Waancaa Afrikaa eegaluuf jedhu ilaalchisee qabxiilee ijoo beekuu qabdan

Waancaan Afrikaa bara 2025 qopheessummaa biyya Kaaba Afrikaa, Morookootiin Dilbata dhufurraa eegalee torbanoota afuriif gaggeeffama.

Taphni banininsaa magaalaa guddoo biyyattii Rabaat keessatti Istaadiyiimoo guddicha mootii Moolaay Abdallaa kan daawwattoota kuma 69 ol qabatu keessatti Komoroos waliin gaggeeffama.

Maqaa Masoo Atilaas Laayinsi jedhamuun kan beekamu gareen Morokoo sadarkaa gahumsa kubbaa miilan Afrikaa keessaa sadarkaa jalqabaarra, addunyaarraa ammoo sadarkaa 11ffaarra jira. Ammoo erga bara 1976 Afcon mo'atee hin beeku.

Mohaammad Saalaas biyyasaa Masriif dursaa taphattootaa ta'ee injifannoo argachuuf falma. Saalaan bara 2017 fi 2021 xumuraaf gahee mo'ame. Masrii waliin waancaa kana hin injifanne.

Dorgommii anarratti biyyootni Afrikaa 24 garee jahatti qoodamanii dorgomu.

Garee A: Morookoo, Maalii, Zaambiyaa, Komoroos.

Garee B: Masirii, Afrikaa Kibbaa, Angooolaa, Zimbaabuwee.

Garee C: Naajeeriyaa, Tuniiziyaa, Yugaandaa, Tanzaniyaa.

Garee D: Senegaal, DR Koongoo, Beenin, Botiswaanaa.

Garee E: Algeeriyaa, Burkinaa Faasoo, Iqquwaatooriyaal Giinii, Sudaan.

Garee F:Ayivorii Kost, Kaameruun, Gaabon, Mozaambiik.

Morkii ramaddii Mudde 21 hanga Mudde 31tti itti fufuun guyyaa guyyaan taphoonni afur ni gageeffamu.

Ramaddiiwwan hunda keessaa gareeleen qabxii olaana argatan lama lama kallattiin marsaa mo'anii darbuutti ce'u. Dabalataan gareeleen afur qabxii gaarii qabaachuun sadarkaa sadaffaan xumuranis marsaa ittaanutti ni ce'u.

Taphni xumuraa kan gaggeeffamu Amajjii 18 ta'a.

Istaadiyoomiiwwan Morokoon qopheessite

Morokoon dorgommii kana miidhagsuuf maallaqa guddaa baasuun istaadiyoomiiwwan qabdu haaomsiteetti. Sanuu bara 2030tti ammoo Ispeenifi Poorchugaal waliin ta'uun Waancaa addunyaa qopheessuuf qophaa'aa jirti.

Magaalota adda addaa jaha keessatti Istaadiyoomiiwwan sagala dorgommii Afcon kanaaf qopheessiteetti.

Isaan keessa afur magaalaa guddoo biyyattii Rabaat keessatti argamu.

Istaadiyoomiin inni guddichi sirni baniinsa aitti gaggeeffamu daawwattota kuma 69 isa keessummeessu istaadiyoomii mootii Moolaay Abdallaah. Istaadiyoomiiwwan biroon sadan magalicha keessatt argaman agiddoo gala ispoortii yoo ta'an nama kuma 22 hanga kuma 18 keessummeessu.

Istaadiyoomii inni biraan magaalaa Agadir keessatti kan argamuufi teesoo kuma 45, 480 isa qabudha. Istaadiyoomiiwwan biroon:

Complexe Sportif de Fes, Fes (capacity 45,000)

Grande Stade de Marrakech, Marrakech (capacity 45,240)

Stade Mohammed V, Casablanca (capacity 67,000)

Grande Stade de Tangier, Tangier (capacity 68,000)

Komii Liigota Awurooppaarratti ka'u

Afcon wayita dorgommiin liigota Awurooppaa cimutti kan gaggeeffamu ta'uusaarraa kan ka'e kilabootni taphattootni gara garee biyyaalessaa isaaniitti akka galan yeroo itti gadhiisanirratti mormiin dhalateera.

Qaamni kubaa miilaa addunyaa bulchu Fifan Guyyaan dhumaa kilabootni taphattoota itti gadhiisan Mudde 15 (Wiixata) akka ta'e murteesseera. Dorgommiichi eegaluuf guyyaan jaha yeroo hafu jechaadha.

Leenjisaan garee biyyaalessaa Maalii Saayintfiit murtee kanaan qophiidhaaf ''balaafamaadha'' jedheera.

''Namni Awurooppaa jiru marti dorgommii Afcon barbaachisa amiti jedhee yaada. Kunimoo rakkoo kabaja dhowwachuuti, na aarsa'' jedheera.

Kilabootni gariin garee biyyaalessaa waliin mariyachuun taphattoota tursiisuuf yaalus jedheera.

Fakkeenyaf morkii Piriimiyeer Liigii Ingiliz torbee 16ffaan galgala kana Maanchister Yunaayitiid Boornimaaz waliin morkata. Sababa kanaatti jifataan Kaameruun Mbuumoo, lammiin Ayivoorii Koost Amaad Diyaaloo fi kan Morokoo Nuusaar Maaziraawii sa'aatii 24f barfatanii gareesaaniitti makamu.

Eenyufaatu waancaaf eegama?

Keessummeessituun dorgommii kanaa Morokoon waancaa kana tilmaama olaanaa argatteetti.

Morokoon taphoota idila addunyaa gaggeessite walitti aanu 18 irratti hin injifatamne. Kunis riikarii adunyaati.

Morkii ji'oota 20f goote keessatti goolii 50 galchitee kan itti gale garuu afur qofa.

Shaampiyoonaan bara 2021 Senegaal biyya biraa waancaaf abdatamtudha. Gareen kun ji'a darbe tapha michoomaan Biraaziiliin mo'amus itti aanee garuu Keeniyaa 8-0n injifateera.

Aljeeriyaa, Masrii fi Ayivoorii Koost hunduu gulaallii waancaa Addunyaarratti hin injifatamne.

DR Koongoonis haalli itti gara dogommii kanaa itti dhufte tilmaama akka argattu ishee godha. Kameruuniifi Naayijeeriyaa injifatteetti.

Ammoo wanti dagatamuu hin qabne dorgoommii Waancaa Afrikaa saddeet darban irratti kan injiftae biyyoota adda addaa torbadha. Kuni gareen hin eegamne injifachuu akka malu akeeka.