Mootota haaraa: Kan bara 2023 dhiisnee, Ballon d'Or bara 2024'f eenyufaatu morkata?

Kubbaa miilaa dhiirotaa keessatti waggoota 15 booda moototni haaraan dhufaa jiru.

Waggoota 15 darban Kiristiyaanoo Ronaaldoo fi Liyooneel Mesiin badhaasa isa olaanaa taphattoota Kubbaa miilaaf kennamu, Ballon d'Or olaantummaan to'atanii ture.

Amma gara dhumaa bara kubbaa miilaa isaaniitti Ronaaldoon gara Sa'udii Arabiyaa, Mesiin ammoo gara US godaananiiru.

Injifataan bara 2022 Kariim Benzemaanis faana Ronaldoo qabatee gara Sa'udii deemeera.

Baroota 15 darban badhaasicha kan injifatan keessaa kan ammallee Awurooppaa keessa jiru taphataa sarara gidduu Kirooshiyaa Lukaa Moodriichi.

Bara dhuftu Riyaal Maadriid turuuf waliigalteerra gahus, umriin isaa 37 gaheera, dorgomaa kubbaa miilaa jabaa yeroon itti ta'u darbaa jira.

Ballon d'Or bara 2023 kana waancaa addunyaa biyya isaa Arjentiinaa waliin kan injifate Liyooneel Mesiin ni injifata tilmaamni jedhu guddaadha.

Bara 2024 kaaseewoo eenyufaatu booree Ronaaldoo fi Mesii kubbaa miilaa dhiirotaa keessatti fudhata?

BBC Sport gaaffii kanaaf deebii soqeera. Haalaand, Beeliingihaam, Vinishiyees, Imbaappee...

Juud Beelingihaam(Riyaal Maadriid)

Waancaa addunyaa bara darbee Kataar irratti dargaggeeyyii gahuumsa olaanaa agarsiisaan keessaa tokko Juud Beelingihaami.

Jijjiirraa isaa Doortimuund irraa gara Riyaal Maadriid yoo illaallu ammoo taphataan kun seenaa kubbaa miilaa keessatti taphataa gatii qaalii isa sadaffaa ta'eera.

Ingiliz keessatti ammoo taphataa gatii qaalii isa lammataadha. Maadriid kan isaa gochuuf yuuroo miiliyoona 103 baase.

Maadriid dhufuu dura kilaba isaa Bundesliigaa keessa jiru Doortimuundiin waggaa 11 boodallee liigicha akka injifatu gochuu dadhabu, gahumsi isaa hanga guyyaa dhumaa dorgommichaa shaampiyoonaa murteessutti mul'ate baayyee gaariidha.

Taphataan kun bara darbe osoo dargaggeessa ganna 19 ta'ee jiruu dursaa taphattootaa ta'uun seenaa haaraa dalage.

Beeliingihaam bara 2020'tti kilaba ingiliiz Barmiingihaam Siitii irraa gara Doortimuund kan imale paawundii miiliyoona 25'n ture.

Bara dorgommii 2022-23 tapha 42 irratti hiriiree goolii 14 lakkoofsisee, kubbaa gooliif ta'an torba ammoo mijeessee kenneera.

Kilaboota Awurooppaa gurguddoo isa fudhachuuf fedhiin guddaa kan ture ta'us shaampiyoonaa yeroo 14 Riyaal Maadriid filateera.

Ispeenitti gahumsa isaa jabeessee urjii ta'a tilmaamni jedhu jira.

Erliing Haalaand(Maanchistar Siitii)

Bara tokkotti taphataa cimaa Piriimiyeer Liigii fi dargaggeessa cimaa Piriimiyeer Liigii kan injifate jifataan Noorway Haalaand, hedduu biratti nama booree Meesii, Ronaaldoofi kaanii fudhatu jedhamaa jira.

Baruma jalqabaa gara Piriimiyeer Liigii dhufetti riikardiiwwan kan caccabse Haalaand, goolii 36 lakkoofsisee riikardii bara 30 ta'uuf Alan Shirariifi Andii Kooliin qabamee ture(34) fooyyesseera.

Dargaggeessi ganna 22 kun bara kana taphoota 53 irratti taphatee goolii 52 galchuun xumure. Kanaanis seenaa Piriimiyeer Liigii Ingiliz keessatti nama lammaffaa ta'eera.

Umrii isaa 22'tti biyyaafii kilabaaf walumatti golii 229 kan lakkoofsise Haalaand, akka ammaatti itti fufa taanaan riikardii Kiristiyaanoo Ronaaldoo kan 837 irra jiru ni cabsa jedhamee abdatama.

Viniishiyees Juuniyeer(Riyaal Maadriid)

Bitootessa darbe tapha Chaampiyoonsi Liigii mo'anii darbuu kilabootni 16 walfalman irratti Riyaal Maadriid Liivapuuliin adabee gaafa darbu leenjisaa Anchelootii Viniishiyees Juuniyeeriin ''Addunyaa guutuutti taphataa murteessa itti fufiinsaan hiree taphaa nama murteessu'' jechuun saadan.

Bara dorgommii 2021-2022 saffisa isaa fi oogummaa kubbaa miliqsuun Maanchister Siitii rifaasisaa kan bahe taphataan lammii Biraaziil tapha xumuraa irratti Liivarpuul irratti lakkoofsiseera.

Bara dorgommii 2022-23 goolii 23 lakkoofsisee, 21 ammoo mijiissee kenneera. Kunis liigiiwwan Awurooppaa jajjaboo keessatti taphataa isa sadaffaa gumaata goolii qabu isa taasisa. Halaandiifi Imbaappee qofatu isa caala.

Ispeen keessatti taphataan cimaan kun arrabsoo jibba sanyummaan irra deddeebiin miidhameera.

Kiiliyaan Imbaappee(PSG)

Jifataan lammii Faransaay kun bara 2017 Monaakoo irraa PSG erga galee taphoota 260 irratti hiriiree goolii 212 lakkoofsiseera. Kubbaa goolii ta'an 98 ammoo waahillan isaaf dabarseera. Kilaba abbaan qabeenyaa isaa warra Kaataar ta'e PSG waliin waancaawwan biyya keessaa 13 injifateera.

Imbaappeen waancaa addunyaa bara 2018 biyyi isaa Faransaay injifatte keessatti gaheen isaa olaanaa ture. Biyyasaa Faransaayiif yeroo 88 hiriiree goolii 38 galcheera. Seenaa kubbaa miilaa Faransaay keessatti dargaggoon kun goolii lakkoofsiseen sadarkaa shanaffaarra jira. Kan riikardii goolii hedduu harkaa qabu Oliiviyee Jiiruu goolii 15'n Imbaappee caala.

Imbaappeen walitti aansee waancaa addunyaa lama nyaachuurraa kan danqame garee Liiyooneel Mesiin onnachiisee Arjentiinaadhaani.

Tapha xumuraa Waancaa Addunyaa Kaataar irratti Imbaappeen haatriikii hojjeteera. Kunis erga bara 1966 isa jalqabaati.

Imbaappeen tibba kana bara 2024 achitti kontiraata isaa PSG waliin akka hin dheeressine ibseera. Kilabootni hedduunis jifataa collee kana hawwaa jiru.

Neeymaar(PSG)

Ganna 31'tti taphataan lammii Biraaziil Neeymaar hirmaannaan inni gooliif godhe salphaatti kan ilaalamu miti. Ji'oota sadeen darban miidhama irra gaheen taphaa ala kan ture Neeymaar gooliiwwan 35 kilabni isaa lakkoofsise keessatti gahee qaba.

Sadaasa darbe tapha waancaa addunyaa irratti Neeymaar goolii Kirooshiyaa irratti lakkoofsisuu booda Biraaziiliif goolii 77'ffaa isaa lakkoofsisuun riikardii Peelee qooddateera.

Dhimmi waayee yeroo ta'a malee riikardii Peelee harka galfachuun isaa hin oolu jedhamee tilmaamama.