Daddafanii immoo suuta nyaachuutu fayyaa keenyaaf fayyada?

Daddaftee nyaattaa? Suuta nyaachuun sababoota barbaadamuuf qabaa laata?

Yunivarsiitii Kaanaadaa Manitobaarraa hayyuun Dr. Sahi Kirishna Gudii jedhatu, nyaata dafanii nyaachuun fayyaatti dhiibbaa qabaachuu fi dhiisu qorataniiru.

"Yeroon nyaata itti soorannu gosa nyaataarratti hundaa'a" jedhan.

"Daqiiqaa 10 hanga 20 nyaataaf yeroo gahaadha. Daqiiqaa 10tti ykn isaa gaditti nyaachuun akka daddafanii nyaachuutti ilaalama,'' jedhan.

Daqiiqaa 20 fi isaa ol nyaachuun ammoo suuta nyaachuu ta'u himu qorataan kun.

Yeroo hangamiif nyaatarra akka turtu murteessuu baatan illee, nama saffisaan nyaatu ta'uu fi dhiisuukee beekuu dandeessa jedhu ogeettiin sirna soorataa Reema Pillahi.

"Mallattoolee kana keessaa tokko yoo adda baaste of gaafadhu: Nyaata kee namoota biroo si waliin nyaatan caalaa daftee xumurta yoo ta'e, garaan si goga yoo ta'e, nyaata baay'ee nyaachuu akka barbaaddu sitti dhaga'ama yoo ta'e," kun hundi mallattoo nama saffisaan nyaatu ta'uu danda'a jetteetti.

Miidhaa maalii fayyaarratti qaba?

Kun waan yeroo baay'ee dhageenyu ta'us falmisiisaadha.

Qorannoon tokko akka agarsiisutti saffisaan nyaachuun namoota rakkoo garaachaa

(chronic acid reflux) qaban irratti dhiibbaa akka hin qabne ibseera.

Haa ta'u malee daddafanii nyaachuun goga garaa fi dhuufuu namatti buusuu akka danda'u ibsameera.

Yeroo saffisaan naaata nyaannu qilleensa baayinaan keessaatti fudhanna,

"kun mallattoolee nyaanni sirnaan bullaa'uu dhabuu hordofsiisu danda'a.

Wantootni biroo kanneen akka dhiphinaafi gosti nyaataa, akkasumas rakkoon bullaa'insa nyaataa nyaanni sirnaan akka hin bulloofne gochuu danda'a" jetti ogeettiin sirna soorataa Reema Pillahi.

Dhukkuba sukkaaraa gosa 2ffaa

Gudiin qorannoo akka gaggeessu kan isa kakaase dhimma kana. Ragaalee sadarkaa addunyaa (hanga bara 2020tti) "qoratee akka akeekutti, "Nyaata saffisaa nyaachuu fi carraa dhukkuba sukkaaraa gosa 2ffaa qabaachuu gidduu walitti dhufeenyi jiraachuu akeeka" jechuun yaadasaa guduunfe.

Kanaafuu, daddaftee nyaachuun balaa guddaa maaliif si saaxila?

Gudiin sababoota hedduu argateera.

Tokkoffaa, yoo daftee nyaatte garmalee nyaachuu dandeessa, Akka quufne sammuun keenyaan mallattoo nutti himu argachuuf gara daqiiqaa 20 waan fudhatuuf, yoo daftee nyaatte osoo quufuu kee hin beekin baay'ee nyaachuu dandeessa.

Akki itti soorannu hamma sukkaara dhiiga keenya keessatti argamuu dabaluu danda'a.

Gudiin qorannoo 'yoo daftee nyaatte qaamni namaa insuliinii ofirraa loluu ( insulin resistance) akka horatu gochuu mala jedha.

Haa ta'u malee, , dhimma kanarratti ammallee waan baay'een barachuu qabnu jira jedha Gudiin.

Ulfaatina qaamaa dabaluu

Dr. Toshihaki Ohikuma, Yunivarsiitii Kyushu, biyya Jaappaanitti qorateedha.

" Ragaa qorannoo 23 irra argame akka agarsiisutti saffisaan nyaachuu furdina garmalee dabalatee, fi ulfaatina qaamaa dabaluu waliin hariiroo qaba."

"Namoonni dafanii nyaatan warra suuta nyaatan waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu giddu galeessaan body mass index kg/m2 1.78' caalu qabu.

Kana malees, warri dafanii nyaatan carraan furdina garmalee qabaachuu isaanii dachaa lamaa oliin caala."

"Nyaata suuta nyaachuu jajjabeessuun furdina garmalee ittisuuf tooftaa bu'a qabeessa ta'uu danda'a," jechuun Ohikuma ibsaaniiru.

Sababoonni ulfaatina qaamaa dabaluu dhukkuba sukkaaraa gosa 2ffaaf carraa nama saaxilu dabala.

"Namoonni yeroo dafanii nyaata nyaatan osoo sammuun mallattoo quufuu akeeku hin argatin dura kaalorii baay'ee fudhatu,'' jedhu.

"Kana malees, warri dafanii nyaatan baayyee hin alanfatan, kunis furdina garmaleef gumaacha qaba" jedhu.

Ohikumaan: "Furdinni garmalee dhukkuboota yeroo dheeraaf namarra turan , kanneen akka dhukkuba sukkaaraa gosa 2ffaa, dhiibbaa dhiigaa, dhukkuba sirna bullaa'insa nyaataa, dhukkuba onneefi ujummoolee dhiigaa dabalatee, rakkoo fayyaa hamaa biroo fiduu danda'a " jedha.

Akkamitti suuta nyaachuu dandeenya?

Tooftaan namoota gargaaruu danda'u itti yaadnee nyaachuudha. "Nyaata dhandhama, urgaa, bocasaa fi miira waliin jiru hunda baruudha," jedhu Dr. Maayikeel Mantiziyoos, Dr. Maayikeel Piroofeesara Yunivarsiitii Birminghamitti hayyuu akkaata inyaachuu qabnurratti qorannoo gaggeessaniidha.

Yeroo nyaattu dhandhama, boca, foolii soorataaf xiyyeeffannaa kennitee, akka tasaa sammuun hojiiwwan hojjechuu qabdu tarreessa ta'a."

Nyaataaf xiyyeffannoo laachuun jechuun nyaatarratti yaadaan baduurra barsiifata soorata fuulura keenya jiruuf xiyyeeffannoo kennuuti.