Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US, Gamtaan Awuroppaa, Keeniyaan fi kaan waa'ee waliigaltee mootummaa Itoophiyaafi TPLF irratti maal jedhan?
Battaluma mootummaan Itoophiyaafi TPLF dhukaasa itti fufaa dhaabuuf waligalteerra gahiin ibsameetti, biyyoonniifi dhaabbileen addunyaa ergaa dinqisifannaa dabarsuu eegalan.
Ministerrii Dhimma Alaa US, Antoonii Biliinken mootummaan Itoophiyaa fi TPLF waranaa dhaabuun ummata nagaatiif eegumsa taasisuuf waliigaltee kana mallatteessuu isaanii dinqiisiifataniiru.
Akkasumas Biliinken waliigaltee nagaa kana irra akka gahamuuf gumaacha olaanaa Gamtaan Afrikaafi Afrikaa Kibbaa taasisiif dinqisiifannaa qaban ibsan.
Ameerikaan waggoota darban lamaan keessa waraanni Kaaba Itoophiyaa karaa nagana akka xumuramuuf dhiibbaa gochaa turte kaasuun, ammas biyyisaanii waliigaltee irra gahame akka deeggartu himan.
Komishinerri Komishinii Gamtaa Afrikaa kan mariidha abbummaan hogganaa jiruu, Muusaa Faakii Mahaamat waliigaltee mootummaa Itoophiyaa fi TPLF kana nageenya buusuuf tarkaanfii barbaachisa tahedha jedhan.
Waliigalteen kun fedha guddaa Itoophiyaa dursuun waliigaltee gaggeesitoonni qaamolee lameenii irra gahanidha jedhan.
Gamtaan Awurooppaas waliigaltee waraana dhaabuu mootummaa Itoophiyaa fi TPLF akka deeggaru ibsuun, waliigaltichi hatattamaan hojiitti hiikamuu qaba jedhe.
Gamtichatti Ministerri Dhimma Alaa, Jooseef Booreel fuula Tiwiiterii isaanii irratti dursi kan kennamuu qabu bakkeewan waraanichaan miidhaman hundi deeggarsa namoomaa akka argatan gochuudha jedhan.
Dabalataan naannoo Tigiraay keessatti bu’uuraaleen misoomaa addaan citanii turan akka deebi’an gaafatan.
Erga waraanni naannoo Tigiraay keessaa eegalee tajaajilli qunnamtii, baankii fi kaan dhibuun jiraattotni naannichaa dararaa hamaaf saaxilamaniiru.
Pirezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Saamoyi Ruutoon gamasaanitiin, mootummaan Itoophiyaa fi TPLF waliigaltee waraana dhaabuu irra gahuu isaanii dinqisiifataniiru.
'‘MM Abiy Ahimedii fi hoggantootni TPLF nageenya buussuuf tarkaanfii guddaa fudhataniif nan dinqiisiifadha’’ jedhan.
Dabalataan lammiilee Itoophiyaa hundaaf bara tokkummaa fi araaraan waliin dhaabatan hawwa jedhan.
Murannoo qaamoleen wal waraanan lamaan marii nageenyaa Gamtaa Afrikaan hogganame irratti agarsiisan fedhii nageenyaa fi tasgabbii naannoo keenya keessatti fiduuf barbaannu waliin deema jedhan Ruutoon.
Dabalataan waliigalteen kun Itoophiyaatti nageenya waaraa fiduu fi siyaasa biyyattii tasgabbeessuuf haala mijataa uuma jedhan.
'‘Obboloonni keenya Itoophiyaa carraa kanatti fayyadamuun bara badhaadhinaa fi nageenyaa haaraa biyya isaanii jaalataniif akka fidan dhaama’’ jedhan.
Pirezidaanti Wiiliyaam Ruutoon akkuma Uhuuruu Keeniyaataa irraa aangoo fudhataniin, Keeniyaataa Ergamaa Addaa Nagaa Great Lakes’ fi Baha Afrikaa gochuun muudan.
Marii nageenyaa Itoophiyaa kanas pirezidaanti duraanii Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataa, Pirezidaantii duraanii Naayijeriyaa Olesegun Obaasaanjoo fi itti aantuu pirezidaantii duraanii Afrikaa Kibbaa Puumzileetu qaamolee wal waraanaa turan lameen mari’achiise.