Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Yukireen qamadii alatti akka ergituuf waliigalteen baatii lamaaf dheereffame
Waliigalteen Yukireen karaa Galaana Gurraachaatiin qamadii toonii miliyoona heddu akka biyya biraatti ergituuf hayyamu baatiiwwan laman dhufaniif dheereeffame.
Waliigalticha Raashiyaan baatii lamaan dhufaniif akka dheeressituuf kan jaarsummaan gargaaran ammo Mootummaa Gamtoomee fi Tarkiidha.
Waliigalteen kunis kan dheereffame waliigalteen kana dura taasifamee ture dhumuudhaaf guyyaan tokkoo wayita hafuutti ture.
Haala waraana amma gaggeeffamaa jiru xiyyeeffannoo keessa galchuunis tarii Raashiyaan waliigalticha dheeresuuf diduu dandeessi jechuun hedduu yaaddeessee ture.
Erga waraanni Raashiyaafi Yukireen jidduutti mudatee kaasee biyyoota Afriikaa baayyinaan qamadii Yukireen irraa galfatan addunyaarratti hanqinni nyaataa mudachuutu himame.
Yukeen qamadiifi gosawwan nyaata kaan karaa Galaana Gurraachaatiin akka ergituuf waliigalteen kan taasifameefis sababiidhuma kanaaf ture.
Bara darbe baatii Adooleessaa keessa waliigalteen erga mallattaa’een booda, irra deddeebiin haarofmeera.
Raashiyaan Yukireen oomisha qamadiifi nyaatawwan kaan akka gara biyyoota biraatti ergituuf waliigaltee haa mallatteessitu malee, biyyoonni lixaa damee qonna Raashiyaa irratti qoqqobbii kaa’usaanii irra dedeebiin qeeqaa turte.
Sababii kanaanis waliigalte kana tole jettee haaromsuu diduu dandeessi ta’a jedhamuun yaaddoo uumee ture.
Yukireen addunyaarratti biyyoota omisha qamadiin beekaman keessayi.
Waliigaltichaan dura Yukireen sababii waraanaatiin oomisha miidhaan ishee karaa galaana Gurraachaatiin ergu hin dandeenye turte.
Pirezidantiin Tarkii Rasippi Taayiip Erdoogaan ‘‘yaalii biyya keenyaa, deeggarsa michoota keenyaa, Raashiyaa akkasumas gargaarsa hiriyyoota keenya Yikureenootaatiin waliigalteen qamadii karaa Galaana Gurraachaatiin ergu dabalataan baatiiwwan lamaaf dheerreffameera,’’ jedhan.
Haaluma waliigaltee kanaatinis Yukireen qamadii toonii miiliyoona 30 alatti ergite jirti.
Oomishi qamadi kunis irra caala kan ergam ugara biyyoota guddataniitti yoo ta’u, gaheen biyyoota guddinarratti argaman bira qaqabu baayyee gadaanaadha.
Raashiyaan miidhaafi xaa’oo baayyinaan alatti erguuf fedhii qabaattuulleen sababii qoqqobbii irra kaa’ameetiin akka raawwachu hin dandeenye ibsiti.
Mootummoota Gamtoomaniitti Ambaasaadarri Raashiyaa Vaasiilii Neebeenziyaa, ‘‘Ammalleen rakkooleen keenya ni furamu jenneeti abdanna,’’ jedhan.
Baatii Onkolooleessaa darbe keessa ammo Raashiyaan yeroo muraasaaf waliigalticha irraa qoolleeffate turte. Kanaafis Yukireen Kiremiyaa irratti haleellaa raawwachuusheetiif jechuun sababa dhiyeessite turte.