Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartoonni Taalibaan baqatanii biyya alaatii barachaa turan amma ari'amuuf
Dubartoonni Afgaanistaan 80 ol ta'an, barnoota olaanaa Omaan keessatti barachuuf Taalibaan baqatanii turan.
Amma erga bulchiinsi Tiraamp sagantaa gargaarsa alaa addaan kuteen booda Omaan keessaa ari'amuun Afgaanistaanitti deebifamuunsaanii hin oolu.
Barnootisaanii erga Tiraamp Dhaabbata Misooma Idil-addunyaa Ameerikaa (USAID) kan isaan deeggaraa ture cufeen boodaa akka tasaa addaan cite.
"Onnee nama cabsa," jechuun barattuun tokko BBCtti himte. "Namni hundi rifatanii boo'aa turan. Torban lama keessatti akka deebinu nutti himameera."
Erga gara waggaa afuriin dura aangoo deebifatanii as, Taalibaan yunivarsiitii irraa dhorkuu dabalatee dubartoota irratti uggura hamaa kaa'eera.
Maallaqni gargaarsa Ameerikaa dubartoonni Afgaanistaan kumaatamaan lakkaa'aman biyya alaa akka baratan ykn barnoota toora interneetii akka itti fufan kan dandeessise yoo ta'u, sagantaaleen kun hedduun isaanii amma cufamaniiru.
Waayit Haawus baasii mootummaa biliyoonaan hir'isuu waan barbaaduuf sagantaaleen gargaarsa namoomaa kumaatamaan lakkaa'aman addunyaa irratti addaan citaniiru.
Barattoonni Omaan keessa jiran amma gara Afgaanistaanitti isaan deebisuudhaaf qophiin itti fufee jira jedhu.
Hawaasni addunyaa "furmaata akka kennan" waamicha dhiyeessaa jiru.
BBC'n iimeelii barattoota 82f ergamee kana argeera.
"Sababa sagantaa fi maallaqni USAID dhaabachuu isaatiin Iskoolaarshiipiin keessan "addaan citeera" jechuun beeksisaniiru.
Ergaan kun "abdii nama kutachiisuu fi tasgabbii nama dhorku" ta'uu ibsa.
Akkasumas, qophii imala gara Afgaanistaanitti isaan deebisu of keessaa qaba. Kunis barattoota biratti sodaa uumeera.
''Eegumsa hatattamaa, gargaarsa maallaqaa fi biyya nageenya qabu kan barnoota keenya itti fufuu dandeenyutti nu barbaachisa,'' jechuun BBC'tti himan.
Fuulli qunnamtii miidiyaa marsariitii USAID cufaa ta'ee hafeera.
Deebii argachudhaaf BBC'n Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa qunnamee jira.
Dubartoonni Afgaanistaan amma Omaan irraa deebifamuuf jiran kunneen, sagantaa USAID bara 2018 eegale jalatti barnoota digirii jalqabaa fi lammaffaa hordofaa turan.
Sagantaan kun dubartoonni Afgaanistaan saayinsii, teeknooloojii, injinariingii fi herregaa (STEM) akka baratan gargaara.
Kunis dameewwan Taalibaan dubartoonni akka hin baranne dhorkudha.
Barattuun biroo "akka waan wanti hundi narraa fudhatamee natti dhaga'ama " jechuun BBC'tti himte. " Yeroo ammaa kana dhiphina garmalee keessan jira."
Dubartoonni irra caalaan isaanii umurii waggaa 20 ta'an kunneen, bara 2021 osoo Taalibaan Afgaanistaan hin qabatin iskoolaarshiipii kana argatan.
Hedduun isaanii hanga Muddee 2022 barnoota isaanii yunivarsiitiiwwan Afgaanistaan keessatti itti fufanii tura. Yeroo sanatti Taalibaan barnoota olaanaa dubartootaaf dhorke.
Ji'a 18 booda gara Paakistaanitti baqachuu isaanii dubbataniiru.
Sana booda USAID gara Omaan akka deeman haala mijeesseef.
"Yoo deebifamne tarkaanfii cimaatti nurratti fudhatama. Barachuu hin dandeenyu maatiin keenyas akka heerumnu nu dirqisiisuu danda'u.
''Baay'een keenyas sababa sochii duraan geggeessaa turreef balaan dhuunfaa nurra gahuu danda'a," jedhu.
Taalibaan dubartoota barnootaa fi hojiif mormii dhageessisan irratti tarkaanfii fudhateera, rogeeyyiin hedduun reebamaniifi doorsifamanii to'annoo jala oolaniiru.
Dubartoonni Afgaanistaan sirnichaa jalatti "reefuma socho'u" jechuun of ibsu.
Mootummaan Taalibaan dhimma barnoota dubartootaa furuuf yaalaa akka ture dubbata.
Haata'u malee, ''akkaataa seera Shari'aa Islaamaa'' hordofna jechuun ajaja hogganaasaanii olaanaa deeggaran.