Pirezidaantiin duraanii Biraazil Bolsonaaroon hidhaa waggaa 27'n adabaman

Pirezidantii duraanii Biraazil Jaar Bolsonaaron erga wallaansa fayyaa taasifameefiin booda mataa qabatanii gaafa Addoleessa 5, 2025

Madda suuraa, EVARISTO SA/AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Jaar Bolsonaaroo himannaawwan shaniin badii irratti argame

Pirezidantiin Biraazil duraanii Jaar Bolsonaaro, fonqolcha mootummaa waraanaa karoorsuudhaan erga yakkamaa jedhamanii booda hidhaan waggaa 27 fi ji'a sadii itti murtaa'e.

Murteen kunis paaneliin abbootii murtii Mana Murtii Olaanaa shan of keessaa qabu kan dabarfame, erga hogganaa duraanii kun yakka itti murteessanii sa'aatii muraasaan booda ture.

Abbootiin murtii kunneenis erga dursaan duraanii kun filannoo bara 2022 garee morkataa isaa warra leeft-wing kan ta'e, Luwiiz Inasiyoo Luulaa da Siilvaan mo'amee booda, ofiin aangoo irra turuuf kaayyeffate shira dursuudhaan yakkamaa ta'uusaa murteessan.

Abbootii murtii keessaa afur yakkamaa ta'uu kan murtessan yoo ta'u, tokko ammoo bilisa isa baasuuf sagalee kenneera.

Abukaatoon Bolsonaaroo ammoo murtiichi kana ''garmalee naasiisaadha'' jechuun ''ol'iyyannoo barbaachisaa ta'e'' akka dhiyeessan himaniiru.

Paanaaliin Mana Murtii Olaanaa akkasumas hanga bara 2033tti akka filannoof hin dorgomne isa dhorkaniiru.

Bolsonaaro, balaa balalii'uu qaba jedhamuun erga hidhaa manaa jala oolfameen booda, dhaddacha marsaa dhumaa kanarratti qaamaan hin argamne ture.

Haata'u malee, kanaan dura himanaawwan adda addaatiin akka aangoo mootummaatiif akka hin dorgomne kan dhorkame ta'ulleen, aangaa'aan duraanii kun garuu akka filannoo pirezidantummaa bara 2026 irratti hin dorgomneef kan qophaa'e ta'uu dubbatee ture. Akkasumas "gochaa falfalaatii" jedheera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jechi isaanii kunis akkasumas pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampiin, kan meeshaalee Biraazil irratti qaraxa %50 kaa'aniin, himannaa Bolsonaaroo irratti dhiyaatee haaloo ba'uuf akka ta'ettiibsanii ture.

Murtii balleessaa kennameef kanaaf deebii kan kennan Tiraamp, murtichaan ''baay'ee ajaa'ibsiisaa'' jechuudhaan, muuxannoo ofisaanii waliin wal bira qabuun: "Sun baay'ee kanuma akka anarratti raawwatameetiin wal fakkaata. Garuu tasumaa ittiin hin milkoofne,'' jedhan.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoon, Manni Murtii Olaanaa Biraazil ''Pirezidantii duraanii Jaar Bolsonaaroon haqa malee akka hidhaatti murteesse'' jechuun ''adamsa falfalaa kanaaf deebii malu akka kennan'' doorsisaniiru.

Ministeerri dhimma alaa Biraazil ammoo deebii ariifataa yaada kanaaf kennuudhaan, "doorsisniwwan kan akka har'a isa Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoontiin aangoo Biraazil fi dhugaa jiruu fi ragaa dirqisiisaa galmee irratti argamu tuffachuuf taasifame, dimokiraasii keenya hin sodaachisu" jechuun X isaanii irratti maxxan.

Bolsoraaroon kan amma umuriin waggaa 70, amma umurii isaa guutuu mana hidhaa keessatti dabarsuutu isaan mudateera.

Abukaatoon isaa ammoo mana hidhaatti ergamuurra hidhaa manaa jala akka turaniif falmaa jiru. Akkasumas adabbii itti murtaa'e akka xiqqaatuuf gaafataa jiru.

Akkasumas murtii itti dabarfamee kanarratti ol'iyyannoo akka dhiyeessan himaniiru. Haata'u malee, ogeeyyiin seeraa . Aakkisaa ta'uu mala jedhan, sababiin isaas akka idileetti kan danda'amu yoo abbootii murtii shanan keessaa lama bilisa akka ta'uuf sagalee kennan qofadha.