'Kufaatiirraa' hanga urjii Afrikaatti-imala ajaa'ibaa Luukmaan

"Dargaggoota Afrikaatti himuu kanan barbaadu: Abdii hin kutatiinaa. Qormaata gara mo'ichaatti jijjiiraa kan jedhudha."

Ademoolaa Luukmaan taphataa urjii ta'ee hanga filatamuurra gahutti bu'aa ba'ii hedduu keessa darbeera. Milkaa'inni taphataan lammii Naajeeriyaa kun galmeessaa jiru baayyeef kaka'umsa kan ta'udha.

Yeroo umuriin isaa ijoollummaarra jiru maallaqa guddaatiin gara Piriimer Liigii Ingiliizitti jijjiirraan taasise kan milkaa'e hin turre. Kilaboota baayyee keessas darbuuf dirqameera. Milkaa'ina dhamdhamuu kan jalqabe garuu bara 2022 akkuma Atilaantaatti makameen boodadha.

"Waggaa afur dura jireenyikoo kubbaa miilaa rakkoo keessa galee ture. Har'a ammoo urjii Afrikaa jedhamee badhamaafamuurra gaheera," jechuun dubbate taphataan wagga 27 kun yeroo Maraakaash, Morookootti argamee badhaasasa fudhatutti.

"Gufuuwwan jiran abjuu keessan milkeessuurraa isin dhaabuu hin qaban."

Taphataa urjii Afrikaa BBC Afrikaa ta'uun, Rashiid Yakiinii, Vikter Iikipeebaa, Imaanu'eel Amuniikii, Niwaankiwoo Kaanuu fi Vikter Osimeeniitti aanuun Naajeeriyaarraa ja'affaatti kan filatame Luukmaan imalli jireenya isaa maal akka fakkaatu akkasitti qopheessineerra.

Imala Ijoollumm

Maatii lammii Naajeeriyaa ta'anirraa Landan Kibbaatti dhalate. Ijuullummaasaarraa kaasee kubbaa miilaatiif jaalala gadi guddaa qaba.

"Kaalsiiwwan kiyya maree mana keessatti yeroon ittiin taphadhu nan yaadadha," jechuun BBC Sport'tti dubbate.

Ingilizitti Liigii lamaffaa keessa kan jiru Chaarliten Atileetikiif mallatteesse. Bara 2014 ammoo qormaata biyyaalessaa isa ani darbe.

"Haati kiyya barnootaaf xiyyeeffannaa kenniti. Lammii Naajeeriyaa yoo taatu ammoo dhimmichi caalaa ni jabaata. Dhiibbaan isaa cimaa ture," jedheera.

Luukmaan garee Chaarliten isa guddaatiif bara 2015 irraa kaasee hiriire. Tapha isaa shanaffaa irratti ammoo goolii lakkoofsise. Kilabii kufuu gatantaraa jiru keessatti sochiin agarsiise qalbii kilaboota gurguddoo hawwate.

"Bara 2017 keessa Everten yeroo umuriin isaa wagga 19 jiru Paawondii miliyoona 11'n mallatteesse. Yeroo sanatti leenjisaan Everten Ronaald Kumaan "taphataa urjii gara fuula duraa" jechuun dinqisiifate.

"Dargaggeessa kanarraa waan baayyee eegna. Sirriitti yoo leenjifameefi fooyyaa'e sadarkaa guddaarra akka gahu nan yaada," jechuun dubbate leenjisaan lammii Holaand kun.

Tapha jalqabaa jijjiiramee seenerratti goolii lakkoofsise. Evertenis Maanchester Siitiitiin 4 fi 0n mo'ate. Bu'a qabeessummaa isaa garuu itti fufsiisuu hin dandeenye ture.

Sababiin tokkoffaan leenjistoota kilabicha keessatti jijjiiramanidha. Waggaa lamaafi walakkaa Everten keessa turetti warra yeroodhaaf qabatan dabalatee leenjistoonni ja'a itti wal furaniiru.

Jalqabbii haaraa

Luukmaan Waancaa Addunyaa bara 2017 taphattoota wagga 20 gadiirratti Ingliiz akka mo'attu gargaareera. Dorgommii Kooriyaa Kibbaatti qophaa'erratti goolii sadii lakkoofsiseera.

Bara 2018 ammoo Gara RB Leeppizhing deemuun ji'oota bu'a qabeessa ja'a dabarseera. Paawondiin miliyoona 22.5 kaffalamee kilaba Jarmanii kanaaf mallatteesseera.

Jijjiirraan isaa ergisarraa gara dhaabbataatti bara jijjiirametti garuu kilabichaaf si'a tokko qofa dhaabbataan hiriiruu danda'e.

Waggoota itti aananitti gara Piriimer Liigiitti deebiyuudhaan ergisaan Fuulhaam fi Leester Siitiif taphateera.

Leenjisaa Leester yeroo sanaa kan ture Bireendaan Roojers yaada kennaniin Luukmaan yeroo leenjii sirriitti hojjechaa akka ture dubbate. Dhaabbataan hiriiruuf garuu carraa gahaa argachuu hin dandeenye.

"Erga taphattoonni kaan deemanii booda gara boodaatti hafee miila isaa lamaan shaakala," jedhe Roojers.

Taphataa of fooyyeesse

Naajeeriyaan taphattoota garee biyyaalessaatti akka makamuuf irra deddeebiin yaalii taasifteetti. Bara 2021 Luukmaan waamicha kana fudhatee waliif gale.

Tapha lamaffaa garee biyyaalessaaf taphateen Naajeeriyaan tapha mo'anii darbuutiin Gaanaatiin mo'amtee bara 2022 tapha Waancaa Addunyaatiin ala taate.

Itti aansuun ammoo Atilaantaa warra Beergaamoo bakka inni itti imalu ta'e.

"Yeroon jalqaba mallatteessu mana nyaataa deemeen si'a afur nyaadhe. Halkan gaarii ture," jechuun halkan itti mallatteesse sana yaadata.

Jireenyi Lombaadii si'ataafi kan itti diriirfatanidha. Tapha haleeluurratti hundaa'e kan filatu Atilaantaa keessatti Luukmaan dandeettii cimaa qabu agarsiisuu jalqabe.

Taphoota 97 kilabichaaf taasisee gooliiwwan 34 lakkoofsiseera. Kubbaa 23 ammoo kan goolii ta'an mijeessee dhiyeesseera.

Gooliiwwan kanneen keessaa sadii kan lakkoofsise guyyaa Waancaa Yurooppaa Liigiirratti Atilaantaan waltajjii Awurooppaa irratti injifannoo isaa jalqabaa yeroo galmeessetti ture. Waltajjii Awurooppaa irratti tapha xumuraa waancaaf taasifamerratti hatiriikii hojjechuun (goolii sadii lakkoofsisuun) wagga 49 booda taphataa jalqabaa ta'uu danda'eera.

Abdii warra Naajeeriyaa

Luukmaan yeroo ammaa garee biyyaalessaa Naajeeriyaafi kilabasaatiif dhaabbataadhaan hiriiree taphata. Bara 2023 Waancaa Afrikaa irratti yeroo Naajeeriyaan hanga xumuraatti deemtetti garee kana keessatti taphataa murteessaa ta'uu isaa agarsiiseera.

Dorgommicharratti yeroo Kaameruuniin mo'atanirratti goolii lama lakkoofsisuun alatti, tapha nuusa xumuraan Angoolaarratti goolii ittiin injifatan lakkoofsiseera.

Gareen biyyaalessaa lamaffaan xumurullee Luukmaan taphataa cimaa garee dorgommiichaaf filataman keessaa tokko ta'uu danda'eera.

"Kennaa ajaa'ibaa" qaba kan jedhu taphtaan biyyasaa Aleksi Iyoobii taphataa urjii Afrikaa ta'uu akka danda'u dubbateera.

"Jijjiirama inni fide waan argineef milkaa'inisaa nu hin ajaa'ibne," jechuun BBCtti hime Iyoobiin.

"Bu'a qabeessadha. Taphattoota warra kaaniifis kaka'umsa uumeera."

"Obboleessi keenya cimee yoo hojjete, nutis isaan qixa ykn isaan oliyyu hojjechuun nurra jiraata."

Luukmaan badhaasa kubbaa miilaa guddicha Balaadoorii irratti warra kaadhimaman keessaa galuu danda'uun taphataa Afrikaa tokkicha ture. Sadarkaa 14 qabachuus danda'eera.

Ji'oota 12n darban fooyya'insa argamsiise ilaalchisee BBC Sport Afrikaa irraa gaaffiin dhiyaateef ture.

"Jijjiiramni milkaa'inan yaaduuf tarkaanfii jalqabaati," jechuun deebise.

Atilaantaan Seeri A Xaaliyaan dursaa kan jiru yoo ta'u, dhiibbaan Luukmaan guyyaadhaa gara guyyaatti dabalaa jira.