Dagachuun faayidaa qabaa? Namoonni akkuma umuriin dabalaa deemuun maaliif waa dagatu?

Madda suuraa, Getty Images
Dandeettiin waa yaadachuu guutuu hin tanee fi muraasa ta'e qabaachuun mallattoo sammuu fayyaa ta'uu agarsiisaa jedha ogeessi niwuroo Charan Ranganathi kitaaba dhiheenya kana baasee keessatti. Akkamitti?
"Dandeettiin waa yaadachuu," jedha saayintistiin niwuroo kitaaba isaa "Why We Remember," jedhu kan "dandeettii yaadachuu waan darbeef kuusuu qofa irra darbee akkaataa ofii keenyaa namoota biroo fi addunyaa naannoo keenya jiru ittiin hubannuudha"jedha.
Raanganaat Yunivarsiitii Kaalifoorniyaa, Berkeley keessatti piroofeesara saayinsii xiin-sammuuti. Waggoota 30 darbaniif dandeettii sammuu namaa waa yaadachuu fi dagachuu qorachaa ture.
Hubannoon waliigalaa waa yaadachuu irratti qaban mudaa qaba jedha. Dhugaa dubbachuuf dogoggorri sammuu keenya raawwatu dhugumatti lubbuun jiraachuu keenyaaf baay'ee faayidaa fi barbaachisaa ta'uu dubbata.
Argannoon saayintistii kanaas sammuu keenya isa mudaa hin qabne akkamitti akka gaariitti fayyadamuu akka dandeenyu qorannoo saayinsaawaa ta'e dhiyeessa.
Yaadannoowwan kan uumaman jijjiirama cimina walitti dhufeenya niwuroonota sammuu keenya gidduu jiruun. Garuu walitti dhufeenyi kun tokko tokko gaarii ta'uu dhiisuu danda'a, kaan immoo cimaa fi bu'a qabeessa ta'uu danda'a.
Qajeelfamni barrnoota dogoggoraan geggeeffamu yeroo waan tokko waa yaadachuuf yeroo yaallu yaadannoo sammuu keenya keessatti oomishu guutuu miti jechuudha.
Akka saayinsii jedhutti sammuun keenya yaadachuuf yeroo yaalu odeeffannoo sana wanta dhugaa wajjin wal bira qabuuf yaalaa jira.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haala kanaan sammuun waa yaadachuuf yeroo odeeffannoo qabatamaa wajjin wal bira qabee madaalu kanneen kun walitti dhufeenya waan qabatamaa fi sammuu giddu jiru yaraa ta'e laaffisuu fi kanneen ciccimoo ta'an guddisee yaadachuu danda'a.
Kana jechuun hamma waan tokko yaadachuuf yaallu walitti hidhamiinsi inni waan qabatamaa waliin qabu cimaa yoo ta'e sammuun keenya humna yaadachuu ni cimsa.
Irra caalaan keenya waan tokko yaadachuuf rakkanna, garuu yeroo tokko tokko dagachuun faayidaa qabaachuu akka danda'u ogeeyyiin ni dubbatu. Kun akkamiin ta'a?
Ogeessi saayintistii niwuroo gaaffii kana fakkeenyaan deebisuun akkas jedha, "Mana kee dhufee akkamiin wantoota si barbaachisan kaa'atta jedhee yoon si gaafadhe,akkataa ati waantota si barbaachisan kaawwatte murteessaa akka ta'e yaadda. Waan ni daganna jennee yaadne bakka salphaatti argamutti yoo keenye waan nu barbaachisu sana silaa yeroo nu barbaachisutti argachuun nutti hin ulfaatu ture.
''Yeroo ammaa kana hoteela keessa waanan jiruuf torban lama booda lakkoofsa kutaa koo yaadachuun koo hiika hin qabu'' jedha Ranganath. Namootni amma karaa irratti argitan hunda fuula isaanii yaadachuun isin barbaachisaa ?'' jechuun wantoota nun fayyadne dagachuun buaa akka qabu akeeka.
Namoonni akkuma umuriin isaanii dabalaa deemuun maaliif waa dagatu?

Madda suuraa, Getty Images
Dhimmi kun akkuma umuriin keenya dabalaa deemuun waa yaadachuu dadhabuu osoo hin taane, odeeffannoo qabachuu barbaannu irratti xiyyeeffachuu dadhabuu keenya agarsiisa.
Yeroo umuriin keenya dabalaa deemuun wantoota barbaachisoo miti jennee yaadne dagachuuf carraaqna, garuu wantoota murteessoo fi barbaachisoodha jennee yaadne irratti xiyyeeffanna.
Kanaafidha sammuun keenya yeroo waan tokko yaadachuuf yaallu odeeffannoo argachuuf kan rakkatu.
Ranganath akka jedhutti yaadannoo fooyya'aa qabaachuuf ulaagaalee bu'uuraa sadii guutuu qabna.
Inni jalqabaa adda baasu dha. Yaadannoowwan keenya wal dorgomu waan ta'eef, waan tokko haala adda ta'een akka mul'atu gochuun carraa yaadachuu ni dabala.
Yaadannoowwan ifa ta'an kanneen mul'ata, sagalee fi miira adda ta'een walqabatan kanneen yeroo dheeraaf turuu barbaadanidha. Kanaaf, yaada keenya keessaa baduu irra balʼina miiraa xiyyeeffannaa kennuudhaan yaadachuu keenya haalaan fooyyessuu dandaʼa.
Toftaa lammaffaan yaadannoo keenya guutuu haala caalaatti miira namaa kakaasuun qindeessuudha.
Dhimmi akkuma umuriin keenya dabalaa deemuun yaadannoo uumuu dadhabuu osoo hin taane, odeeffannoo qabachuu barbaannu irratti xiyyeeffachuu dadhabuu keenyadha.
Kanarraa kan ka'e, yaadannoowwan yaadachuuf yeroo yaallu, odeeffannoo nu barbaachisu argachuuf rakkanna.

Madda suuraa, Getty Images
Qulqullina waa yaadachuu keenyaa guddisuu maloota akkamii fayyadamuu dandeenya?
Inni sadaffaan akeekkachiisa qopheessuudha. Waan tokko yaadachuuf yaaluun hojii baay'ee dadhabsiisaa fi dogoggoraaf saaxilamuudha. Yeroo barbaannetti osoo nutti dhufee gammadna. Kanaafidha adeemsa kanaaf haala mijeessuuf dursinee haala haadachuu dandeenyuun sammuu keessatti akeekkachiisudha.
Fakkeenyaaf, sirboonni uumamaan yaadannoowwan yeroo murtaaʼoo jireenya kee keessatti argaman si yaadachiisuu dandaʼu. .
Sammuun keenya maaliif odeeffannoo sobaa nuuf kenna? Sammuun keenya yeroo tokko tokko odeeffannoo sobaatiin qaawwa jiru akka guutu ogeeyyiin ni dubbatu.
Sababni inni lammaffaan yaadannoowwan yeroon jijjiiramaa waan ta'aniif. Kun baay'ee barbaachisaa dha. Yeroo booda yaadannoo keenya guddisuu akka qabnu ibsu.
Fakkeenyaaf, yeroo dheeraa booda hiriyyaa tokko arginee akka jijjiirame yoo arganne odeeffannoon haaraan sammuu keenya keessatti uumama.
Yaadannoo keenya namoota biroof yommuu qoodnu, wanti yaadannuu fi wanti namootatti himnu sirriitti tokko ta'uu dhiisuu danda'a jechuun ni danda'ama.















