Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pirezidaantiin kilaba Turkii daanyaa dirree galuun buunyaan dhahe hidhaan adabame
Pirezidaantiin Kilaba Kubba Miilaa Turkii, Ankaragujuu jedhamuu daanyaa dirree galuun abootattee waan dhaheef hidhan irratti murtaa'e.
Kilbani isaa ammoo murtoo kana mormaa jira.
Manni murtii Tarkii magaalaa Ankaaraa jiru pirezidaantii duraanii kilaba kubbaa miilaa kana hidhaa waggaa sadiifi ji'a torbaan adabeera.
''Tahe jedhee murteessaa rukutuun madeesseera'' jechuun hidhaa irratti mure.
Nama umuriin isaa waggaa 60 ta'e Kookaa'n dabalataan seera ispoortii cabsuun hookkara kakaasee, akkasumas doorsisaa ture jechuun hirmaannaa ispoortii kamirraayyuu waggaa tokkoof dhorkameera.
Kookaan tapha kilebni isaa Ankaragujuu qixa 1-1 kileba Rizespor jedhamu waliin xumure irratti daanyaa Haliil Umut jedhamu buunyaadhaan rukkute.
Taateen kun Mudde bara 2023 raawwate. Pirazidatiin kilabichaa kun daanyicha rukkutuun boolla ijaasaa cabseera.
Daanyaan Umut Haliil Meler jedhamu kun yeroo kufu achittis namoonni sadii haleelaniiru.
Murtee darbeen booda hogganaan kilaba Ankaraajucuu, Ismaa'il Mertii Firaat, ''murtee darbe ija gaarii ilaaluu hin dandeenyu,'' jedhan.
''Yakki hamaan hojjetame gara biraa hin jiru,'' kan jedhe hogganichi, manni-murtii waca uummataa ilaaluun murtee dabarse jechuun morme.
Itti dabaluun, Kookaan pirezidaantii kileba keenyaa tahuun turtii waggoota sadii keessatti hojii hojjeteef hedduu galateeffanna, yeroo kanas isa cina dhaabbanna jedhan.
Aangoo isaa gadhiisee uummatas dhiifama waan gaafateef adabbiin irratti darbe gocha isaa kan madaalu mitit, ni guddate jedhe.
Federeeshiniin Kubba Miilaa Turkii taatee sana hordofee, tapha kubba miilaa kamiyyuu biyyattii keessatti gaggeeffamu torbee tokkoof erga dhorkee booda nama yakka kana raawwate, Kookaa ammoo hirmaannaa ispoortii kamirraayyuu dhaabbiidhaan dhorkeera.
Dabalataan kilabni Ankaragucuus Liiraa miliyoona lama [£54,000] adabameera. Akkasumas taphoota shan deeggartoota isaa malee akka akka taphatu murteesse.
Namoonni sadii biroo yakka kana keessatti hirmaachuun himataman dhorkaa hirmaannaa ispoortii ji'oota 15 hanga waggaa shanii tahuun adabamaniiru.
Arfan isaanii murtoo isaanirratti darbe kanaaf ol iyyata fudhachuu danda'u. Kookaan hanga manni murtii olaanaa ol iyyata ilaalee murtoo dhumaa dabarsutti mana hidhaa hin galu.