Kiim Joong Uun aangoo intalasaatti dabarsuufi- Seehul

Ibsa waa'ee viidiyoo, Daawwadhaa: Intalli Kiim Kiim Joong Uun abbaa ishee waliin jilarratti
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kim Jong Un aangoo dhaalchisuuf intala isaa filachuu Ejensiin tikaa Kooriyaa Kibbaa kamisa miseensota paarlaamaa Kooriyaa Kibbaatti hime.

Waayee intala bulchaa kanaa Kiim Juu Ae, waan xiqqootu beekama. Ji'oota dhiyoo abbaa ishee duuba yoo dhaabattu suuran mul'atte. Fulbaana daawwannaa hojii abbaan ishee Beejingitti taasise irratti yeroo jalqabaatiif waliin hirmaatte.

Tajaajilli tikaa biyyaaleessaaa (NIS) deddeebitee abbaa ishee waliin yeroo heddu mul'achuu ishee kana dabalatee dhimmoota hedduu ilaalcha keessa galchuun eenyu akka aangoo dhaalu hordofaa ture.

NIS Kora Paartii Kooriyaa Kaabaa dhuma ji'a kanaarratti qophaawurratti hirmaachuu fi hirmaachuu dhabuushees jala bu'ee hordofaa jira. Korri paartii kun murteessaa fi waggaa shan shaniin kan taa'amu.

Korri paartii kun kan Piyoongiyaang dhimmoota dursa kennituuf akka imaammata alaa, karoora waraanaa fi mul'ata nukileeraa waggoota shanii kan bal'inaan irratti ibsitu dha.

Miseensi paarlaamaa Lee Sehong-Kiwen miidiyaatti akka himetti Ju Ae, akka NIS ibsetti kan itti aantee abbaa ishee dhaaluuf "leenjite", amma sadarkaa "dhaaltummaan isheef kennamerra" geesseerti.

"Kim Ju Ae jilawwan garaagaraa irratti argamuunshee, fakkeenyaf:- Ayyaana hundeeffama Raayyaa Waraanaa Uummata Kooriyaa Kaabaa, daawwannaan ishee masaraa Kumsusan Sun, dhimmoota imaammataa murtaa'an irratti yaada kennuun ishee [kan NIS qoratee bira gahe] fa'i mucayyoon tun aangoo abbaa ishee dhaaluuf akka kaadhimamte agarsiisa" jedha Lee.

Ju Ae intala dhala tokkittii bulchaan Kooriyaa Kaabaa Kim Joong Un fi haati warraa isaa Ri Sol Ju horatani dha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

NIS immoo Kim Jong Un ilma hangafaa kan biraa akka qabu amanama.

Ilmisaa kun beekkamtii kan hin kennamnee fi miidiyaa Kooriyaa Kaabaa irrattis mul'atee hin beeku.

Oduun intala tana qabaachuun isaatuu jalqaba kan barame madda hin eegamnerraa ture.

Taphataan kubbaa kachoo Ameerikaa Deenis Roodmaan, jalqaba oduu kana bara 2013 gaazexaa Ze Gaardiyaanitti hime. Yeroo san daa'ima xiqqoo kan turte Ju Ae baatee gara masaraa dhoksaa imale.

Ju Ae - waggaa 13 akka taate tilmaamama. Mucayyoon tun jalqaba televizhiniirratti kan mul'atte bara 2022 ture. Agarsiisa misaayeloota ardii qaxxaamuraniiratti abbaan isjhee harka qabee mul'atte.

Erga sanii yeroo hedduu miidiyaa mootummaarratti mul'atte. Fulbaana immoo abbaa ishee waliin gara Beejiingi qophii agarsiisa waraanaa Chaayinaarratti argamte. Buufata baaburaa Beejingitti abbaa ishee waliin baabura sibiila uffate irraa yoo bu'an mul'ataniiru.

Rifeensa dheereffattee deemti. Rifeensa dheereffachuu Kooriyaa Kaabaatti dubartoota umriisheef hin heeyyamamu. Uffata diizaayinii haaraa uffatti. Biyya sanatti qaalii dha.

Miseensi paarlaamaa Kooriyaa Kibbaa kan biraa Park Sun-won waltajjiiwwan mootummaarratti mucayyoo tanaa imaammata mootummmaarratti yaada kennuu eegaluu ishee mul'isa jedhan. Haalonni kunneen mucayyoon dhaaltuu hogganaa Kooriyaa Kaabaa ta'uuf akka jirtu akeekaa jedhan.

Dhaloota sadi walitti aananii oliif aangoon mootummaa Kooriyaa Kaabaa maatii Kiim keessaa bahee hin beeku. Kiim Joong Uun illee akkasuma gonfoo isaa Ju Ae'tti dabarsa jedhamee eegama.

Intala Kiim Joong Uun abbaa ishee waliin

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Intala Kiim Joong Uun abbaa ishee waliin

Ragaan tikaa Kooriyaa Kibbaa kana haa jedhu malee Ju Ae abbaa ishee bakka buuti kan jedhurratti gaaffileen ka'an jiru.

Hawaasa Kooriyaa Kaabaa dhiironni olaantummaa keessatti qaban keessatti ilmi dhiiraa hangafaa osoo jiruu mucayyoon tun aangoo dhaalti kan jedhu hiibboo dha.

Xiinxaltoonni fi kanneen biyyattii ganan biyya hawaasni ishee aadaan olaantummaa dhiirotaa hidda gadi fageeffate keessatti dubartiin biyya bulchiti jedhanii hin yaadan.

Obboleettiin Kim Jong Un - Kim Yo Jong - immoo dubartiin akka aangootti dhuftu yaada dhiyeessite.

Kim Yo Jong yeroo ammaa qondaala olaantuu Koree Giddu-galeessaa Paartii Hojjetaa Kooriyaati. Obboleessi ishee dhagaha jedhama.

Kim Jong Un immoo ammaan tana ga'eessa, fayyaa qaba, sababni ammatti intala isaa isayyuu ijoollee taate kaadhimuuf maali? jedhanii gaafatu.

Isheen Kooriyaa Kaabaa bulchuun immoo maal jijjiira kan jedhus dubbii ifa hin taane dha.

Kiim Joong Uun yeroo abbaa isaa bakka bu'ee bulchaa ta'etti biyyattii addunyaarraa qoolliffatte tana balbala banaaf jedhamee eegamee ture.

Inni dargaggeessa fi nama barnoota warra lixaa qara'e waan ta'eef abdii jabaatu irra kaa'ame.

Haa ta'uu malee, abdiin hanga ammaa dhugoome hin jiru.