Mootummaan Ertiraa namoota 13 murtee malee waggoota 18f hidhaa tursiise gadhiise

Madda suuraa, Getty Images
Mootumman Eritiraa namoota 13 mana hidhaa loltummaatti murtee seeraa tokko malee waggooota 18f hidhee tursiise gadhiisuu isaa maatiin namoota gadhiifamanii BBC Tigrinyaatti himan.
Namoonni 13 kunneen hidhamanii kan turan mana-hidhaa loltootaa Anewenuwaar Maay Siriwaa jedhamuun beekamu to'annoon cimaan itti taasisanittidha.
Namoonni hidhatii gadhiifaman kunneen daldaltoota, miseensota polsiii, akkasumas namota ogummaa gara garaatti bobba'an yoo ta'u, ibsa tokko malee A L I Kamisa Sadaasa 25, 2018 gadhiifamanii maatii isaaniitti dabalamaniiru.
Namni mana-hidhaa loltootaa Maay Seiriwaatti hidhamee tureefi akka maqaan isaa hin himamne gaafate tokko BBC Tigrinyaatti akka himetti, A L I Onkoloolessa bara 2000 yeroo sanatti itti-gaafatamaa Tika Biyya Keessaa kan ture Koloneel Simi'oon Gabredingil ajjeefamuu waliin walqabatee to'atamuu isaanii ibseera.
Itti dabaluun kan to'atamanis daldaloota lama waliin walqabatee akka ta'e ibseera.
Jalqabarratti namoonni 30 ta'an kan to'atamanii turan yoo ta'u, hangi ta'an waggootaaf erga hidhamanii booda 20 kan ta'an mana-hidhaa baayyee rakkisaa keessa turaniiru.
Kanneen gadhiifaman keessaa biskileetii Olompikii duraanii fi daldalaa Zarahaagibir Gabrehiwoot, hojii daldalaa isaaniitiin beekamaa kan ta'e Tasfaalem Mangiste-aabii fi Bakuree Mabirhaatuu, akkasumas Injiinar Daawit Habtemaariyaam fi Maatiwoos Habtemaariyaam obbolaa jedhaman keessatti argamu.

Madda suuraa, Human right council
Dabalataan miseensonni poolisii buleeyyii Ertiraa ja'a namoota waggaa 20f mana-hidhaa rakkisaa keessa turanii gadhiifaman keessaati.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Isaan keessaa itti-gaafatamaa ittisa yakkaa duraanii, qorataa yakkaa, faayinaansiifi bulchiinsaa, akkasumas itti-gaafatamaa nageenyaa fi Kaappiteeniifi ogeessota qorannoo yakkaa olaanoo lama keessatti argamu.
Warra gadhiifman kana keessa ogeessi nageenyaa biyya keessaa akka jiran BBCn maddeen Ertiraa keessa jiranirraa mirkaneeffachuu dnda'eera.
Kanaan dura Aministii Internaashinaal manneen-hidhaa Addii Abeeyitoo fi Maay Seiriwaa jedhaman keessatti haala baayyee rakkisaa keessa bishaan gahaafi qulqullina malee namoonni hidhamanii jiran akka gadhiifamaniif gaafatee ture.
Namoonni murii seeraa malee waggoota dheeraaf mana-hidhaa turan, turtii isaanii kana keessa maatiin isaanii akka isaan gaafatu isaaniif hin hayyamamu ture.
Namoonni 13 amma waggaa 18 erga hidhamanii gadhiifaman kunneen bara turan kana keessa mana-murtiitti dhiyaatanii akka hin beekne ibsameera.
Manni-hidha loltootaa Maay Siriaa kutaleen konkiriitiirraa hojjetaman 76 kan qabu yoo ta'u, dhiyeenya kana kutaaleen gurguddoo shan fi konteeneroonni 20 itti dabalamaniif baballifamuu maddeen BBC himaniiru.
Maay Siriwaan magaalaa guddoo Ertiraa Asmaraa irraa bahee gama Kaaba-lixaan kiiloomeetira 9 fagaatee argama.
Mootumman Ertiraa namoonni kunneen gadhifamuu ilaalchisee hanga ammaatti waanti jedheeru hin jiru.















