Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Israa'el uummata Gaazaa beelessuu akka meeshaa waraanaatti fayyadamaa jirti- EU
Daa'imman kunneen mooraa Raafaa keessatti maatii waliin jiraatu, wayita namoonni soomaa oolan waa afaaniin qaban waliin qooddatu.
Dhaabbati Fayyaa Addunyaa daa'imman Gaazaa beelaan dhumaa jiru jechuun yaaddoosaa ibseera.
Gamtaan Awurooppaa ammoo Gaazaa keessatti uummata beelessuun akka meeshaa waraanaatti hojiirra oolaa jira jedhe.
Qondaalli Imaammata alaa Gamtaa Awurooppaa Joosef Boorel deeggarsi namoomaa Gaazaa seenuu dadhabuun ''balaa harka namaan uumameedha,'' jedhan.
Dooniin Ispeen soorata akkaan barbaadamu fe'attee Cyprus irraa kaateetti, garuu akka UN jedhutti kun qofti dhiyeessii karaa lafoo taasifamaa ture bakka hin bu'u.
Gidduuma kanaan ammoo Ministirri Muummee Israa'el Beenjamiin Neetanayaahuu oppireeshinii Kibba Gaazaa akka cimsan ibsaniiru.
Silaa karaa saffisaan haala salphaan deeggarsa namoomaa uummata Gaazaaf qaqqabsiisuun danda'amu lafoodhaan ture, dhaabbileen gargaarsaa akka jedhanitti garuu dhorkaan Israa'el gargaarsa kana adda kuteera.
Sababa kanaatti qaamoleen gargaarsa namoomaa dhiheessan karaa doonii fi xiyyaaraan akka ta'u filatan.
Israa'el gargaarsa namoomaa Gaazaa qaqqabuu dhabe jedhamuuf qeeqa irratti ka'u hin fudhanne, karaa kibbaatiin gargaarsi akka seenu eeyyameera jette.
Aab Boorel garuu wayita kora Mana Maree Nageenyaa UN Kibxata kaleessaa (Bitootessa 12, 2024) taa'amerratti dubbatan, rakkoon gargaarsa namoomaa kan mudate daandiin lafoo waan dhorkameefi jedhan.
Uummanni gidiraa keessatti kan kuffisaa jiru rakkoo harka namaan mudateedha kan jedhan qondaalli kun, ''karaan lafoo waan cufameef dirqamnee karaa xiyyaaraa fi galaanarraan gargaarsa erguutti seenne,'' jedhan.
''Namoota beelessuun akka meeshaa waraanaatti hojiirra oolaa jira. Gochi akkanaa Yukireen keessatti wayita raawwatu balaaleffataa turre, waan Gaazaa keessatti ta'aa jirus jechuma walfakkaataadhaan balaaleffachuu qabna.''
Qondaalli imaammata alaa EU kun wayita UN yoo xiqqaate namoonni kuma 576 Gaazaa keessatti beelaan dhumuuf qarqara irra ga'aniiru jechuun yaaddoosaa ibsetti yaada kana kennan.
Ministeerri Fayyaa Gaazaa yoo xiqqaate torbee lamaan darban keessa namoonni 27 beelaan dhumuu hime. Irra caalaan daa'imman.
Israa'el gargaarsi namoomaa qilleensarraa fi galaanarraan ta'uutti waliigalteetti, garuu wayita gargaarsi namoota bira qaqqabutti waraanashee akka itti fuftu ibsiteetti.
Ministirri Muummee biyyattii Beenjamiin Neetanayaahuu Kibxata kaleessaa duulli waraanaa Kibba Gaazaa iddoo daangaa Masriitti dhihaattee argatu- Raafaa keessatti cimee itti fufa jedhanii ture.
Ministirri Dhimma alaa UK Loord Kaameeruun gamasaan Israa'el buufata Asdod banuu akka qabdu akeekkachiisan.
Buufata kun kibba magaalaa Teel Aviivitti kan argamuu fi ulaa ittiin gargaarsi Gaazaaf galu yoo ta'u, buufataalee murteessoo ta'an sadan keessaa isa ijoodha.
Erga Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 Kibba Israa'elitti haleellaa raawwachuun namoota 1,200 ajjeesuun 253 butee fudhatee as haleellaa Israa'el gaggeessaa jirtuun lammiileen Filisxeem 31,180 caalan ajjeefamaniiru.