Ministirri Jaappaan waa'ee ruuzii qoosan attamiin aangoo gadhiisuuf dirqaman?

Madda suuraa, Reuters
Ministirri Qonnaa Jaappaan ruuzii bitee hin beeku, sababiinsaas deeggartoonni koo kennaa ''baayyee'' naa kennu wayita jechuun dubbataniitti namootan kofalchiisa jedhanii yaadanii ture.
Fallaa kanaa aanga'aa Taakuu Itoo dheekkamsatu mudate. Kanaan wal qabatees aangoosaanii fedhiin akka gadhiisaniif sababa ta'e.
Jaappaan waggoota kudhan keessatti yeroo jalqabaatiif qaala'insi jireenyaa mudateera. Kunis nyaataa ummatichaa jaalatamaa ruuzii irratti dhiibbaa taasiseera.
Gatiin ruuzii waggaa keessatti dachaadhaa oliin dabale.
Ministirri kunis haasaa qophii galii waliitti qabuu tokko irratti taasisaniif dhiifama gaafataniiru. Haata'u malee, paartileen mormituu sagalee isa dhabsiifna jechuun waan dorsiisaniif ofiin aangoo gadhiisan.
Miseensi kaabiine kun aangoo gadhiisuun mootummaa ministira mummee Sheegeeruu Ishaabaa deeggarsi ummataasaa gadi bu'aa dhufeef kisaaraadha.
Jaapaaniitti ruuziin meeshaa humna qabuudha. Kanaan duras hir'inni ruuzii biyyattii keessatti mudate tasgabbii dhabiinsa siyaasaa kaasee ture. Bara 1918tti qaala'insii gatii ruuzii mootummaa kuffiiseera.
Kanaafuu qaala'insii gatii ruuzii sadarkaa deeggarsa ummataa mootummaa MM Ishibaa gadi bu'eef gahee qabaachuu baruun nama hin rakkiisu.
''Namoonni siyaasaa gara gabaa imaluudhaan waan asibeezaa hin bitanneef hin hubatan'' jechuun BBCtti himte dubartiin umuriin waggaa 31 Miimorii Hiiguchii.
Haadha mucaa baatii torbaa kan taate Hiiguchiin, nyaanni gaarii deessuudhaaf murteessaa ta'u kaasuun, mucaashee dhiheenyatti nyaata eegaltuuf yaaddoo akka qabdu dubbatti.
''Akka soorata gaarii nyaattuun barbaada. Kanaafuu gatiin nyaataa qaala'aa yoo adeeme aniifi abbaan warraa koo hangi ruuzii soorannuu hir'isuu qabna'' jetti.
Ogeessi diingadee Yunivarsitii Qonnaa Ibaaraakii, Kuuniiyoo Niishaakaawaa, dogongorri gatii baasisee dhimma dhiyeessitiifi fedhiin wal madaaluu dhabuuti jedhu.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ogeessichi rakkoo dogongora tilmaama mootummaatiin mudateedha jechuun amanu.
Hanga bara 1995tti mootummaan waldaalee gamtaa qonnaa waliin walitti dhiheenyaa hojjachuudhaan hanga ruuzii qonnaan bultootaan oomishamuu ni to'ata ture.
Seerichi bara kana wayita haqameetti qonnaan bultoonni ruuzii fedhiin ol akka hin oomishne jechuun ministeerri qonnaa tilmaama fedhii ifa gochuu itti fufe.
Haata'u malee, Pirofesar Nishaakaawaan akka jedhaniitti, raagaa fedhii bara 2023 fi 2024n dogongorri umameera. Fedhiin toonii miiliyoona 6.8 akka ta'e tilmaamamee kan ture yoo ta'u, fedhii sirriin garuu miiliyoona 7.05 ture jedhu.
Turisitoota Jaapaan dowwachuuf dhaqanii fi weerara kooviidiin booda namoonni manaan ala nyaataa sooratan waan dabaleef fedhiin ruuzii dabaleera.
Qonaan butoonni ammoo ruuzii oomishuun bu'aa qabeessummaansaa dhumateefiira jechaa jiru.
Mootummaan qonnaan bultoota ruuziin ala oomishaalee biraa omshaniif maallaqa onnachiiftuu taasisuuf erga dhaabee waggoonni lakkaa'amaniiru.
Omisha addunyaa keessaa parsantaa 30 kan haguugu omishin kibba baha Eshiyaa gatiinsaa gadi bu'aa jira. Rakkooleen diingadee, siyaasaa fi dhiibbaan jijjirama qilleensaa waggoota darbani hir'ina ruuzii hordofsiiseera.
Jaapaan dhimmichi baayyee yaaddeessaa ta'usaatti waggaa 25 booda yeroo jalqabaatiif Kooriyaa Kibbaa irraa ruuzii galchuuf dirqamtee jirti. Fayyadamtoonni garuu ruuzii biyya keessaa caalaa filtu.
MM Ishiibaan wayita waliigaltee daldalaa Waashingitan waliin itti fufaniitti mootummaasaanii oomisha ruuzii Ameerikaarraa akka galchu eeruu kennanii ture.
Haata'u malee, namoonni bitatan kan akka Hiiguchii ruuzii biyya keessaa hin taane bitachuuf fedhii gudda hin qaban.
Sababii hir'ina ruuzii biyya keessatti mudatee akka hin cimneef suuqiiwwan hedduun maamltoonni dhuunfaan ykn maatiidhaan saamsaa ruuzii tokko qofaa akka bitataniif gaafataa jiru.












