Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Nama hamachuun jaalala cimsuufi dhiibbaa taasisuuf gargaara- qorannoo
Hamiin maqaa isin balleessuu, amala keessan jijjiruuf dandeettii qaba.
Bashannanaaf garuu namoota hedduu biratti hamiin ''cubbuudha.''
Hamiin magaalaa hanga baadiyaattii amala aadaa hawaasa baayyee keessa jiru akka ta'e qorattoonni ni dubbatu.
Yunivarsitii Waashingitan DCtti qorataan jijjirama tirannaa kan ta'aniifi pirofesarri ittaanaan, Dr Niikool Heegan Hees, ''haaluma qabatamaa jiruutiin aadaa kamuu keessatti namni hundi hamachuu danda'u'' jedhu.
Waa'ee hamii yoo yaadnu daba yaaduun waa'ee namootaa haasa'uu yaaduu dandeenya. Haata'u malee, Dr Hees ilaalcha kanarra bal'aa qabu. ''Hamiin jijjirraa odeeffannoo maqaa beekkamtii waliin wal qabate'' kamu ilaalata jedhu.
Kana jechuunis waan waahillan, maatiin, hiriyoonni ykn namoonni faallaa keenyaa waa'ee keenya dubbatan jechuudha. Haata'u malee, kunis haala gabaasa oduu ykn qabxii dorgommii ispoortii kan jedhamus ni hammata.
''Akka ilaalcha kootti qaamni sadaffaan hamatamaa jiru eddoo sana jiraachuu dhabuun hin barbaachisu. Osoo waliin jiranuu fulaa fulatti hamatamu danda'a'' jechuun ibsan.
"Waa'ee isaanii haasa'aa jirtu yoo ta'e, waa'ee uffannaasaanii ykn waa'ee isaan hojjatan yaaduun kun anaaf hamiidha'' jedhu.
Haata'u malee, ilmaan namaa amala akkasiitiin kan qabaman maaliifiidha? haaffiin jedhu dhimma qorattoonni bara kanaa irratti xiyyeeffataniidha.
Mee yaadawwan remee muraasaa kaafnee waliin haa ilaallu.
Hiriiyoota uumachuu
Hawaasaa tokko keessatti hamiin gahee gaarii qaba yaada jedhu kan beeksiisan qorataan jijjirama tirannaa (Anthropology) Pirofesar Robiin Dunbaar'dha.
Haala yaada qorataa kanaatti, of eeguun amala hawaasaa ta'usaatiin alatti kan ittiin qulqullinni ofii eegamuudha. Hariiroodhaan alatti, walitti bu'iinsaan booda walitti araaramuuf, mudama tasgabbeessuufi eddoowwan caasaa hawaasaa ramaduuf oola.
Kunis adeemsi hawaasummaa walitti hidhu jedhama.
Haata'u malee, ilmaan namaa hamii qabduu hin qabneen walitti dhufeenya uumachuu, eddoo gitaa nama tokkoo ijaaruu fi eenyuun amanuu akka qabnu fi akka hin qabne baruuf, odeeffannoo hawaasaa wal jijjiruudhaan tiksituu nama hawaasa hammayyaa goonee ilaaluu dandeenya.
Akka Pirofesar Dunaabar jedhaniitti Afaan mataansaa namoonni akka hamataniif jedhamuun fooyya'eera.
Qorannoo bara 2021tti Yuunivarsitii biyya Ameerikaa Daawutmaawuz keessatti gaggeeffameen, qorattoonni namoonni waliin hamatan tokko ilaalcha isa kan biraa irratti dhiibbaa gochuu isaatiin alatti adeemsichaan hariiroon ni cima jedhan.
''Hirmaattoonni wal waliin miira waloo cimfataniiru jennee amanna. Hariiroo hawaasaa argachuuf fedhii qaban guuttachaa, tokkoon isaanii amalaa fi ilaalcha isa kaanii irratti dhiibbaa gochuun 'addunyaa waloo' uummatu'' jechuun ibsan qorattoonni kunneen.
Kana malees, hamiin garee keessatti wal ta'iinsa akka cimsu hubataniiru. Hirmaattoonni qorannichaa tapha gareetiin waliin haasa'uuf jecha maallaqa dabalataa baasuuf fedhii ni qabaatu.
''Haamiin gosa tokkicha qofaa miti. Yaada ummataatiin hiika baayyee dhiphaa 'kan buu'uura hin qabne, oduu hin taane' jedhamee calaqasiifamu caalaa wal xaxaaadha'' jedhu qorattoonni.
Qopheessituu poodikaastii 'Normal Gossip' jedhuufi kan namoonni idilee hamiisaanii irratti qoodanii, Kelsii Miikikiinii, oduuwwan guddaan namoota wal hin beekne akka walitti siqsu sirriitti beekti.
Weerarri kooviid yeroo itti mudatee kaasee namoonni ofiisaanii adda baasanii akka turan wayita dirqisiifamaniitti, fedhiin oduu argachuu caalaa dabale.
''Akka beeloofnee naaf gale'' jetti.
"Jireenyi keenya hedduu fi haalli itti addunyaa itti hubannu kanijaaramu haaluma oduu ofii keenyatti himnuutiin. Kanaaf, Oduun ammoo isa nuti ofii keenyaatti himnuudha. Wal wlaiin keenyaan waa'ee ofii keenyaa ni haasoofna. Kun balaa qabaatus waan baayyee gaariis ni qaba'' jetti.
Jiraachuu
Ilmaan namaa ofii saafi namoota naannoosaatti argaman irratti miidhaa mudachu danda'an attamiin sirriitti eeguu akka qaburratti waggoota miliyoonoonaan karaa fooyya'aa uumeera.
Dubartootaa tokko tokkoof keessattuu yaaddoowwan balaa hariiroo jaalalaa hir'isuuf hamiin mala gaarii ittiin keessaa bahaniidha.
Dr Niikool Heegan Hees ''dhiiroonni yoo dubartoota waliin wal dhabdee keessa seenan dubartoonni qamaan xiqqoo waan ta'aniif miidhamoo ta'u. Keessattuu duubartoonni firootaa fi hiriyoota dubartootaasaanii dhihootti odeeffannoo qooduun barbaachisaadha'' jedhu.
Lubbuun jiraachuufi bakka hawaasa keessatti qabu ykn maqaa gaarii irratti kan bu'uurreeffatuudha.
''Maqaa badaa kennuun badii ta'u danda'a'' jedhu Dr Hees yoo ibsan. Bakkee hawaasa keessatti qabdan miidhuu danda'a. Carraa diinagdee keenya gufachiisuu akkasumas carraa qabeenyaawwan akka nyaataa jiran argachuu isin dhabsiisuu danda'a.
''Kanaafuu namoonni waa'ee keessan yoo douu gaarii dubbatan, dhugaatti miidhaa olaanaa qaqabsiisuu ni danda'a'' jedhu.
Dr Hees hamiin caasaa hawaasaa keessatti eddoo ofii eeggachiisuuf ykn fooyyeessuuf mala hawaasummaa hojiirra oolu akka ta'e kaasu.
Namoonni karaa hariiroo hawaasummaa isaanii attamiin akka ilaalaman to'achuu gorsu. Kanaafuu, wal waliisaanii to'achuuf hamii keessatti hirmaatu. Dr Hees itti dabaluun, namoonni maqaasaanii eeguudhaafi yeroo tokko tokkoo ammoo warra faallaasaanii jiran miidhuuf hamiitti akka fayyadaman dubbatu.
''Namoonni umamaan dorgomtoota. Kanaaf, walitti bu'iinsi dhimma dhaabnu miti'' jedhu.
Bashananna
Hamiin namoota hedduuudhaan tapha miidhaa hin qabne taasifamee fudhatama.
Qopheessituun poodkaastii Miikkiiniin ''hamii akkasii irran hojjadha'' jetti. Isheen leellifamuun, seenaa odeessuuf jalalli qabduu akkasumas maatii amantii cimsan kan isheen keessatti guddateetti hamiin cubbuu taasifamee ilaalamuunsaa madda hojii isheeti.
''Kutaan hamii inni guddaan afaan namaatii bahee battalatti naam biraaatti kan himamuudha'' jetti. Kanaafuu addunyaan hamii malee ''namatti hin toltu'' jechuun kofalti.
Bohaaruudhaaf, jiraachuu ykn hariiroo hawaasummaatiif yoo ta'es hamiin jireenya keenya keessatti kan adda hin cinneedha.
Hamiin ''ibsituu ilamaan namaa idil-addunyaa waan ta'ef baduu hin qabu'' jedhu Dr Hees.
"Hamiin addunyaa dhugaa keessatti balaas qaba'' jedhu. Osoo haasaa akka barbaadeetti dubbatamu, kan dhugaa hin taane, kan idilee hin taane hin jiraanee, namoonni miseensa hawaasa biraatiif faayidaa ramaduuf yeroo murteessaniitti dhiibbaan jiru hin jiraatu ture.''