Poolisiin Keeniyaa oppireeshinii WBO irratti gaggeesseen dahoo garichaa hedduu barbadeessuu ibse

Poolisiin Keeniyaa oppireshinii Kaaba biyyattii Marsabiitii fi Isiyoolloo keessatti WBO irratti gaggeessaa jiruun dahoo 14 ''yakkamtoonni'' ijaaranii ture jedhe barbadeessuu hime.

Tajaajilli Poolisii Biyyaalessaa Keeniyaa oppireeshinii maqaa ''Ondoa Jangili'' jechuun Guraandhala 3 bara 2025 jalqabeen buufata ykn dahoo adda addaa 14 barbadeessuun meeshaalee waraanaa adda addaas argachuu ibse.

Ibsa baaseen ''neetwoorkii yakkamtootaa haftee WBO gaggeeffaman'' irratti oppireeshinii gaggeesinee dahoo isaanii mancaasuun namoota dhunfaa garichatti hidhata qabianis to'annoo jala oolchineerra jedhe.

Meeshaalee waraanaa adda addaa 10, doolaara Ameerikaa sobaa fi Birrii Itoophiyaa, konkolaataa bishaan dedeebisuuf, doqdoqqee sagal,konkolaattota lama, kaanaabisii kg 200, soolaarii aannisa kennu, jenereeteroota, hogbarruu Oromoo adda addaa fi barreeffamoota piroopaagaandaa garichi itti fayyadamaa turre to'anneerra'' jedhe.

Namoonni dhuunfaa garee kanatti hidhata qabaachuun shakkaman to'annoo jala ooluun mana murtiitti dhiyaachuuf akka jedhanis poolisiin Keeniyaa himeera.

Dabalataan oppireeshinii gaggeeffamaa ture kanaan ''daddabarsi namaa seeraan alaa, seeraan ala albuuda baasuu, namoota nagaa ukkaamsuun maallaqa gaafachuu qolachuu dandeenyeerra. Miidhama uummata daangaa Keeniyaa fi Itoophiyaarra jiraatuu osoo hin himamiin turetti xumura godheera,'' jechuun ibsa baase.

Tajaajilli Poolisii Biyyaalessaa Keeniyaa lubbuu fi qabeenya namoota nagaa tiksuu fi yakka karaa kamiyyuu raawwachuu danda'u dhaabsisuuf yoomiyyuu akka hojjetu ibseera.

Poolisiin Biyyaalessaa Keeniyaa hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo gama kaaba biyyattii sosso'an jedheerratti dhihoo oppireeshinii gaggeesseera.

Kuni eega bulchiinsi Pirezidantii Wiiliyaam Ruutoo kan hawaasa Booranaa biratti deeggarsa guddoo qaban aangootti bahanii yeroo duraaf taasifame.

Kaayyoon isaas 'yakkamtoota oppireeshinii seeraan alaa gaggeessuun nageenya biyyaalessaa Keeniyaaf yaaddoo cimaa' waan ta'aniifi jedhe.

Kanaanis meeshaa waraanaa, meeshaalee quunnamtii, qoricha sammuu hadoochu, fi kaan to'achuu ibse. Nama qindeessaadha jedhe dabalatee kan to'ates akka qabu ibseera.

Waajjirri tikaa Itoophiyaa gama isaan oppireeshiniin Keeniyaa qindoomina mootummaa Itoophiyaa waliin taasifame jedhe.

Hidhattooti WBO himannaa mootummaan Keeniyaa irratti dhiheesse waakkataniiru, oppireeshinii kanaaf mootummaa Itoophiyaa himatani.

Waggoota dheeraaf Keeniyaanis ta'e gammoojjiin gama Kaaba biyyattii argamuufi Itoophiyaa daangessu, hidhattoota WBO's ta'e qabsaa'ota ABO'f akka ulaatti tajaajilaa tureera.

Hawaasi Booranaa gama Kaaba Keeniyaa Kaawuntii jechuunis bulchiinsota kanneen akka Marsabiit, akkasumas Isiyooloo keessa bal'inaan jiraata.

Bakkeewwan lafa gammoojjii bal'aa ta'an kuni gama kaabaan Itoophiyaa daangessu.

Toorri kuni lafa lammiileen Itoophiyaa jiruu gaarii barbaacha gara Afrikaa Kibbaa itti imalanillee.

Egaa poolisiin Keeniyaa kutaa bulchiinsa Solooloo akkasumas Martii jedhaman keessatti oppireeshinii gaggeessuu kan ibse.

Akka himeetti taanaan, kaayyoon isaa dahoo hidhattoota kanaa 'qulqulleessuudha.'

Maqaa duula kanaas ''Ondoa Jangili'' jechuunis ''Yakkamtoota Baasuu'' jechuun moggaase.

Gorsaan olaanaa Ajajaa WBO, Obbo Jireenyaa Guddataa, mooraa (kaampii) dhaabbataa [naannawa sanaa] hin qabnu jedhu.

''Keeniyaama keessa jiraachuufuu [WBOn] fedhii hin qabu,'' jechuun BBC'tti himan.

''Garuu daangaan sirriitti sararame waan hin jirreef namuu gamaa gamanaa wal keessa deema. Waraanni Bilisummaa Oromoos haaluma kanaan akka achi keessa socho'u beekamaadha.''

Akka hidhattooti jedhanitti, miseensonni isaanii %95 ol daangaa Keeniyaa irraa fagaatanii kibba Oromiyaa keessa socho'u.

Dhibbantaa 5 gadi ammoo naannoo daangaa Keeniyaatti dhihaatu akka jiran ibsa baasaniin beeksisan.

Oduufi xinxala biroof BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.