Filisxeemoonni giddugala dirree tapha golfii Tiraamp mancaasan

Madda suuraa, PA Media
Gareen Filisxeemotaa dirree tapha golfii qabeenya Pirezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp ta'e garii mancaasan.
Direen tapha golfii fi hoteelli Iskootlaand keessatti argamu kun Turnberry golf resort jedhama. Tiraamp bara 2014 dhuunfatan.
Gareen Palestinian Action jedhaman fi UK keessa socho'uun qabeenya Israa'elootaa fi michootashee irratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessan kunneen suuraa gamoowwan halluu diimaan irratti dibamee maxxansani.
Dirree magariisa irratti barreeffamni ''Gaazaan hin gurguramu'' jedhu qalama biifamuun barreeffameera.
Dirreen magariisni gariin qotamee manca'eera.
Bakki bashannanaa yookiin rizoortiiwwan qabeenya Tiraamp ta'anis miidhamaniiru, ibsaawwan faaya dirree kanaa ta'an manca'aniiru.
Dubbi himaan giddugala kanaa kun ''gocha daa'imaa fi yakka hamaadha,'' jedhe.
Poolisiin Iskootlaand taatee mudate qorataa akka jiru ibseera.
Pirezidant Tiraamp erga Filisxeemota Gaazaa keessaa baasuuf yaada dhiheessanii booda biyyoonniifi dhaabbileen qeeqaniiru.
Tiraamp Filisxeemonni hundi erga ba'anii booda Gaazaa fudhatanii akka misoomsan dubbachuun falmii cimaa kaaseera.
Ji'a darbe wayita Ministira Muummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu waajjirasaaniitti simatanii waliin mari'atanitti ''US Gaazaa ni fudhatti, hojiis itti hojjetti,'' jedhanii turan.
Aab Neetaaniyaahuunis yaadi Tiraamp dhiheessan ''waan xiyyeeffannaan itti kennamuu qabuudha,'' jedhan.
Tiraamp Gaazaa keessaa Filisxeemota baasuun naannawa sana fudhatanii misoomsuuf yaada dhiheessan biyyoonni Arabaa mormaniiru.
Pirezidantichi duuba akkaataa yaada isaan dhiheessa Gaazaan maal fakkaachuu akka dandeessu hubannoo nam-tolchee- AIn viidiyoo gadhiisani.
Qabeenyisaanii amma manca'e kun addunyaarratti dirreewwan golfii sadarkaa jalqabaarra jiran shan keessaa tokko.
Dorgommiin Open Championship jedhamu yeroo afur bakka kanatti gaggeeffameera.
Erga Tiraamp bara 2014 bitan garuu giddugalli kun sagantaa akkasiif banaa miti.

Madda suuraa, PA Media
Gareen Palestine Action jedhamu gochi kun ''tumsa Biriteen garee appaartaayidii Israa'el waliin michummaa qabaniif taasiftu adda kutuuf hojii hojjetaman keessaa tokko,'' jedhe.
''Palestine Action Doonaald Tiraamp Gaazaa akka qabeenya dhuunfaasaatti fudhachuuf yaada inni dhiheesse cimsee balaaleffata.
''Kana sirriitti ibsuuf qabeenyi isaa mormitoota isaarraa baraaramuu akka hin dandeenye mul'isne.
''Waanjoo kolonii Israa'el-US dachee Filisxeem irraa darbuuf hojii keenya itti fufna,'' jedha ibsi garee kanaa.












