Keeniyaan bakka yakki saayibarii itti hojjatamaa ture gara wiirtuu omisha sooftiweeritti jijjiiruf

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaantin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon wiirtuu hattoonni saayibarii dhoksaan ijaaranii hanna onlaayiniif itti fayyadamaa turan gara wiirtuu kalaqaatti akka jijjiiramu ajaja dabarsan.
Hattoonni karaa onlaayinii yakka saayibarii irratti hirmaataa turan kun wiirtuu isaanii Sulala Qinxaamaa bakka giddu gala gabaa Mulot jedhamtutti godhachuun yakkoota garaa garaa irratti hirmaataa turan.
Miidiyaalen biyya keessaa akka gabaasanitti wiirtun yakka saayibarii kun hanna karaa onlaayinii baankilee heddurratti raawwatame duuba jiru jedhama.
Namoonni kun baankilee heddu keessaa yeroo garaa garaatti maallaqa guddaa akka saamantu himama.
Kana hochuuf ammoo hojjattoota baankiifi kubbaaniyaawwan tajaajila telekoomii kennan wajjin michoomanii hojjatu.
Gareewwan yakka saayibarii irratti hirmaatan kun namoota barataniifi ogummaa kalaqaa qabaniidha jedhama. Haa ta’u garuu, hoji dhabdummaa irraa kan ka’e yakka saayibarii irratti hirmaatu.
Mootummaan dandeettii namoota yakka saayibarii irratti hirmaatanii fayyadamee gara waan gaaritti jijjiirun yakka saayibarii akka ittisuuf yeroo garaa garaatti waamichi dhitaataa ture.
Kanumarraa pirezidaant Wiiliyaam Ruutoo Keeniyaatti warshaan omisha sooftiweerii Shilingii biliyeena heddutti herreegamu akka ijaaramuuf ajaja kennuu gaazexaan Daily News gabaase.
Giddu gala warshaan omisha sooftiweerii kana adda durummaan kan raawwachiisu Ministeera Informeeshiniifi Kominikeeshii yoo ta'u warshichi Afrikaatti kan jalqabaa ta'a jedhame.
Pirezidaantin Keeniyaa bakka ijaarsa giddu gala kanaaf kan oolu Kaawuntiin Boomet lafa heektaara 100 akka qopheessus pirezidaantichi ajajan.
Tarkaanfin giddu gala warshaa softiweerii omishuu hunddeessuu kun diingadee naannichaa akka jijjiirufi namoota ogummaa osoo qabanii yakka saayibarii irratti hirmaataniif carraa guddaa akka banu dubbatan Wiiliyaam Ruutoo.












