Everteen v Arsenaal, Tootenhaam v Liiverpuul, Astoon Viilaa v Maanchister Yuunaayitid: Kamtu mo'ata?

Arsenaal yeroo darbe Woolvis mo'achuu isaa carraa qabeessa. Garuu kun mallattoo shaampiyoonaa tahuu isa sirriidhaa? jedhee gaafata xiinxalaan kubba miilaa BBC Kiriis Saatan.

Arsenaal bara kana haalli taphaa isaanii akka duraan beekaman sana hedduu hawwataa miti. Garuu ammoo injifachuun qabxii sadii argatanii bahu. Ammas seenaama wal fakkaataa irra deebi'uu malu jedhe.

Kan biraa ammoo Everteen waliin yeroo morkatan kanatti carraa gaarii argatan qabu.

Taphattoonni Everteen murteessoo jedhaman Waancaa Afrikaaf taphhachuuf kaan ammoo miidhamaan hin taphatan.

Everteen taphoota jahan darban keessaa afur mo'ataniiru. Garuu gareen injifannoo sana galmeessee fi taphattoonni amma tapha Arsenaal kanaaf hafan adda.

Taohattoonni akka Idiriisaa Geey, Ilimaan Injaay Waancaa Afrikaaf yoo deeman, Jaak Giriiliishii fi Kernaan Diwusbaarii ammoo miidhamaan taphachuu dhiisuu malu jedhama.

Arsenaal tapha kana ni mo'ata. Garuu haala kamiin akka mo'achuu qabu irratti hojjechuu qabu jedhe Kiriis Suutan.

Kiriis Saatan leenjisaan Everteen Deevid Mooyes taphattoota murteessoo arfan kana malee rakkoo keessa gala jedhe. Kanaaf Arsenaal garaagarummaa xiqqaa galchii 1-0'n mo'ata jedhe.

Arsenaal yoo mo'ate Maanchister Siitii waliin garaagarummaa qabxii lamaa yoo Maan Siitiin mo'ame ammoo qabxii shaniin dursuun Liigicha dursa.

Cheelsiin Niwkaasil waliin morkata. Kileboonni lameenuu Karaabayoo Kaappii walakkaa xumuraaf darbaniiru.

Ammoo Cheelsiin ji'a darbe keessa gahumsa gaarii agarsiise. Leenjisaan isaanii Eenzoo Maareshakaa leenjisaa cimaa ji'a Sadaasaa tahuun filameera.

Ammoo qabxii akka barbaadan argataa hin jiran jedhamuun taphoota muraasa darban irratti qeeqamaa jiru.

Edii Haaw ammoo tapha darbii irratti Sanderlaandin mo'amuun deeggartoonni isaanii akka malee gaddaniiru.

Eenzoo Maareshkaa Cheelsii keessatti gammadaa akka hin jirre himeera. Yoo waan keessaan deema ajiru gaarii hin taane ammoo bu'aan dirree irartti argamu jijjiiramuu danda'a.

Niwkaasilis dirree isaa irratti tapha mo'achuu dadhabuun rakkoo keessa jiru.

Kiriis Saatan Cheelsiin gaarii tahullee dirree Niwkaasil irratti erga bara 2021 as mo'atee hin beeku jedhe. Kanaaf Niwkaasil galchii 2-1'n Cheelsii mo'ata jedhe.

Taphni biraan haalaan eegamu Liiverpuulii fi Tootenhaam gidduutti kan gaggeeffamudha.

Taphni kun haalaan eegama. garuu deegartoonni kileboota lameenii kamtu akka mo'atu waan beekan hin fakkaatu.

Liiverpuul fooyya'aa jira. Garuu mohaammad Saalaan Waancaa Afrikaaf waan deemuuf isa dhabu.

Huugoo Ekitiikee bakka isaa ni taphata. Sooboslaay taphataa cimaa barana Liiverpuul keessatti akka urjii mul'atudha.

Yeroo darbe Tootenhaam Nootingihaam Foorestiin yeroo mo'aman Toomaas Firaank baay'ee aareera.

Kamtu mo'ata kan jedhu hubachuuf rakkisa jedhe Kiriis Saatan.

Taphni kun qixa 1-1 dhuma jedhe.

Maanchister Yuunaayitid tapha lamaan darbe irratti galchii saddet lakkoofsise.

Aston Viilaan ammoo taphoota sagal walitti aansitee mo'ate. Maanchister Yuunaayitid Aston Viilaa irratti rikardii adda tahe qaba.

Walumaa galaan taphoota 26 keessaa tapha tokko qofa Aston Viilaan Maanchister Yuunaayitidiin mo'ate.

Yuunaayitid taphattoota akka Biriyaan Embuumoo, Amaad Diyaaloo fi Maazoraawwii Waancaa Afrikaaf waan deemaniif dhabeera.

Kiriis Saatan tapha kana Astoon Viilaatu 2-0 mo'ta jedhe. Isin hoo?

Maanchister Siitiin kufaatii irraa ooluuf kan wixxifataa jiru West Haamiin morkata.

Maanchister Siitiin hedduu fooyya'aa waan dhufeef tapha kana ni mo'ata jedhamee eegama.