Mootummaan Ertiraa hordoftoota amantaa Kiristaanaa waggootaaf hidhee ture gadhiise

Ertiraa keessatti manneen amantaa afur qofatu beekamtii mootummaa qaba

Madda suuraa, Getty Images

Mootummaan Ertiraa namoota miseensa amantaa Kiristaanaa beekamtiin kennameefiin ala ta'an waggootaaf murtii malee hidhaa tursiise 98 gadhiisuu isaa maddeen BBCtt' himan.

Mootummaan namoota sababa amantaa isaaniitiin murtii tokko malee hidhaa tursiise kan hiike torban darbe ta'uu namoonni biyya keessaafi alaa himaniiru.

Torban darbe gaafa Kamisaa mootummaan pirezidant Isaayyas Afawarqii dubartoota 20 dabalatee namoota 36 wabiin hidhaatii gadhiiseera.

Warra gadhiifaman keessaa baayyeen isaanii mana-hidhaa Sariwaa jedhamu keessatti waggoota shanii oliif osoo himanni idilee irratti hin banamiin, mana-murtiittis osoo hi dhiyaatiin turaniiru.

Dabalataan maddeen akka jedhanitti, namoonni hidhaa turan biroo 17 Jimaata darbe akka bahan taasifamaniiru.

Torban lama dura ammoo dubartoota 16 dabalatee namoota 26 murtii malee waggoota sadiif hidhaman gadhiifamaniiru.

Kanaan duras namoota 19 mana-hidhaa kaaren jiru keessaa gadhiifamuu maddeen kan ibsan yoo ta'u, isaan keessaa sadii dubartoota turan.

Mootummaan Ertiraa sababa amantaa isaaniitiif namoota waggootaaf mana hidhaa tursiise maaliif akka gadhiise kan hin beekamne yoo ta'u, gadhiifamuu namoota hidhaa turan kanaa ilaalchisee ifatti waan jedhe hin qabu.

Jaarmiyaaleen mirgoota namoomaaf quuqaman akka jedhanitti, gaggeessitoonni waldaalee Kiristaanaa mootummaan hin galmaa'iin baayyeen murtii malee waggaa 20f hidhaa jiru.

Falmitoonni mirga namoomaa hordoftoonniifi hoggantoonni garee amantaa mootummaan beekamtii hin kennineef ammallee hidhaa akka jiran dubbatu.

Ertiraa keessatti dhaabileen amantaa beekamtii mootummaa qaban afur qofaadha. ISaanis Bataaskaana Ortidoksii Tewaahidoo, Bataskaana Kaatolikii, Ivaanjeelikaal Luteraan fi Islaama Sunniidha.

Mootummaan Ertiraa dhaabbileen amantaa hayyama kenneefiin ala garee jiran meeshaa mootummonni biyya alaa itti dhimma bahanidha jechuun akka yakkamtoota ta'anitti ilaala.

Kanaaf, garee amantaa afran jiraniin ala gareen amantaa jiran biyyattii keessatti ifatti sochii ifa ta'e akka taasisan hin hayyamamuuf.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Garee amantaa mootummaan beekamtii kenneefis taanaan to'annoon cimaan kan irrati taasifamu yoo ta'u, qabeenyi isaanis mootummaan ni fudhatama.

Kanaan dura, dhaabbileen tajaajila hawaasaa kanneen akka manneen-barnootaafi dhaabbileen amantaa Bataskaana Kaatolikii Ertiraa akka gara qabeenya mootummaatti naanneffaman taasifamaniiru.

Torban lama dura aanga'oonni Ertiraa murtii malee namoota waggoota 18 hidhaa tursiise 13 gadhiisuun isaanii gabaafamee ture.

Isaa keessaa tokko maanguddoo dorgomaa duraanii bishkileetii Olompikaafi daldalaa ta'an Zaraay Gabehiwot keessatti argama.

Manni hidhaa namoonni baayyeen murtii seeraa tokko malee waggootaaf keessatti hidhaman Maayi Sarawaa jedhamu kun manneen hidhaa hamoo Ertiraa keessa jiran kessaa tokko ta'uutu dubbatama.

Mootummaan Pirezidant Isaayyaas mirga amantaa ukkaamsuu dabalatee tajaajila loltummaa daangaa hin qabne fi sarbama mirgoota namoomaa biroo yeroo raawwatu irra deddeebiin himannaan irratti dhiyaataa tureera.

Ertiraan Itoophiyaarraa adda baatee biyya walabaa erga taatee waggaa 30 ol kan ta'e yoo ta'u, biyyattii heera mootummaa ittiin bultuu fi mana-maree ummataas hin qabdu.

Filannoo gaggeessitee kan hin beekne Ertiraan, qabsoo walabummaa kan hoogane Isaayyaas Afawarqii waggota 35 piyyattii pirezidantii ta'uu gaggeedaa jiru.