Leenjisaan maaraatoonii badhaasa didan, Gammadoo Daddafoo, maal jedhu?

    • Barreessaa, Ameyu Etana
    • Gahee, BBC News Afaan Oromoo

Sagantaa beekamtiifi badhaasa Garee Atileetiksii Itoophiyaa Olompikii Paarisirraa deebi’eef Masaraa Biyyaalessaatti qophaa’erratti leenjisaa Gammadoo Daddafoo badhaasa diduun ijoo dubbii ta’eera.

Leenjisaan maaraatoonii kuni badhaasa birrii miiliyoona lama Pirezidantii Itoophiyaa Saahilawarq Zawudee harkaa kennameefiin gammachuu akka hin qabne dubbatan.

Pirezidant Saahilawarqiitin ''yoon isin hin mufachiisuu ta'e badhaasa koo kana deebisuun barbaada'' jedhan.

Kibxata galgala masaraa biyyaalessaatti yaada kana kan dubbatan leenjisaan kuni Roobii guyyaa miidiyaa biyyaalessaarratti dhiyaatanii waltajjii sana irratti haala dubbatan sanaan komii dhiyeessuun isaanii dogoggora ta'uu himan.

''Yeroo sanitti miira keessa galeera. Wanta naa kenname fudhadhee yeroo biraa calaqqisuun narra ture (komii).

''Pirezidantii biyyaatti dubbachuun narra hin turre. Kanaanis gaabbee eegee dhiifama isaan gaafadheera'' jedhan.

Dabaluunis, ummata Itoophiyaa mara dhiifama akka gaafatan dubbatan.

''Isaaniin qofa miti (pirezidantittii) achitti wantan godheef ummata Itoophiyaa mara dhiifama gaafachuun barbaada'' jedhan.

''Akkamiin biyyarra maallaqa fi faayidaa dursitan'' jedhamuun gaaffii ETV irraa dhiyaateef yoo deebisan ''takkaahuu biyyakoorraa maallaqa dursee hin beeku.

''Inni kaleessaa [kan masaraatti dubbatan] dhimma siyaasaaf oole ta'a malee biyyi koo sakandii tokkoof miindaa naa kaffaltee hin beektu'' jedhan.

Badhaasa mil. 7 hanga 50,000

Garee atileetiksii biyya bakka bu'anii dorgomaniif badhaasni yeroo adda addaatti kennamu guguddachaa barana atileetii warqii fide Taammiraat Tolaaf birrii miiliyoona torbaafi warqii nishaanii badhaafameera.

Kanneen meetii injifatan; Barrihuu Aragaawwii, Tsiggee Dhugumaafi Tigist Asaffaaf tokkoon tokko isaaniif birrii miiliyoona afuritu kenname.

Leenjistoonniifi kaan kan Olompikii Paaris Itoophiyaan medaaliyaa afur irratti argatteerratti hirmaatanis akkuma kana duraa badhaasni kennameeraaf.

Osoo warqiif eegamu atileetii xumura fiigichaarratti gufatee kufe, Lammeechaa Girmaaf, miiliyoona lama, atileet Qananiisaa Baqqalaa immoo nishaanii warqii 50gm badhaafame.

Atileetonniifi leenjistonni hanguma qooda isaanii birrii 300,000 hanga 50,000 badhaafamuu kan badhaasicha qopheesse, Ministeerri Aadaafi Ispoortii, beeksiseera.

Dubbii falmii kaase

Sagantaa televijinii biyyaalessaarratti kallattiin darbaa ture kanarratti waltajjiitti fuula ifaan bahanii badhaasa kan fudhatan leenjisaan maaraatoonii Gammadoon, achis komii isaanii dubbatan.

‘’Kabajamoo Pirezidantii keenya nuyi leenjistoonni yeroo dheeraaf dhamaaneerra, waan guddaa gooneerra. Dhamaatii keenya hin madaalu [badhaasichi].

‘’Ani haala nama gaddisiisun warqiifi meetii, akkasumas dippilomaa [atileetota sadarkaa medaaliyaa hin seenne] argamsiisee [barana biyyaaf].

‘’Anaaf miiliyoonni lama hamma arrabsoo waan ta’ef yoo isin mufachiisuu baadhe badhaasakoo kana deebisuu nan barbaada. Waan dhufuu malu hundaa nan simadha,’’ jechuun badhaasa achuma kaa’an.

Dubbiin leenjisaa Atileet Taammiraat Tolaa fi Tigist Asaffaa, kan Olompikii Paaris irratti medaaliyaa warqiifi meetii maaraatooniin galmeessan ta’an kanaa, waan hin eegamneefi hin baramne ture.

Waltajjii qabxiin Itoophiyaa gad-xiqqaachuu Pirezidantii Itoophiyaa, Ministira Aadaafi Ispoortii, akkasumas Pirezidantii Koree Olompikiin ka’e kanarratti kan guddate as bahe garuu waa’ee leenjisichaati.

Leenjisichi erga miidiyaa biyyaalessaarratti bahanii ''dhiifama'' jedhan booda badhaasi isaanii maal ta'a gaaffiin jedhu ka'eera.

Dhimma kana miidiyaa biyya keessaa EBC FM Addis 97.1'n kan gaafataman qondaalli Ministeera Aadaa fi Ispoortii ''maallaqni gara kaazinaa mootummaatti deebi'a,'' jedhan.

''Sababni isaa kennaa dirqamaan fudhaa waan hin jedhamneef,'' jechuun dubbii himtuun ministeerichaa Aadde Haayimaanot Alamaayyoo himaniiru.

Fuula leenjisaa Gammadoo waltajjii masaraa biyyaalessaatti kan mufii, aariifi komiin irraa mul’atu kanaan namoonni wal hiraniiru.

Beekamtii kennameef diduu isaaniin kaan, ''safuu cabsan'' yoo jedhan jechuun yoo itti duulan, kaanimmoo ''sirrii godhan'' jechuun deeggaran.

Leenjisaa Gammadoo Daddafoo Taammiraat Tolaa, Tigist Asaffaa, Amaanee Bariisoo dabalatee atileetota garagaraa leenjisuun sadarkaa guddaan gahaniiru.

Wanti leenjisaa Gammadoo waltajjii guddaa kanarratti akka kana dubbatan dirqe garuu maali? Sababa duuba jiru sirriitti hubachuuf BBC’n dubbiseera.

Erga Olompikii Paarisirraa deebi’an booda guyyaa itti aanu leenjii kan eegalan yoo ta’u, dubbiin dubbatan kan isaanii qofa akka hin taane BBC’tti himan.

Leenjisaa Gammadoon Roobii waaree keessa miidiyaa biyyaalessaatti dhihaachuu isaanii dura ganama keessa BBC'tti dubbatanii turan.

Yaada kennan akka armaan gadiitti isinii dhiheessine. Dhihaadhaa!

--------------------------------------------------------------------------------------------------

BBC: Maali ture komiin ijoo keessanii?

Leenjisaa Gammadoo: Tokkoffaa komiin kan ture kan masaraa mootummaatti badhaafamaa ture [kana dura] konkolaataadha. Leenjisaafis atileetiifis. Hunda isaatiifuu konkolaataa badhaasaa turani. Garuu har’a wanta jijjiirameef hin beekkamu.

Konkolaataan Soloomooniif badhaasan yeroo san gara miiliyoona jaha bitame. [Soloomoon Baaraggaa Olompikii Tookiyoorratti 10,000m’n warqii yeroo injifate konkolaataan badhaafame birrii miiliyoona sadii akka baasudha yeroos Masaraa Mootummaatti kan ibsame]

[Taammiraatiif] har’a miiliyoona torba kennaniif. Yeroos birriin kan sharafamaa ture shantamii keessa ture. [Akka ragaan Baankii Biyyaalessaa agarsiisutti Hagayya 2021 dolaarri giddugaleessaan 45’n sharafamaa ture]

Har’a kan Taammiraat miiliyoona sadii qofa badhaasani jechuudha. Wanti biraa hin jiru. Immoo iddoo kanatti kan eegne makiinaadha malee birrii hin eegne. Ta’ullee kan qabu [konkolaataadha].

Baruma kana leenjisaa baay’eetu biyya dhiisee Awustiraaliyaafi Ameerikaatti bade. [Kunis] gatiin leenjisaadhaaf kennamu waan xiqqaateef.

Masaraa Mootummaatti ta’un isaa, pirezidantii afoo [fuuldura, bakka argamanitti] ta’un isaa [waan guddaa]. Garuu nuti yeroo baay’ee [iyyannee] iddoo waan dhabneef har’a haala kanaan dubbachuu dandeenye jechuudha.

BBC: Badhaasa kana dura tureen Solomoon konkolaataa badhaafameera. Garuu leenjisaaf konkolaataan badhaafamee beekaa?

Leenjisaa Gammadoo: Landanirrattis badhaafamaniiru. Sirumaa Landanitti konkolaataa sadiitu badhaafame. [Itoophiyaan yeroo xumuraaf Olompikiirratti warqii lama ol kan argatte Olompikii Landan 2012 irratti. Eegasii warqii tokko qofatu galmaa’aa jira]

Huseenillee [Huseen Shiboon yeroo dheeraaf leenjisaa olaanaa fageenya dheeraa garee biyyaalessaati] badhaafame, Malaakuunis [leenjisaa maaraatoonii garee biyyaalessaa turan].

Deebi’ee Yilmaa Bartaas [Dr Yilmaan leenjisaa olaanaa garee Itoophiyaa turan], Kostirees [Dr W/Masqal Kostiree, leenjisaa olaanaa garee biyyaalessaa turan] badhaafameera.

BBC: Isin kan eegdan konkolaataa ture jechuudha badhaasa sanarratti?

Leenjisaa Gammadoo: Badhaasarratti konkolaataa ta’a jennee eegne malee birrii ta’a jedhee namni eege hin jiru. Kan Taammiraatiyyuu.

BBC: Eegasii booda waltajjiirratti komii dhiheessitan booda maal jedhan? Wanti haaraa dhalatee jiraa eegasii?

Leenjisaa Gammadoo: Homaa wanti dhalate hin jiru. Feesbukii boottu malee homaa hin argine. [Feesbuukii gubbaa akka isaan ‘dhiifama jedhanii badhaasicha fudhatanitti’ isa ibsamu leenjisaan hin mirkaneessine]

BBC: Namoota leenjisaan maal ta’anii. Safuu cabsani kan jedhanis warra isin deeggaranis argeera. Namoonni isin beektan bilbilanii waan isinitti dubbatan qabuu?

Leenjisaa Gammadoo: Warra michuuwwanii [bilbile malee namni biraa hin bilbille].

BBC: Murteen kuni jijjiiramuu danda’a jettanii yaadduu?

Leenjisaa Gammadoo: Wanti ta’u homtuu hin jiru. Har’aa leenjii kiyya jalqabeera. Hojii kiyyatti deebi’eera.

BBC: Waltajjii sanarratti xiqqoo aarii keessa jirtu akka isin argetti. Komiin suni komii bubbule jechuudhaa?

Leenjisaa Gammadoo: Eeyyee sirriidha. Komii kan koo duwwaadhaaf miti komii atileetota hundaati, leenjistoota hundaati. Amma Haji [Haji Adiloo leenjisaa maaraatooniidha] gara dhumaa waliin leenjisaa turre ji’a tokkoof.

Haji 50,000 badhaasani. Miiliyoona lamaafi kuma shantama garaagarummaa baay’ee guddaadha.

BBC: Isin dhuunfaadhaan leenjistuumi?

Leenjisaa Gammadoo: Eeyyee.

BBC: Dorgommiin gaafa dhufe jedhe garuu atileetota isin leenjistanitu biyyaaf filatama. Kanaaf badhaasni kuni xiqqaateedhaa?

Leenjisaa Gammadoo: Guutummaa guututti akkana ta’u hin qabu. Haala kanaan xiqqaachuu, yeroo hundaa leenjisaan dhiibamuu hin qabu.

Amma ijoollee baay’eetu bade. Baruma kana keessa. Awustiraaliyaatti qofa leenjisaa shanitu bade. Kuni hundi kan dhalate dhiibbaa kanarraati. Gatiin leenjistootaaf kennamu xiqqaachuu.

BBC: Guddaa galatoomaa!

Leenjisaa Gammadoo: Galatoomaa!