Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hospitaalli Asoosaa ibsaan torban sadiif adda cituu hordofee yaadda'e
Naannoo Beenishaangul Gumuuz, magaalaa guddoo naannichaa Asoosaatti, ibsaan walitti aansee torban lamaa oliif adda citeen, Hospitaalli Waliigalaa Asoosaa tajaajila dhaabuu akka danda'u beeksise.
Magaalaa Asoosaa fi naannawasheetti ibsaan kan adda cite sababii utubaa anniisaa ibsaa baatu irratti hanni Oromiyaa godina Wallaga Lixaatti ''hidhattootaan'' irra qaqqabeen booda ta’u godinni Asoosaa ibse.
Magaalaa guddoo Naannoo Beenishaangul Gumuuz akkasumas aanaaleefi gandoota baadiyyaa naannichatti argaman keessatti ibsaa kan adda cite torban sadii dura ALI Waxabajjii 9, 2026 akka ta’e Humni Ibsaa Itoophiyaa beeksisee ture.
Yeroo ammaatti aanaalee sagal godinicha keessatti argaman akkasumas bulchiinsoti Asoosaa fi magaalaan Baambaasii ammatti ibsaa argataa akka hin jirre bulchaan Godina Asoosaa Obbo Idiriis Mohaammad BBC'tti himaniiru.
Sababii kanaatiinis dhaabbilee fayyaa dabalate dhaabbiilee tajaajilaa magaalaa keessatti argaman rakkoon akka mudate himan.
Dhaabbilee kanneen keessaa guyyaatti kan dhukkubsattoota 400-500 keessummeessu hospitaallii waliigalaa Asoosaa ni argama.
Hospitaalli magaalaa Asoosaatti argamu kunis wal'aanamtoota buufataalee 22 aanaalee godinichaa akkasumas godina Kaamaash fi gandoota ollaa Oromiyaa irraa dhaqan akka simatu Daareektarri meedikaala ittaanaa Dr Abiyoota Darsoo BBC Amaariffaatti himaniiru.
Kana malees yaalamtoonni pirojaktii ijaarsa hidha guddicha Abbayyaa fi buufataalee baqattootaa naannicha keessatti argaman shan irraas akka keesummeessu himan.
Hospitaalichi tajaajila kennuun yoo ilaalamu, ibsaa sa’aati 24 adda hin cinne argachu akka qabaatu kan himan Dr Abiyoot, ‘‘adda cituun ibsaa torbanoota darbanii dhaabaticharratti dhiibbaa olaanaa qaqqabsiiseera’’ jedhan.
Akka ibsa Dr Abiyootitti, erga ibsaan adda citee kaasee jenereetara tajaajilaaf oolfamuuf guyyaatti boba'aa liitira 180- 200 fayyadamu.
Akkasiis ta’ee jenereetaroonni tajaajilaaf oolfaman lamaan yeroo tokkotti hospitaalichi akka ibsaa argatu kan dandeessisan waan hin taaneef, ‘‘kutaalee muraasni ibsaa malee akka turan akka taasifaman,'' kaasu.
‘‘Kutaa oppireeshiniifi dallaa guutuutti ibsaa yoo barbaadne, jenereetaroota lamaan wal jijjiraa fayyadamna. Kanas ta’ee haala barbaadamuun kan maashinoota kutaa wal'aansa daa’imman dhalattuu hojjachiisuuf dandeessisu miti’’ jedhan.
Maashinni daa’imman yeroo malee dhalatan tursiisuuf tajaajilus kan ibsaa olaanaa barbaadu ta’u kan kaasan Dr Abiyoot, hospitaalichi yeroo jenereetara humna gadaanaa qabutti fayyadamuutti maashinoota kanneen hojjachiisuun akka hin dandeenye kaasu.
Ittaanaan Daareektara Medikaalaa kunis, daa’imman maashina kana keessa turan oksijiinii adda hin cinnee argachu akka qaban kaasuun, yoo adda cite garuu ‘‘carraan du’a hordofsiisuu akka jiru’’ kaasan.
Hospitaalichis rakkoo ibsaa isa mudaterraa kan ka’e wal jijjirraa jenereetara fayyadamaa turulleen baasiinsaa garuu humna hospitaalichaatiin ol akka ta’e dubbatu Dr Abiyoot.
Yaaddoo kanas hospitaalichi biiroo fayyaa naannichaa fi bulchiinsa magaalaa Asoosaatiif xalayaa ALI Waxabajjii 24, 2016 barreessen ibsuu himan.
Hospitaalichi bara bajata 2016'tti ''hir’ina bajataatiin'' dabarsuu kan kaasuu xalayichi, sababii adda cituu ibsaatiin hospitaalichi boba’aa liitira 200 dhaabbatichi itti fayyadamuufi guyyaatti barbaachisu sababii ‘‘hanqina bajataafi boba’aan dhaabbilee raabsan keessaa dhibuutti’’ argachuuf rakkataa akka jiran himan.
Dhaabbatichi xalayaasaa irratti ‘‘tajaajiloonni akka balaa tasaa, baqaqsanii wal'aanuu fi kaan hundi ibsaan kan barbaachisu waan ta’ef, hosipitaalichi gara sadarkaa hojiisaa dhaaburratti waan argamuuf haala danda’ameen furmaanni akka barbaadamu gaafanna’’ jechuun gaaffii dhiyeessan.
Gaaffii kana hordofees hospitaalichi dhaabbilee mootummaa magaalicha keessatti argaman irraa boba’aa ‘‘liiqaadhaan’’ akka argatu taasifamu Dr Abiyooti dubbatan.