Israa'el karaa gargaarsi Gaazaa seenu haaraan bana jette

Israa’el karaa deeggarsi namoomaa Gaazaa seenu lama akka banamu eeyyamuu beeksiste.

Israa'el ulaa gargaarsaa kana banuun kan barbaachiseef gargaarsi baay’inaan Gaazaa akka seenuuf jette.

Erga waraanni Gaazaa eegalee asitti yeroo jalqabaatiif ulaan Erez, kaaba Gaazaatti argamu yeroo murtaa’ef deebi’ee banamuuf jira.

Akkasuma buufanni doonii Ashidood gargaarsa namoomaa dhiyeessuuf banamuuf jira.

Jordaanirraan deeggarsi namoomaa dabalataan karaa ulaa Kerem Shaalom Gaazaa seenuuf jira.

Oduun kun kan dhagahame Joo Baayideen erga hojjattoonni gargaarsa torba ajjeefamanii yeroo jalqabaatif MM Israaa’el Beenjamiin Netaniyaahuun wajjin bilbilaan haasa’uu hordofeeti.

Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayiden wayita Netaniyaahuu waliin haasa’an, Israa’el tumsi Ameerikaa akka ittifufu yoo barbaadde miidhaa namoota nagaarra qaqqabu hambisuuf tarkaanfii fudhachuu qabdi jedhan.

Kooridaroonni gargaarsi namooma Gaazaa ittiin seenu deebi’anii akka banaman Baayiden addatti gaafachuu isaanii barameera.

Baaayiden mootummaan Israa’el tarkaanfii qabatamaatti miidhaa namoota nagaarra qaqqabu hambisuu fi nageenya hojjattoota gargaarsa kennan eeguu akka fudhattu yeroo xumuraaf akeekkachiisan.

Yoo kun hin taane garuu imaammanni Ameerikaan dhimma Gaazaarrratti hordoftu akka geeddaramu mootummaa Israa'elitti himan.

Hojjattoonni jaarmiyaa gargaarsaa World Central Kitchen'f (WCK) hojjatan torba Wiixata darbe haleellaa Israa’eliin ajjeefaman.

Konkolaattoonni WCK qilleensarraa kan haleelaman ulaa gargaarsaa qarqara qaama galaanaatti banteerraan gara Kibba Gaazaatti otoo imalanii ture.

Konkolaanni gargaarsa sanarra haleellaan kan qaqqabe deeggarsa nyaataa mana kuusaa Dehir al- Balaah irra erga fe’anii booda ture.

Konkolaattoonni gargaarsa sun km 2.5tti dhiyaatu addaan fagaatanii imalaa kan turan yoo ta’u, konkolaattoommi sadanuu haleelamaniiru.

Waraanni Israa'el haleellaa kanaaf dhiifama gaafachuun, dogoggora hamaatu mudate jedhe. Dabaluunis qorannoon guutuu akka gaggeeffamus waadaa seene.

Manni Maree Nageenya Biyyaleessaa Ameerikaa, Israa’el ulaa gargaarsaa banuun tarkaanfii gaariii ta’uu ibsuun simateera.

"Guutummaan guutuutti amma saffisaan hojiirra ooluu qaba’’ jedhe.

Imaammanni Ameerikaan dhimma Gaazaarratti qabdu tarkaanfii Israa’el "Namoota nagaa fi hojjattoota gargaarsaa eegurratti fudhatturratti hundaa’a’’ jedhan.

Kamisa darbe kana Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antonii Bilinken yoo Israa’el jijjirama hin mul’isne, jijjiramni imaammataa jira jedhaniiru.