atamaniin booda maatiiwwan Poolaandii namoonni jalaa hidhaman gara bataskaanaa deemuun gargaarsa kadhatanii turan,’’ jedhu Taamaaraan.
‘‘Manookseewwanis kadhannaa taasisan. Imaahooyi Meeriin bakka isaanii lubbuun keenyaa haa baduu jechuun kan dubbatan dhugaa ta’u akka danda’u nan amana,’’ jedhu.
Haata’u malee, carraa namoota hidhamanii turanii ilaalchisee garuu manooksootaafi naaziiwwan jidduutti mariin gaggeeffamu ilaalchisee ragaan omaatu hin jiru jedhu.

Madda suuraa, KLARA VOLCHEK
Waamicha warra kaaniif jiraachuu
Lammiileen Poolaandii hojii humnaa dirqamaatiif gara Jarman geeffaman hundi waraanicha irraa lubbuu ooluusaanii Taamaaraan ni dubbattu.
Itti Gaafatamoon gamdaamii ‘Holy Family Of Nazareth’ Imaahooyi Amaabiiliis galmee haala yeroo sana ture ibsu qopheessanii ture.
Galmeewwan sanarratti akka barraa’eetti, ‘‘manooksoonni sun amantaa, jaalala Waaqaaf, ilmaan namaafi ollaa isaaniif qabaniin aarsaa lubbusaanii akka kanfalan nuti mirkana,’’ jedhu.
Manooksoonni kunneen aarsaa lubbuu baasuu isaanii ilaalchisee odeeffannoo qaama walabaa irraa argame akka hin jirre ilaalchise, BBCn Imaahooyi Amaabiiliisiin gaaffatee, ‘‘Isaanii akka ajjeeffaman dubbatanii turan. Waaqnis aarsaa isaanii akka simate ni amanna,’’ jechuun deebii kennan.
Yeroo baayiinni lakkoofsi amantoota Noowogirideek’tti argamanii hir’ataa tureetti, Imaahooyii Kilaaraan garuu akkuma amantaa saaniitti cimaniitti ture.
‘‘Aarsaan obboolootee keenyaa hidhamtoota akka oolche amanna,’’ jedhan.












