Hanna saayibarii waggaa 13tti jalqaberraa kaasee dargaggeessa yakka guddaan Awurooppaatti barbaadamu

Awurooppaa keessatti yakkaamtoota akkaan barbaadamaa turan keessaa tokko kan ta’ee fi yakka saayiberiin beekamu ragaalee dhukkubsattoota kuma 33 hataman fayyadamuun yakka waliin dhahuu raawwatee hidhaan dabame.

Hidhamuun Juuliyes Kivimak yakka saamichaa waggoota 11f fulla’etti adaba godheera.

Namni kun yeroo umriin isaa ganna 13 ture saamtota gurguddoo keessatti sochii taasisuun beekamtii argatee kan turedha.

Tiinaan akkuma barte saawunaa Fiinlaand fudhaattee yeroo aara galfiirra jirtutti ture ergaan karaa bilbilashii kan ishee dhaqabe.

Ergaan kun qabiyyee maqaashee, lakkoofsa miidiyaalee hawaasummaa irratti fayyadamtuufi qabiyyeewwan dhuunfaashee tahan kaan qabu iimeeliidhaan ishee qaqqaabe.

“Jalqabarratti akkasumattin raajamee ture. ‘ Kabajamtuu Aadde Paark’ jechuun kan eegale iimeeliin kun ragaalee kana wiirtuu saayikooteeraappii itti yaalamaa turterraa akka argate eera.

Qaamni ergaa iimeelii barreessu kun kallattiidhaan isheetti dubbachuuf kan dirqame wiirtuun yaalaa sun hatamuu ragaalee dhuunfaa kana salphisee waan ilaaleef akka ta’es hima.

Waggoota lamaaf ragaaleen dhuunfaa wiirtuu yaalaa kana harka turan amma nama eenyummaansaa hin beekamne harka seeneera.

Sa’aatii 24 keessatti maallaqaa yoo hin kaffalle ragaalee dhuunfaa kana interneetii irratti akka gadhiisus akeekkachiise.

“Kun miira baayyee nama jeequ. Namni iccitiiwwan dhuunfaa kiyya weeraree ragaalee mana yaalaa kiyya fayyadamee maallaqa argachuuf akka yaalaa jirutu natti dhagahame,” jetti.

Ta’us kun kan muudate Tiinaa qofaa akka hin taane saffisaan ture kan hubatte. Ragaaleen dhukkubsattoota kuma 33 saamameera. Kumaatamaan kan lakkaa'aman ammoo maallaqa akka kaffalan gaafatamaniiru.

Kunis seenaa yakkaa biyya Fiinlaand keessatti yakka namootni hedduun keessatti miidhaman isa guddaadha.

Wiirtuu saayikooteeraappii Vastamoo keessaa kan hatame iccitiin dhukkubsattootaa kun, kan daa’immanii dabalatee ragaalee iccitii tahan hedduu qaba.

Icitiiwwan hariiroowwan [qunnamtii saalaa] gaa’elaan alatti raawwatamanii hanga ragaalee yakkaa addaa addaatti kan hammatedha.

Haleellaa kanarratti qorannoo kan gaggeesse dhaabbata nageenya saayibarii biyya Fiinlaanditti miiltoo hojii kan ta’e Witseekuyer, taateen kun biyyattiitti waan hedduu rifaasisaafi ijoo dubbii ta’edha jedha.

“Sadarkaa kanatti haleellaan yoo raawwatamu Finlaandiif balaadha. Namni hundi yoo xiqqaate nama balaan kun irra gahe nama tokko ni beeka,” jedha.

Kun hundi kan ta’e bara 2020 yeroo sababa Koronaavaayirasiitiin sochiin daangeffametti ture. Addunyaa saayiberiittis rifaatuu guddaa uume.

Abukaatoo Jeenii Raayiseekiyoo miidhamtoota keessaa namoota 2,600 bakka bu’uun falmiti.

Iccitiin dhukkubsattootaa intarneetii irratti gadhiifamnaan namootni of ajjeesanillee akka jiran mana murtiitti himte. Mana murti keessatti namoota kanaaf yaadannoon sammuu daqiiqaa tokkoo akka godhamuufis gaafatte.

Waliin dhahaan kun interneetii irratti maqaa dhoksaatiin beekama. Miidhamtoonni sa’aatii 24 keessatti Yuuroo 200 akka kaffalanis gaafata.

Guyyaan jedhame yoo darbe gara Yuuroo 500 ol guddisa. Kana yoo darbe interneetii irratti gadhiisa.

Namoonni 20 ta’an ammoo barfachuu isaanii osoo hin hubatin kaffaltii raawwatan. Garuu yeroo sanatti inni odeeffannoo isaanii qaata intarneetii irratti maxxanseera.

Iccitiiwwan miidhamtootaa waliin dhahaan kun maxxanse hanga ammaattuu interneetiirra jiru.

Miikoo fi hiriyoonni isaa waliin dhahaa kana faana bu’uun odeeffannoodhaan poolisii gargaaruuf yaalaa turan. Saamaan kun Fiinlaand keessaa akka ta’uu danda’us odeeffannonon argamuu jalqabe.

Seenaa biyyattii keessatti gareen qorataa poolisii isa guddaadha jedhame hundaa’uun kallattiisaa gara dargaggeessa Fiinlaand kanatti akeekkate.

Hirmaannaa yakkaa Zekil

Maqaa Zekil jedhuun kan of waamu namni umrii kudhanoota keessa ta’eefi saamaan iccitiiwwaanii kun Kivimaki jedhamuun beekama. Nama of eeggaannoo gochuun hagas beekamu miti.

Yeroo ganna kudhanootaa keessa ture saamicha Saayiberiifi waliin dhahuu irratti hamma danda’u daadhachaa ture.

Bara 2010 ammoo garee saamtotaa ol guddatoo si’aa’ina qabu tokko keessatti miseensa ta’e. Garee saamtotaa ‘Lizard Squad’ fi ‘Hack the Planet’ keessatti hirmaachuunis beekama.

Haala namaaf hin galleen garuu osoo hin hidhamin hafe. Kivimak fi miiltoowwan isaa biyyoota biroos xiyyeeffannoo saamicha isaanii keessa akka galchantu himama.

Akkuma hiriyootasaa umrii saafeelaatti poolisini akka barbaade ta’uurraa akka isa dhaaban waan heeyyame hin fakkaatu.

Hidhamee adabbiin irratti darbuu isaatiin duras gareen saamtotaa dargaggootaanillee kan hin raawwanne haaleellaa cimaa raawwateera.

Inniifi Lizard Isku'ad jala bultii ayyaana Qilleefi gaafa Qillee, appiiwwan taphaa gurguddoo lama qiyyaafannaa isaanii keessa galchan.

Playstation fi Xboxes sababa teeknikaatiin hojii dhaaban. Namootni miliyoona kudhaniin lakkaa'aman taphoota kana buusuu, tapha haaraa galmaa’uufi karaa interneetii hiriyoota isaanii faana taphachuu akka hin dandeenye ta’e.

Kivimakiin hojiin isaanii kun qalbii miidiyaalee addunyaa harkisuu isaa wana hubateef Sky News irratti gaaffiifi deebii gochuuf hayyamamaa ta’e. Garuu waa’ee haleellaa sanaa miira gaabbii tokkolleen hin mul’isne.

Hiriyaan zakil Lizard biraan gaaffiifi deebii BBC waliin taasise irratti, Kivimakin dorgomtootasaa haaloo bahuufi dandeettiisaa agarsiisuuf kan dhama’u nama haaloo qabatu akka ta’e hime.

“Waan godhu irratti baayyee cimaadha. Miidhaa booda geessisurratti homaa dantaa hin qabu. Yeroo hundumaa warra kaan caalee haleellaa raawwatee argamuu barbaada,” jedhe.

“Akka isarratti xiyyeeffatamee jiru beekuun osoo isa hin jeeqne doorsisa boombii raawwata. Sagaleesaa osoo hin jijjiirre bilbila bilbila,” jedha Rayan.

Kivimakin murtiidhaan booda saamichawwan xixxiqqaadhaan maqaansaa ka’uun alatti hanna haleellaa Kavastamootti waggootaaf maqaansaa dhokatee ture.

Akeekkachiisni diimaan baheera

Interpool akeekkachiisa diimaa akka baasuuf poolisiin Fiinlaand ragaalee walitti qabachuuf waggoota lama itti fudhate.

Awurooppaa keessatti yakkamaa akkaan barbaadamu ta’uuf gahe. Dargaggeessi amma gana 25 kun eessa akka jiru namuu hin beeku ture.

Ji’a Amajjii darbe poolisoonni Paaris mana keessatti waldhabdeen uumamuu ergaan bilbilaa erga isaan gahee yeroo achi gahanitti Kivimakiin maqaa sobaafi ragaalee waliin dhahaa fayyadamuun akka achi jiraatu bira gahan.

Saffisaan gara Finlaand dabarfamee kenname. Achittis poolisoonni biyyattii keessatti himata isa olaanaadha jedhamu qindeeffachuu eegalan.

Ogeessi seeraa Markoo Lepones waggoota sadan darban hojii kana dursaa turuufi jireenya isaa keessatti hojii guddaa akka ta’e hima.

“Yeroo tokko dhimma kanarratti poolisoota 200 caalantu irratti hojjechaa ture. Ragaalee miidhamtoota hedduu qorachuufi sakatta’uun hojii cimaa ture,” jedha.

Adeemsi mana murti Kivimakii gaazexeessitoota biyyattiifi miidiyaalee addunyaaf ajandaa xiyyeeffanaa harkisu ture.

Olmaa mana murtii guyyaa jalqabaa isaarratti haala tasgabbii qabuun nama bilisaa akka ta’eefi gidduutti waan akka qoosaa dubbachaa ture. Ragaaleen isarratti qindaa’an garuu haalan hedduu turan.

Ragaalee hataman kanneen buusuuf lakkoofsi herreegaa Kiivimaak fayyadamuun ragaa ijoo argame keessaa ture. Poolisoonni ammoo ragaalee Kivimakiin interneetii irratti maxxanse duuba harkisaa akka jiru adda baasuuf qorannoo foorensik fayyadaman.

“Ragaalee iccitii namoota dhuunfaa kana interneetii irratti kan maxxansu Kivimak ta’uusaa mirkaneessuu dandeenyeerra,” jedhe poolisiin.

Dhumarrattis Kivimakiin himatawwan irratti dhihaatan hundaan baleessaadha waan jedhameef murtii balleessummaa kennaniiru.

Manni murti miidhamtoota kuma 30 tahan hundaaf Kivimakiin balleessaa fi itti-gaafatamaadha jedhe.

Hanna daataa cimaa, yaalii waliin dhahuu cimaa, ragaalee iccitii dhuunfaa sarban 9,231 yaalii waliin dhahuu 20,745 fi yakka waliin dhahuu cimaa 20’n himatame.

Adabbii olaanaa waggaa torba adabsiisu keessaa hidhaa cimaa waggaa ja’aa fi baatii sadiis itti murameera.

Yeroon murtii dura hidhaa keessatti dabarse irraa hirdhifameefi akka seera biyya Finlaanditti hidhaa itti muraame irraa walakkaa qofaan adabamuu malas jedhameera.

Murtiin kun garuu miidhamtoota akka Tiinaaf tasumaa gahaa miti. “Namootni hedduun karaa hedduun miidhamaniiru. Nama kuma 33 jechuun miidhama baayyeedha. Fayyaan keenya miidhameera,“ jetti.

Isheefi miidhamtoonni biroo miidhaa irra gaheef beenyaan akkaataa gaafatamuu danda’u irratti iyyaafachaa jiru.

Dhaabbanni saayikooteeraappii ragaaleen dhukkubsattootaa jalaa hatame amma hojii dhaabeera. Hundeessaan dhaabbatichaa iccitii maamailootasaa eeguu dhabuun hidhaan itti murameera.

Kivimakiin hamma maallaqaa Bitcoin irraa qabu poolisiif hin ibsine. Ragaalee dijitaalaa Bitcoin ittiin bane akka dagate poolisootaaf ibse.

Miidhamtoonni garuu yeroo akkasitti haleellaan jumlaa namootarra gahu kana seerri biyyattii fooyyaa’uu akka qabu gaafatu.

“Kun Finlaanditti seenaadha. Sababnisaas sirni keenya miidhamtoota hagana gahaniif qophii hin qabdu. Saamichi Vastamoo yakkoota gurguddoo akkanaatiif qophaa’uu akka qabnu akeeke. Kanaaf, jijjiiramni ni jiraata jedheen abdadha,” jetti.