US waggaa heddu booda nama du'i itti murame dhukaasan ajjeessuu jalqabuuf

Kutaa ajjeechan keessatti gaggeeffamu

Madda suuraa, South Carolina Department of Corrections

US keessatti namni du'i itti murtaa'e waggaa 15 keessatti yeroo jalqabaaf itti dhukaafamee ajjeefamuuf jedha. Namoota biyyattii keessatti du'i itti murtaa'e keessaa tokko Biraad Sigman yoo jedhamu Manni Murtii Olaanaa Karolaayinaa torbee darbe rasaasan akka ajjeefamuuf hayyamee jira.

Yeroo dheeraf US keessatti namni duuti itti murtaa'e qoricha ajjeesu karaa lilmoo kennameefii murteen du'aa hojiirra oolaa ture.

Waggoota heddu booda namni yeroo jalqabaaf rasaasan ajjeefamuuf jedhu, Biraad Sigman, garee rasaasa dhukaasun ajjeechaa raawwatuun (firing squad) ajjeefamuu akka barbaadu abokaatonsaa ibse.

Biraad Sigman maatii haadha manaasaa ileedhan reebee ajjeesuusaatin bara 2002 duuti itti muramee ture.

Biraad Sigman

Madda suuraa, South Carolina Department of Corrections

Bulchiinsi Kibba Karolaayinaa bara 1985 irraa kaasee namoota 40 mala elektirkiifi qoricha karaa lilmootin kennuun murtee du'aa raawwateera.

Bulchiinsi Kibba Karolaayinaa bara 2021 keessa murteen du'aa rasaasan ajjeesun akka raawwatamu seera baasee ture.

Dhaabbanni Giddu Gala Adabbii Du'aa akka beeksisetti, bulchiinsi Kibba Karolaayinaa namni adabbiin du'aa itti murtaa'e itti dhukaafamee akka ajjeefamu murteessunsaa qoricha lilmoon kennamee ajjeesu argchuuf waan rakkateefi.

Erga murteen itti dhukaasanii ajjeessuu kun darbee as Dippaartimentiin Manneen Hidhaa Kibba Karolaayinaa bakka nama adabbiin du'aa itti murtaa'e itti dhukaasun ajjeesan mijeessee jira.

Akka dippaartimentichi jedhetti, kutaanumti kana dura lilmoo waraananii nama itti ajjeesan rasaasan ajjeesuf akka ta'utti mijeeffamee jira.

"Namni adabbiin du'aa itti murtaa'e huccuu mana hidhaatii kennameef uffatee kutaa itti ajjeefamu geeffama. Hidhamaan sun osoo hin ajjeefamin dura waanti dubbatu yoo jiraate carraan ni kennamaaf" jechuun ibse dippaartimentichi.

Namni waggoota heddu booda yeroo jalqabaaf rasaasan ajjeefamuuf jedhu kun, Biraad Sigman, kutaa itti ajjeefame (death champer) keessatti teessotti hidhamee qiyyaafannoof akka ta'utti teessifamee bakka itti ajjeefamu kaa'ama.

Sana booda akka hin argineef mataasaatti huccuun kaa'ama. Bakki rasaasni rukutu ammoo lapheerra akka ta'utti teessifama.

"Gaggeessan murtee ajjeechaa erga dubbisee booda, gareen ajjeechaa raawwatu itti dhukaasa."

Yeroo ajjeechan raawwatu namoonni akka argan hayyamameef ni ilaalu. Ajjeechan erga raawwatee booda doktarri fayyaa du'uusaa ni mirkaneessa. Erga du'uunsaa mirkanaa'ee booda bakkichi golgaan akka cufamu godhamee namoonni ilaalaa turan akka bahan godhamu.

Namoota yeroo ajjeechan raawwatu akka ilaalaniif hayyamuuf

Gaazexeessitoonni, ogeeyyin seeraa, miseensonni maatii miidhamaa bakka ajjeechan itti raawwatamu dudduuban taa'anii yeroo ajjeechan raawwatamu ilaalu.

Diriiw Iswiift Kibba Kaalifaarniyaatii akkadamii bakka leenjii dhukaasa itti shaakalan kan qabu yoo ta'e, nama du'i itti murame itti dhukaasanii ajjeesun namoota ilaalaniif miidhaa xiinsamuu akka ta'u hima.

"Miidhaa hamilee qaba. Rasaasi sadi bakka irratti qiyyaafame sana al-tokkotti yoo rukutu qawwa guddaa uuma. Dhiigni heddus ni dhangala'a," jedha.

Carraan rasaasni tasa namoota achi jiran ykn meeshaa rukutus akka jiruufi kanneen ilaaluf seenan illee sagaleen dhukaasaa dhageettiisaanii miidhuu akka danda'u yaaddoo qabu hima.

Rasaasan nama du'i itti murame ajjeesun addunyaarratti maal fakkaata?

Akka gabaasa Amnestii Intarnaashinaalitti biyyoonni 144 adabbii du'aa seeranis ta'ee gochaan hin deeggaran.

Haa ta'u garuu, bara 2023 qofaa addunyaarratti namoonni 1,153 adabbiin du'aa itti muramee rasaasan ajjeefamaniiru.

Lakkoofsi kun Chaayinaa hin dabalatu. Chaayinaan waggaatti namoota kumaan lakkaa'aman du'aan akka adabdutu himama.

Biyyoonni adabbii du'aa deeggaran fannisuu, lilmoo waraanuu. elektirikiidhan, morma kutuun ykn dhukaasudhaan murtee du'aa hojiirra oolchu.

Bara 2020 keessa yoo xiqqaate biyyoonni saddeet rasaasa itti dhukaasun adabbii du'aa raawwachuu ibse Amnestii Intarnaashinaal.

Biyyoonni kunis: Chaayinaa, Iraan, Kooriyaa Kaabaa, Omaan, Kaatar, Somaaliyaa, Taayiwaanifi Yamaniidha.