Hamaaqexni Indiyaa keessaa badee ture waggoota 70n booda deebi'uuf

Waggoota 70 keessatti yeroo duraatiif, bosonni Indiyaa hamaaqexa keessummeessuuf jira.

Hamaaqexni saddeet Hagayya keessa Naamibiyaarraa galu jedhamee eegama. Naamibiyaan addunyaarra biyya gosti bineensaa kun lakkoofsa guddaan keessa jiraatudha.

Indiyaatti bineensonni biyyattii keessa turan kunniin ifatti dhabamuun isaanii kan labsame 1952tti wayita tahu, barkurnee hedduun booda yeroo duraatif deebi'uuf jiru.

Hamaaqexni bineensa lafarra jiraatu addunyaa irratti saffisaan jalqabarratti argamu oggaa tahu, sa'aatii tokkotti hanga km113tti fiiguu danda'a.

Dhaabbata Gosoota Bineensotaa baduuf saaxilaman irratti hojjetuun, gosoota saaxilamoodha jedhamuun kan galmeeffame hamaaqexni, addunyaarra 7,000 kan tahan qofatu daggala keessa jiraata.

Angawoonni waliigaltee irra gahame kan ifa godhan, waggoota lamaaf haala akkamiin isaan fiduun danda'am kan jedhurratti hojjechaa erga turanidha.

Manni murtii waliigalaa Indiyaa 2020 keessaa, bineensonni kun deebi'uu danda'u jechuun kan murteesse ennaa tahu, kunis ''iddoowwan ofeeggannoon filamanitti tahuu qaba,'' jechuun ajaja kenne.

Kanneen marroo duraatiin gara biyyattii dhufan Paarkii Biyyaalessaa Kuno-Palpur kutaa biyyaa Madhya Pradesh kan gadhiifaman ennaa tahu, paarkichi hamaaqexaaf mijataa tahuusaaf filame.

Imalli deebiyuu bineeyyii kanaa biyyattiin walabummaashee ganna 75ffaa kabajjuun akka wal simu ni eegama.

''Waggoota bilisummaa 75 gosa bineensaa saffisaan beekamu hamaaqexa deebisuun xumuruun, qabeenya uumamaa Indiyaa bakka turetti deebisuuf gargaara,'' jedhan ministirri naannoo Indiyaa Bhupender Yadav maxxansa marsaa hawaasaa isaanii irratti.

Bineensi kun saffisa ajaa'ibaa qabaatus, adamoon, bakki jireenyaa manca'uu fi hanqinni nyaataa ida'amuun biyyattii keessaa akka dhabamu taasise.

Erga biyyattiin bulchiinsa Biritish jalaa birmaduu baatee booda, hosistoota gurguddoo dhabame isa qofaadha.

Hamaaqexa Eeshiyaa keessaa (Asiatic Cheetah) Naannoo Arabiyaa eegalee haga Afgaanistaan keessattillee argama ture.

Amma garuu Iraan qofa keessatti akka argamutti beekama. 2022 keessa aangawoonni mootummaa akka jedhanitti, isaaniyyuu 12 kan tahan qofatu argama.

1950'ota irraa kaasee Indiyaatti tattaaffiin lakkoofsa amaaketaa deebisuuf carraaqqiin taasifamaa ture. 1970'ota keessa bineensota kana Iraan irraa biyyasheetti fiduuf yaaltee turte - gaafas Iraan hamaaqexa 300 tahan qabdi turte.

Haa tahu malee mariin gaafas gaggeeffamaa ture erga bulchaan (Shah) Warraaqsa Iraaniin buqqifaman booda dhaabbate.

Angawoonni Indiyaa yaaliin amma itti jiran kun yeroo dheeraaf akka milkaa'u abdataniiru.

''Kaayyoon ijoo piroojektii amaaketa bakkatti deebisuu kun, lakkoofsa gareewwan hamaaqexaa Indiyaa keessaaf bu'ura kaa'uudha...,'' jedhe ministeerri kunuunsa naannoo biyyattii.